Ummata Oromoo Lolli Irratti Baname Yakkamaa Taasisuuf Yaaluun Akeeka Mootummaa Wayyaanee Ifa Godha
(Ibsa ABO)
Mootummaan Wayyaanee akeeka dhaabbataa, ummata Oromoo miidhuu jedhuun lola ummata Oromoo irratti adeemsisutti dabalee ummatoota waggoota dheeraaf obbolummaa, jaalalaa fi nagaan waliin jiraatan irratti kakaasuun dhumaatii gaddisiisaa fi ulfaataa dhaqqabsiisuu erga jalqabee ji’ootni lakkaa’aman. Lola hogganoota, qondaalota waraanaa fi tikaa Wayyaaneen qindeeffamee ajaja isaaniin Liyyuu Polisiin irratti geggeeffamu kanaan lammiileen Oromoo lubbuu dhaban dhibbootaan lakkaa’amu. Kan qaamaa hir’atan, qe’ee isaanii irraa baqachiifaman, qabeenyi saamamee fi barbadeeffamee bakkeetti hafanis kuma dhibbootaan lakkaa’amu. Kun hundi tahee Muummichi Ministeraa Itoophiyaa guyyaa tokkollee dhimma kana dubbatee hin beeku.
Lolli ummata Oromoo irratti mootummaa Wayyaanee fi mootummaa bulchiinsa naannoo Somaaleen geggeeffamaa jiru kun akka tasaa kan eegale osoo hin taane, yeroo dheeraaf irratti yaadamee fi qoratamee kan jalqabame dha. Ummata Oromoo jilbeenfachiisuuf karoora hidhannoo hiikkatuu qaba jedhuun hikkachiisee meesha-maleeyyii taasisuun weeraraaf saaxile. Haala aanjaa mootummaan kun uume kana irratti hundaa’uunis, kanneen hidhannoo, leenjii fi dhiheessii gahaa mootummaa irraa argatan, ajajaa fi karoora mootummaa hojii irra oolchuuf, akkasumas fedhii addaa lafa Oromoo irraa qaban guuttatuuf gara-jabina dorgomaa hin qabneen Oromootti duuluun daa’immanii fi dubartiin osoo hin hafiin jumulaan ajjeesan. Mana irratti guban. Qabeenya saaman. Beeylada isaa ooffatan. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk