RSO Yeroo Ammaa Kanatti Oromiyaa Baadiyaa fi Magaalaa Keessatti Baldhinaan Toora Daandii Raadiyoo 16 MB ykn 17850 kHz.Itti Dhagahamaa Jira
Aside
SEENAA Y.G(2005) | Sadaasa 7, 2014
Miidiyaaleen Qooqa Oromoo Biyya keessaas ta’uu Biyya alaa Ummata isaanii tajaajilaa jiran, dhimma Qooqa Oromoon wal-qabatee, beektootaa fi Ummataaf gaaffiilee wal fakkaataa tokko gaafachuu jaalatan. Kunis Qooqi Oromoo, Aadaa fi Artiin Oromoo sadarkaa maalii irra jiraa ? guddatee moo, hin guddannee ? jedhanii gaafatu. Warri gaaffii kanaaf deebii laatan, deebiin isaanii, Biyya keessaa fi alatti garaagari. Inni Biyya alaa jiru haqa jiru haala qabatamaa jiru waliin deebii kenna. Inni Biyya keessa jiru ammoo, Qooqi Oromoo, Aadaan Oromoo, Artiin Oromoo guddachuu fi dhiisuun isaa Ummatichaaf odoo hin taanee, holola qaama biraaf barbaadama waan ta’eef yoo xiqqaate “guddachaa jiraatti” harkisanii ibsuu yaalu. Akka fakkeenyaatti deebii ogeessa aadaa fi Artii tokkof, gaaffiin wal fakkaataa dhiheessaniifi jennaan deebii isaan kennee haa kaasu. Artiin Oromoo Guddateera moo, hin guddanne ? deebii suduudaa laachuun waan hin yaadamne. Waan Biyya keessa ta’eef. Kan inni deebise garuu“warra Aartii kana guddisuuf bobba’an eenyutu isaan gargaara ? abbootiin qabeenyaa yoom bira dhaabbatan ? amma humana isaanii sochaa’aa jiru miti ? Ogeessi fi Namni beekumsa qabu yoom isaan gargaaranii beeku ? yoom bira dhaabbannee beeknaa isaan komachuuf fiigna ? waa hundaan isaan deeggaruu barbaachisa. gaaffii na gaafatte kana dura kanatu ilaalamuu qabaa ” jedhan. Maal jechuu akka barbaadan ifadha.
Gabaasa Qeerroo Sadaasa 8,2014 Magaala Gimbii
Odeessa maatii hidhamtootaa fi gabaasa Qeerroo irraa qindaa’ee har’a nu qaqqabe yeroodhaa yerootti akkuma gabaasaan dhiyaataa ture baatii Ebla 2014 keessa FDG dargaggoota Oromoon ka’een wal qabatee lubbuu barattootaa fi qonnaan bultoota Oromoo hedduutu bade, barataan danuun madaa’ee kumaatamaan kan lakkaawaman ammoo yeroo ammaa mana hidhaa keessatti dararamaa kan jiru waan hubatamaadha. Haata’u malee mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti guyyaa fincilli kun eegalee kaasee uummata oromoo sabboonummaa qaban tika isaan qabsiisee mana hidhaatti darbee yakka tokko malee dararamaa jiru, ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti dararaman lakkaawuun kan nama rakkisu yoo tahe iyyuu gabaasa Qeerroo magaalaa Gimbii irraa nu qaqqabee fi akkasuma gabaasa maatii hidhamtoota keessaa magaalaa baqa mootummaa wayyaaneef magaalaa Finfinnee keessa jiraatan irraa nu gaheen diddaa lixa Oromiyaa lixaa irratti mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuudhaan falmii dhageessisaa turan yeroo ammaa mana hidhaa keessatti dararamaa jiru.
Caamsaa 10/2014 godina Wallagga aanaa Haaruu magaalaa Jiituu keessatti diddaan qabatee ture humna mootummaa wayyaanee tahanii uummata miidhuuf kan ka’an irratti uummanni Oromoo magaalaa kanaa tarkaanfii fudhachaa tureen akkasuma humna waraana wayyanee dura dhaabbatanii gootummaadhaan mirga isaanii falmachuu irratti argamanii kan turan, ilaalcha ergamaa ABO fi dhaaba ABOf warra hojjetana jedhamee maatiidhaan mana hidhaa keessatti hanga ammaa dararriin irratti gaggeffamaa jiru,Caamsaa gaafa 12/2014 tikoota Wayyaaneen qabamanii baatii tokkoof waajjira poolisii aanaa Haaruu magaalaa Jiituu kan turan, baatii tokkoon booda gara mana hidhaa godinaatti darbuun mana hidhaa magaalaa Gimbii keessatti hanga ammaa dararamaa
jiran namoota 142 keessaa haalaan kanneen miidhaman Oromoota 27 kan armaa gaditi:-
Sadaasa 8,2014 Qeerroo Yuuniversitii Aksum
Sadaasa 9 FDGn wal qabsiisuudhaan Qeerroon hanga har’aatti Sadaasa 8 waraqaa dhaadannowwan uummata Oromoo kakaasu qopheessuudhaan caasaa hunda qaqqabsiisaa jira, godinalee oromiyaa keessaa fi manneen barnootaatti yaadannoo guyyaa kanaan wal qabsiisee dhaadannoon mooraawwan barnootaa adda addaa keessatti maxxanuu akka qabuuf barruun Yuuniversitiilee hundaatti caasaa qabnuun dhaqqabsiifamee jira.
Kanumaan wal qabsiisee Qeerroon mooraa Yuuniversitii Aksum jiru sabboontotni oromoo yuuniversitii kana keessa jiran naannoon isaan jiran, bakki barumsa isaanii uummata tigraay keessa tahullee, soda tokko malee barruu garagaraa dhimma uummata Oromoo ilaallatu, dhiittaa mirga uumata Oromoo ilaalchisee mooraa keessatti barruu maxxansanii kan bulan yoo tahu, dhaadannowwan :
– Mirgi dhala oromoo eessaa fi yoomiyyuu kabajamuu qaba,
– Mootummaan wayyaanee oromoo murtii dabaa fudhachuu dhaabuu qaba,
– Mootummaan wayyaanee saamicha lafaa uummata oromoo irraa dhaabuu qaba,
– Barataan oromoo yakka malee hidhamuun haa dhaabbatu,
– Maqaa shororkeessuumaan ABO dhaadachuun haa dhaabbatu,fi kkf..
Mooraa Yuuniversitii Aksum keessatti waraqaan halkan maxxanfamee bule, kan shakkamu ijoollota Oromoo tahanillee gaaffiwwan bifa dhaadannoon barra’anii maxxanfaman kun gaaffii barattootni kaasaa turan tahuu isaa waan beekameef caasaa OPDO moora san jiruun eenyu akka maxxanse hin beekamne, garuu gaaffii barattootni leenjii isaanii irratti kaasaa turaniidha, shakkiidhaan barataa kamiinuu qabuu irra waraqaa maxxanfame kana buqqisnee hordoffii gochuu qabna jechuudhaan guyya kana marii taasisaa akka jiranii fi murtii dabaa akkuma amala isaa mootummaan Wayyaanee barattoota oromoo mooraa san jiran miseensa OPDO kan hin taane kamuu qoratamuu qaba,hordofamuus qaba, qabamees yeroodhaaf hidhaadhaan qorannaan irratti gaggeeffamuun waan dirqamaati jedhee murtoo dabaa baasee dhaamuun dhagayame, barruun maxxanfame OPDO mooraa sanaan buqqa’ee kan bahee fi barattootni oromoo mooraa kana jiran guyyaa boruu Sadaasa 9 guyaa FDG kabajuu fi haaluma kanaan dhaamsa dabarsuu akka qaban murtoo fi ejjennoo qaban cimsanii Qeerroof dhaamu, naannoon jiraannu gaaffii mirgaa gaafachuuf nun daangessu, doorsisi diinaas of taanee akka hin mul’anne nun godhu, Oromummaa keenya ifatti mul’isnee darbuun uummata keenyaaf wareegama barbaachisu kaffaluun ejjennoo keenya tahuu isaa dhaamsa dhaammatu, sochii barattootni oromoo mooraa kanatti taasisan keessaa inni duraa barruun dhaadannoo dhimma qabiyee saamicha lafa oromoon wal qabsiisee, mirga Oromoon wal qabatee,.. maxxansuun barattoota oromoo hunaaf waamicha dabarsanii akka jiran gabaasni Qeerroo mooraa yuuniversiti Aksum irraa har’a ganama kana addeessa.