SBO Mudee 3,2017. Oduu, Cuunfaa Gabaasaa FXG tibbanaa fi Gaaffii fi Deebii HD ABO Jaal Daawud Ibsaa Waliin taasifne Kutaa 4ffaa.

Aside

New Oromo Music: “Mee Walii Birmadhaa” Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Mudde 1,2017

Aside

ONN:Oduu torbaanii kan Afaan Amaaraa Muddee 2/2017

Aside

Barattooti Oromoo Universtiy Wallaggaa 120 ol ta’an Amma Gaaffiin Ummata Oromoo Deebi’utti Mooraa Gadhiifnee Baana Jechuun Murteessan.

Aside

Muddee 3,2017/Barattoonni Oromoo Yuunivarsitii Wallaggaa keessa jiran addattimmoo dhalattoonni  gosaan  Boorana tahan 120 ol mooraa yuunversiitii wallaggaa keessaa osoo hadhaa fi abban keenya dhumaa jiranii mooraa keessa teenyee barachuu hin dandeenyu jechuun mooraa yuunversiitichaa gad lakkisanii deemuuf murteessanii jiru.
Yakka diinummaa mootummaan Abbaa irree wayyaanee Karaa daangaa oromiyaarraan uummata oromoorratti raawwatamaa jirutti kan gaddan barattoonni oromoo lamummaadhaan booranaa ta’an gadda keessa darbuudhaan guutummaan guutuutti ogummaa fi beekkumsaan ilmaan Oromoo daangaa irratti waraana liyyuu poolisii sumaaleedhaan dhummaa jiran cina hiriiruufis murteeffachuu isaanii addeeffamee jira. Continue reading