Qophii Addaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Sadaasa 5,2014
Aside
Sadaasa 04 Bara 2014 Jiituu Lammii Irraa
Barri 1998, bara Afaan Oromoo yeroo jalqabaatiif qormaata biyyoolessaaf dhiyaate tauun buaalee dhiigni ilmaan Oromoo magarse keessa isa hin dagatamne taa. Barri kun bara hojiin Oromoo fi Oromummaa qalbii dhalootaa keessatti deebisanii magarsuuf taasifame hundee jabaa horachuu mallattoon eeru itti mulatee dha. Dhaloonni haala kana keessa cayaa Oromummaa jalatti, harka Oromoorrattii fi foolii Oromummaa keessatti guddate dhaloota gadoo sabaa baasu, madaa lammii dhinsu (fayyisu), dhaloota seexaa fi murannoo addaa qabu, dhaloota gabrummaa hadheeffate taeetu guddate. Dhaloota ormaaf hin jilbeeffanne kan ofii dabarsee hin laanne, dhaloota fincilaa tauu hojiin mulise. Hojii dhaloota kanaatu dhimmi Oromoo dubbii abbaa jabaa qabu tauu mirkaneesse. Fiixee dubbii addunyaatti olbaasee toora qabsiise. Kanatu xiyyeeffannoo dubbii koo haraatii na waliin turtuu laata!!
Bitootessa, 2000 bosonni Oromiyaa Booranaa fi Baalee torbanneeniif birmachuu tokko malee gubachuun dhugummaa dubbii kanaaf mirkana tae. Kan Oromiyaaf birmatu Oromoo tauutu hubatame. Manneen barnootaa Oromiyaa keessatti argaman hunda keessaa sagaleen gurmuu jabaarraa dhagahame dhugumattuu dhaloonni roorroo bara dheeraatti xumura tolchu qeee Oromoo keessaa biqiluu akeeke. Sana booda Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) otoo walirraa hin cinne arguu fi dhagahuun adaa tae.
Mootummaan Wayyaanee afaan qawweedhaan erga aangootti olbahee kaasee hidhaa, ajjeechaa, biyya irraa arii’uu fi darara dhala namaaf hin malle barattoota Oromoo irratti gaggeessaa as gahe. Barattootni Oromoo dhiibbaa mirga namummaa fi Dimokiraasii Uummata Oromoo irratti gahaa ture dura dhaabbachuun wareegama qaalii kaffalaa turan. Mootummaa wayyaanee abbaa irreef murtiin dabaa hidhaa fi ajjeechaan QBO duuba kan deebisu itti fakkaachuudhaan itti fufinsaan daba daangaa hin qabne gaggeessaa as gahe.
Gaaffii abbaa biyyummaa barattootni Oromoo gaafatan dura murtii hidhaa fi ajjeechaa dabaan dhaabbachuun kan beekamtu wayyaaneen barattoota Oromoo Yuunivarsiitiilee keessaa mana hidhaatti guurte irratti murtii dabarsite. Sabboontota Barattoota Oromoo 21 kan Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessaa baratan irratti himannaa dharaa kan bane abbaan irree Wayyaaneen mana murtii sadarkaa 1ffaatti murtii hidhaaf dabarsuun murtii dabaa itti murteessite. Barattootni kunneen ji’a jaha guutuuf mana hidhaa mootummaa Wayyaanee gidduu galeessaa Maa’ikelaawwii fi Dirree Dawaa gidduu naannessuudhaan rukkuttaa hamaa irraan kan geessu yoo tahu ammas murtii hidhaa waggaa fi qarshii 500 eegalee hanga waggaa shanii fi qarshii 500tti itti murteessitee jirti. Barattootni kunneen
Gabaasa Qeerroo Finfinnee Qaama Mootummaa keessaa Saadasa 4,2014 argame akka ibsutti,Yeroo ammaa ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa abbaa irree Wayyaanee keessatti dararri irra gaha jiru hedduun dhukkuba garagaraan saaxilamaa jiru, baatii Ebla 2014 irraa kaasee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuramaa jiraan lakkofsaan guddaa tahan baayinaan mana hidha Maa’ikelaawwii keessatti kan argaman reebicha hamaa irraan, rakkoo nyaataanis wal qabatee dhibee qaamaa fi dhukkuba garagaraan akka saaxilaman kan taasise mootummaan abbaa irree Wayyaanee ammallee dhibeedhuma qabaman keessattillee humna poolisiin reebsisaa kan jiru yoo tahu ilmaan Oromoo kutatoo tahan hanga du’aatti Oromummaa keenya gadi hin dhiisnu jedhanii hidhaa keessatti addatti ammo manuma hidhaa keessa jiraachuudhasn hidhamtoota ijaaran, maqaa waaqeffannaa jedhamuun dargaggoota ijaaraa jiran, buusii dhimma aadaa fi afaan Oromoo guddisuu jedhamuun funaanuun, akkasuma quunnamtii qaama alaa waliin gaggessuu hin dhiifne jechuudhan mootumman Wayyanee mana hidhaa Ma’ikalaawwii jedhamu keessatti dararra itti jabeessa kanneen jiran keessaa:
1.Qana’aa Chuuchee-Shgarr lixaa Amboo kan hidhame
2.Ayyaantuu Margaa-Shgarre lixaa Amboo irraa kan hidhate
3.Rabbirraa Atoomsa-Shagar lixaa Amboo
4.Warqinaa Mul’ataa-Shar lixaa Gudar irraa kan qabamee hidhamer
Kan maqaan isaanii yeroodhaaf nun qaqqabin yoo tahu baatii caamsaa keessa mana hidhaa keessa erga galanii eegalee motummaa Wayyaaneen dararriin irraa dhaabbachaa kan hin jirree fi qaami isaanii haalaan miidhamee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.