“Hee..Oromiyaa Qeerroon Sii Kaate Barana Ammoo” Jala Bultii Sadaasa 9 Yuuniversitii Jimmaa
Aside
Akkuma Sadaasa 7 irraa kaanee gabaasaa turre godinaalee oromiyaa bakkoota adda addaatti qophii jala bultii Sadaasa 9 FDG yaadannoo isaan wal qabatee Qeerroon uummata keessatti yaamicha qabsoo dhimma bahuudhaan, waraqaalee garagaraa kan maxxanfamaa turan naannolee oromiyaa wal duraa duubaan akka kanaa gadiitti nuufata manneen barnootaa fi uummataan kan kabajamee oole, godinaalee:
1. Lixa Shagaar aanaalee Amboo, Gudar, Miidaqany,Gincii, Jalduu,Ijaajjii, Calliyaa,fi Baakkoo keessatti Sadaasa 7 irraa kaasuudhaan magaalaa manneen barnootaa fi yuuniversitii akkasuma naannoo koolejjitti dua barataa Jaagamaa Badhaaneen wal qabsiisanii waraqaa hedduun maxxanfamee kan ture,akkasuma dhaadannooleen garagaraa waajjiraalee mootummaatti maxxanfamanii kan jiran akkasuma diddaan ciminaan akka itti fufu rakkoo uummata Oromoof hojjetaan,barataan qote bulaa,daldalaan iyyaa iyya dabarsaa jechuudhaan barruu xixiqqaan magaalota kanneen akka Amboo keessatti darbatamaa kan tureedha. Barattootni Yuuniversitii hunduu walitti dhufuudhaan guyyaa kana kabajanii kan oolan yoo tahu,akka lixa shaggara aanaalee olitti xuqaman kana keessatti FDG Sadaasa 9 kabajuudhaan wal qabsiisanii waamicha diddaa uummanni kaasuu qabu irratti dhaamsa dabarsuu, barruulee xixiqqa gandoota keessa faffacsuudhaan waamicha FDG dabarsuu irratti hojii cimaa hojjechuudhaan kan darbaniidha, waraabbiiwwan gama kanaan jiran hunduu kan dhiyaataniidha.
Wallagga Lixaa,Horru Guduruu fi Wallagga Bahaa,Akkasuma Qellem Wallaggaa Keessatti- Aanaanee godinoota kana keessatti argaman caasaa Qeerrootiin akkasuma maneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa irraa kaasanii hanga qophaayinaatti koollejjiwwan dabalatee haala hooaan guyyaan kun kabajamee kan oolee fi waraqaan Qeerroon godinoota kana irratti haa maxxanfamuuf dhaame sochii diinaan wal qabatee hanga karoorfame tahuu baatullee, waraqoonni manneen barnootaatti akka maxxanfaman gabaasni kan dhiyaataa jiru, akkasuma uummata gidduutti waraqaan kan maxxanfamee jiru, akka lixa Wallaggaa irraa gabaasni dabalataa nu qaqqabee jirutti manneen amantaallee dhiisani namootni yaadannoo guyyaa kanaa irratti hirmaachuudhaan dhaamsa Qeerroo waliif dabarsaa kan oolan tahuu isaa gabaasni nu gahee jira,akkasuma Qellem Wallaggaa Dambi — Guutummaa gabaasa kanaaf:-
Godina lixa Shaggar aanota garaagaraa fi dhabbilee barnoota keessatti bifa haala miidhagaa ta’een Sadaasni 9 guyyaan yaadannoo FDG marsaan 9ffaa kabajamee jira. Guyyaa kaleessaa Sadaasa 9/2014 goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo yaadannoo FDG marsaa 9ffaa kabajamaa jiru sababeeffachuun walga’ii guddaa gaggeeffatan milkiin xummuratan .
Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo dungoo diimaa magariisa diimaa qabsiifachuun suuraawwaan gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo warraaqsa FDG irratti warreegaman waliif raabsuun, seenaa gootota ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegamani waliif dubbisuun itti fufinsa FDG fi kayyoo gototni Oromoo irratti wareegamaa jiran galmaan ga’uun bara mootummaa abbaa irree wayyaaneetti xummura gochuu qabna jechuun marii bal’aa haala FDG fulduratti finiinsuuf jiran haalan qindeeffachaa fi qophii dursa barbaachisu irratti yaada waliif kaasuun akeeka abdachiisa ta’e lafa kawwachuun walga’ii isanii milkiin xummuratan. Kana malees guyyaa kaleessa haala Sadaasni 9, guyyaan yaadannoo FDG marsaa 9ffaan Uummata Oromoo Ambootiin bifa adda ta’een kabajame, uummatni cufti bakka jiru hundatti guyyaa kana yeroo yaadatu hojii dhaabuun walitti dhufuun marii garaagaraa qabsoo FDG fulduraaf taasisuun kabajachuu gabaasan nu qaqqaba jiru ni addeessa.
Barruuleen warraqsaa fi dhaadannoo qabsoo bilisummaa Oromoo fi gootota qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegaman faarsuu bakka hundatti bittinneeffamuu fi uummataaf raabsamuun kabajame. Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF sochii jiru irraa rifatuu guddaa keessa galuun human waraanaa guddaa bobbaasuun Magaalaan Amboo fi yuunibarsiitiin Amboo waraanaan eegamaa jirti.
Godinuma kana aanota kanneen akka Amboo, Gudar,Midaa Qanyii,Xiiqur Incinnii, Calliyaa Geedoo, Ijaajjii, Jalduu, Gindabarat, Gincii, Meettaa Roobii, fi Adaa’aa Bargaatti sadaasni 9 guyyaan yaadannoo FDG marsaa 9ffaan haala ajaa’ibaan kabajame,goototni barattootni manneen barnootaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina, fi barattootni m/b Carii Amboo sadarkaa 1ffaa sadaasa 9, guyyaayaadannoo FDG marsaa 9ffaa barnoota dhaabuun qabsoo bilisummaa Oromoo irratti marii bal’aa gochuun haalan kabajatan.