Sadaasa 22/2014 Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa qophii Waarii Artii barattoota haaraawaa bara kana gara Yuunibarsiitii Jimmaa seenaniif mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa Saayinsii fi Tekinoolojii keessatti Qopheessuun barattoota Oromoof wa’ee eenyummaa, Oromumummaa, Sabboonummaa fi Qabsoo bilisummaa Oromoo irratti barnoota bal’aa fi haalan aja’ibsiisa ta’e dabarsan.
Goototni Qeerroon barattootni Oromoo qophii kana irratti walaloo fi wallee warraqsaan qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan, Gootota Oromoo warraa bilisummaa uummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf yeroo garaagaraatti bakka garaagaratti wareegaman maqaa isaanii waamuun leellifatani qabsoo wareegamaan as ga’ee, Imaanaa gootota keenyaa galmaan ni geenya jechuun waadaa isaanii harmsan. Qeerroon bilisummaa Oromoo ademsa sochii warraqsaa fi haal duree FDG tiif walaloo fi walleeleen warraqsaa Qeerroon goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Mattuu, Amboo fi Wallaggaa itti jiran barnoota guddaa uummata Oromoof dabarsaa kan jiruu fi adeemsa qophii FDG ta’uu uummata Oromoo hundaaf dhaamsa dabarsa. Guutummaa walaloo fi walleelee warraqaasaa kallattiin waltajjii irraa dargaggootaa fi barattoota Oromoo fi barsiisotni Oromoo fi hojjettootni ilmaan Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa kumootaan lakka’aman kan qooda irraa fudhatan.