“Siin Barbaachan Manaa Bahe Yaa Biiftuu” Wallee Haaraa, Sabboonaa Artist Ifaa Gammachuun

Aside

Uummata Oromoo fi Oromiyaa Irratti Maaliif Diinni Baayyataa?

Aside

FIRAOL GUUTUU Irraa

barruuAkkuma seenaa irraa dhageenyetti, akkuma argaa jirutti oromotti diinni ni baay’ata ! Maaliif laata ? Sababa isaa yoo barree rakkina kana huddeen doomsuun salphaadha!Ani ta’ee yaadee yaadee gaaffii kanaaf deebii soqaa yeroo hedduu balleesera, akkakootti waan dhugaa qabatamaan hubadhe sabakoo biraan gahuuf qubeekoon eegale,Hayyoonni ,midi’alleen oromoo irratti hawaasa haa mariisisu , kaanis ergaa kana dubbisee waliin irratti hiriyyootaan marii’achuun salphiana kanaaf deebii xumuraa itti laachuun dirqama lammummaa haa bahu! Oromotti diinni kan baay’atuuf:-

  1. Oromoon kan uumaa isaa waaqessu, afaaniifi aadaa isaan boonu akkasumas uumama hundaaf kabaja qabu waan ta’eef, inni kuun diinaaf gufuu ta’e nuun fakkaadha,afaan keenya haasa’a, waaqa keenya waaqessa, nu malee of hin ta’iinaa ergaa jedhu qabaachuun diinni nuratti baayya’atte.
  2. Oromoon gara laafessa ,arjaa sorgaana, kan qabu kan hiru ,rakkataa kan gargaaru, mana isaa karaa deemaa kan bulchu waan ta’eef, irraa nyaachuu ,harkaa dhuguu ,kan isaa saamuu ,hiyyoomsuu fi jedhee lafaa fi qee’ee isaa irraa balleessuuf diinni irratti wal ijaare ka’e! Halaan garaamomuun oromoo diina irratti margisiise.Sagaleen waaqayyoollee kitaaba qulqulluu keessatti akkas jedha, akka gugeetti garraamomaa, akka bofaattis abshaaloma jedha, kana jechuun lamaan isaaniyyu ni barbaachisu ,oromoon garuu eenyuuf, maaliif hagamitti akka garaamomu dagate. kan isa balaalefatuu fi kan jiraachuu isaa mormuun isa ajjeesaa jiru irratti garaamummaa baay’ise! Ummata Oromoo fi Oromiyaa Itti Maaliif Diinni Baayyataa

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, February 25, 2015

Aside

Walaloo Shamarree Oomoo Oromiyaa irraa Abay Tsehaye fi ergamtoota isaaf dhaamte

Aside

Manni Barumsaa Godina Wallaggaa Horroo Gudruu Magaalaa Harato Gaaffii Barattooti Kaasaniin Hojii Dhaabe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Magaala Haratoo Guraandhala 24,2015

diddaa9Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii magaala Haratoo irraa gabaasi Qeerroo akka ibsutti mana  barumsaa sadarkaa 2ffaa magaala Haratoo rakkoo bulchitootaa fi sirna barnootaa waliin wal qabatee diddaa kaasuun manni barnootaa dhaabbate.

Dorgommiin barnoota biyyoolessaa guutummaa biyyatittii keessatti ta’een wal qabatee barattooti Oromoo kanneen naannoo kaanii irra haalaan miidhamaa ta’uu fi rakkoon qaalawiinsa jireenyaa waliin wal qabatee diddaan ka’aa jira. Tigraayii fi ilmaan Tigree sadarkaa kana keessa hin jiran wal hin madaallu jechuun barattootni kutaa 9ffaa fi 10ffaa walii galatti barattootni 1,627 akkasuma barattootni kutaa 11 fi 12 baratan walii galatti barattoota 588 akka walii gala barattoota kanaatti, barattoota 2,215 guraandhala 9,2015 irraa kaasanii barumsa dhaabuun hanga har’aatti barumsatti kan hin deebinee fi manneen barnootaa magaala kanaa cufamee akka jiru odeessaan achirraa nugahaa jiru addeessa.

SBO Gurraandhala 25 Bara 2015. Oduu fi qophiilee haala yeroorratti fuulleffatan adda addaa

Aside

“Finfinneetti Wal Agarra” Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa, Guraandhala 24, 2014 Gadhiifame.

Aside

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Gachii Magaala Gachii Keessatti Warraaqisi Bilisummaa Itti Fufuun Uumanni Daandii Cufe

Aside

 Gabaasa Qeerroo Guraandhala 24,2015

diddaa9Dhimma abbuummaa lafa qonnaan bulaa fi qaala’iinsa jireenyaan wal qabatee Oromiyaa naannoo garagaraatti uummataan gaaffiin ka’aa jira. Odeessa Qeerroo gara lixa Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa fi Wallagga Bahaa irraa akka gabaasutti, Guraandhala gaafa 17/2015 irraa eegalee godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Gachii magaala Gachii keessatti dhimma lafaa fi Oromoota yakka malee hidhamaniin wal qabatee gaaffii mirgaa ka’een, obboloota keenya mana hidhaa keessa jiran hiikamuu akka qaban jechuudhaan uummanni gaafachaa oolaniiruu. Haala kanaan daandii cufuudhaan dhaamsa;

  • Obboloota keenya hidhaman haa hiikaman,
  • Lafti seeraan ala qonnaan bultoota irraa fudhatame akka hatattamaan deebi’u.
  • Namni yakkaa fi badii tokko malee mana hidhaa mootummaa keessa jiru kan hin hiikamne yoo tahe filannoon  naannoo kenyatti hin gaggeeffamin,
  • Filannoon dura hidhamtootni dhimma amantaanis tahe dhimma eenyummaa isaaf mana hidhaa jiru hiikamuu fi gadhiifamuu qaba;

Kan jedhu erga telefoonaan waliifis dabarsuun guyyaa kana daandii cufuun kan oolan tahu odeessaan Qeerroo achirraa nugahe addeessa. Haaluma kanaan sochiin naannicha irratti Sambata darbe eegale mootummaan Wayyaanee gaaffii isaanii kanaaf hedduu yaadda’uu fi mufachuu irraan kan ka’e tikoota fi milishooti Wayyaanee uumata marsanii jiraachuun gabaafame.

Gootonni Dargaggoonni Oromoo Jimmaa Warraaqasa Bilisummaa Finiinsuun Diddaa Kaasan,Poolisoonni Oromiyaas FDG Tumsan

Aside

 Guraandhala 23,2015 Waldorgommii Ispoortii Akka Oromiyaatti Magaalaa Jimmaa irratti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee Guyyaa hardhaa Magaalaan Jimmaa Wallee Warraaqsaa FDGf uummata qopheessuun  dhuunfatamte .Poolisootni Oromiyaas sochii Qeerrootti makamuun  Wallee Warraqa wallisaa turan. Goototni Dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Koolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo jirattootni magaalaa Jimmaa  bakka waldorgommiin Ispoortii Shaampiyoonaa Oromiyaa gaggeeffama jirutti walitti qabuun Walleelee Warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu fi FDGf uummata qopheessuu qabsiisuun magaalaa Jimmaa keessa naannaa’uun eenyummaa, Oromummaa fi gootummaa isanii ibsachuun uummata haalaan dammaqsan. Guyyaa hardhaa Istadeumii Magaalaa Jimmaa keessatti yeroo taphattootni Kubbaa miilaa Magaalaa Amboo fi Jimmaa taphatan walleen warraaqsaa haalaan jabaate, magaalaan Jimmaas raafama guddaa keessa seente, humnootni basaasaa to’achuu hin dandeenye., Walleewwaan Warraaqsaa dhageesisaan keessaattis Jimma kan keenya, Amboo kan keenyaa, Finfinneen kan keenya, Wallaggaan kan keenya, Iluun kan keenyaa, Harargeen kan keenyaa, Adaamaan kan keenya, Bishooftuu, Burraayyuun, Holotaan, Sulultaan, Xaafoon, fi Sabbataan kan keenya Oromiyaa Badhoon biyya keenyaa jechuun haala uummata hawwatuun wallee warraqsaa magaalaa Jimmaa keessa nanna’uun finiinsan. Poolisota  Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessa jiraniif goototni qeerroon barattootni Oromoo waamicha ”Poolisiin kan keenyaa” jedhu waan dabarsaniifPoolisootni hedduun wallee warraaqsaatti makamuun gootota sabboontota Oromoo waliin wallee warraqsaa finiinsan. Walleewwan warraqsaa Goototni Oromoo finiinsan kunis mataduree:  akka halagaan Oromiyatti hin seenne”, Yaa gadhee maaf fokkortaa dhiira namarra baasa kobbortaa’‘, ”Siifan lolaa uummataa narra hin gortuu” kanneen jedhaman ifatti magaalaa Jimmaa keessa naanna’uun uummata sochoosan. Diinaafis  firaafis haagaluu jechuun  goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, kolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo jiraattootni magaalaa Jimmaa sodaa tokko malee ifatti wallee qabsoo warraaqsa FDG qabsiisuun hidhaa, du’aa, fi daraara fedhee illee fudhachuuf qophii ta’uu ibsatan.  uummaatni jiraattootni Magaalaa Jimmaa daandiitti gadii yaa’uun gootummaa dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo kana kan ajaa’ibsiifatan yoo ta’uu Poolisootni Oromiyaa Wallee warraaqsaa kanatti makamuun qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Guraandhala 23, 2015

Aside