Tokkummaan Jiraannaan Gabrummaan Ni Buqqa’a Dhaamsa Maadhee Iftuu Barii-Sulultaa Irraa

Aside

Dhaamsaa fi Ejjennoo maadhee Iftuu Barii; Sulultaa Ebla 12,2014

OromiaALutaContinua2011FDGMootummaan wayyaanee ilaalchi inni uummata oromoo irraa qabu yoomiyyuu akka hacuucametti hacuuccaa jalaa hin bahu itti fakkaatee, gabrummaa bara dheeraa waanjoo baachuu irra darbee dhiigni ilmaan oromoo itti dhanga’aa jiru kana itti qaana’uu osoo hin taanee gammachuu guddaa keessa seenee jira. Egaa saba oromoo gidduudhaan kan dhibe tokkummaadha, lafee tokkummaa kan nyaate isa durii oromoon yaada tokkoon bulaa ture, amantii tokkoon bulaa ture,har’a amantii habashaa hordofuudhaan,afaan wal dhaga’uu didee inni kaan isa oromoo hin fakkaanne duukkaa hiriiree aadaa isaa dagachuunillee diinaaf qaawaa hurufa tahee ilmaan oromoo asii fi achi gingilchuudhaan hanga har’aa bara bittaa isaa dheeraffatee jira. Nu gaha Gabrummaan ni buqqa’a kan jedhutti amanna nuti maadheen Iftuu Barii,mee akka dhaamsaatti saba oromoo keessaa fi ala jirtaniif dhaammannu kan qabnu:-

Ø Nuti ilmaan oromoo biyya keessa jirru saba oromoo biyya alaa jiru irratti abdii keenya yoo ganne dogoggora guddaadha, qaamni kamuu biyya alaatii dhufee miti kan nu bilisoomsu dogoggora yeroo dheeraa keessaa baanee waan qabnuun baayina saba keenyaatti dhimma baanee, dargaggoota biyya keessa jirruun tokkommuudhaan kaanee diina nurratti hiriiree jiru kana of irraa haa fonqolchinu, wayyaanee dura dhaabbachuuf nuti akka maadhetti adda duree taanee kaaneerra.

Ø Beekaa utuu qabnuu, kan nu hoogganu ABO osoo qabnuu, dirree qabsoo irraa WBO utuu of duraa qabnu har’a uummani bal’aan uummanni oromoo jireenya yoomuu caalaa gadadoo fi haala yaaddeessaa keessa jira, mootummaan wayyaanee saboota biroo irratti kaasee sabni oromoo waan of irraa loluyyuu wallaalee jira. Gama biraatiin qabeenyaadhaan saamamaa,siyaasa ABO babal’ista jedhuun uummata mana hidhaatti guuraa,rakkinoota kana hunda baatee saba bicuu gadi ta’ee bitamaa jira, safuu! Maal jettuu Dargaggoon Oromoo oromiyaa keessa jiraattan? Maaloo kottaa magaalaa Finfinnee irratti wal geenyee FDG tokko taanee itti fufnaan dhaamsa keenya kallattii barbaachisuun nuuf haa darbu!

Ø Nuti maadheen Iftu Barii magaalaa Sulultaa irraa dhaamsa xumuraa dhaammannu akkuma beekamu wayyaaneen saboota biroodhaan oromoo arrabsiisuu yaaluu keessatti uummanni keenya saba ittiin arrabsame kana yeroo gababaa keessatti of beeksisee eenyummaa isaas hubachiisee jira kun gama hundaanuu akka itti fufu tahee utuu jiruu nuti xiyyeeffannoon keenya achirras osoo hin taanee wayyaaneedhuma sanyii saree,wrrattii garaa harree kan nyaatanii hin harre jalee isaa waliin dura dhaabbachuuf maaltu nu daangessee? Nuti Oromoodha, miliyoona 40 ol taanee uummata miliyoona 5 hin guunneef jilbeenfannaa? Iyyaa iyya dabarsaa nutu waliif fira,nutu waliif jira isa bakkee hin eegnu irra deebinee dhaamsa dhaammanna ka’a lafa jirtanii? Itti deebina uummata oromoo waliin jiraannu waliin dhaamsa qabnu!

SBO Ebla 13 Bara 2014 Oduu Tarkaanfii WBO – Qophii Gootota Oromoo ilaallatu – akkasumas qophiilee odeeffannoo qaban adda addaa of keessatti hammatee jira

Aside

Fincilli Diddaa Gabrummaa(FDG) Barattoota Oromoon Eegale Har’as Ebla 12,2014 Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Itti Fufe!

Aside

Gabaasa Qeerroo Bilisummaa Ebla 12/2014 Jimmaa

Warraaqsii FDG Qeerroon Bilisummaa Qabsiisaniin Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma Ebla 11.2014 eegalan itti fufuun guyyaa har’aa Ebla 12,2014 bifa adda ta’een itti fufan.

FDG  guyyaa kaleessa irra kaasee barattoota Oromoon  eegaluun haala jabaataa fi qindoomina guddaa kan qabu  guyyaa lammaaffaaf jabaatee itti fufee jira. Goototni Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma Iyyannoo isaanii bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaatti guyyaa kaleessa galchachuun hiriira mormii sirnota abbaa irree balaaleffatuu qindeessuun dhaadannoo cimaa dhageesisan.

Guyyaa har’aas gaaffii gaafannee fi iyyaannoo keenyaaf deebii kallattii fi Sirnaa barbaannaa jechuun sa’aatii 6:00 irraa eegaluun hiriira mormii guddaa fi Dhaadannoowwaan itti aanu kana dhageesisan:

1. Oromiyaan Haa Bilisoomtuu!.

2. Humna Waraanaan Eegamuun Nurraa haa Dhaabbatu!

3.Motummaan Abbaa Irree Angoo Haa Gadhiisuu!.

4. Gurgurtaan Lafa Oromoo Irraa haadhabbatu!

5 Siidaan Miniliik Finfinnee fi Oromiyaa keessa haa buqqa’u!

6. Siidaan Eebbisaa Addunyaa Haa Ijaaramu!.

7. Gaaffiin keenya Gaffii Mirgaa, Gaffii Dimookiraasiiti!.

8. Hidhaan, Ajjeechaa, Biyyaa Irraa arii’atamuun nurraa haadhaabatu!

9.Mirgii Abbaa Biyyummaa Uummataa Oromoo haa kabajamuu!.

10 Mootummaan Garbomsaa Hundeen Nuraa Haa Buqqa’uu! kan jedhuu fi kkf dhageesisuun hiriirri mormii cimaan gaggeeffame, FDG Qabsoo uummataa Oromoo keessatti boqonnaa haarawaa banuun jabaatee itti fufee jira.

Breaking News: Seife Nebelbal Radio Program, April 12, 2014

Aside

Lafti Oromoo A/Anfilloo Irraa Qabiyyee Nama 50 ol Tahu Lammii Tigree Tokkotti Gurgurame!

Aside

Ebla 12,2014 Gabaasa Anfilloo

Gabaasota Qeerroo Yuuniversitii fi naannoo Oromiyaa adda addaa irraan dhiyaataa jiru gama hundaanuu hammeenya mootummaa Wayyaanee saba Oromoo irratti kaayyeffatee gaggeessaa jiruudha, uummata walitti buusuun wal ficcisiisuu,lafa oromoo gurguu, saamuu irratti daran jabaatee kan itti fufeedha. Yeroodhaa yerootti irra deddeebiidhaan gabaasa Qeerroo godina Qellem aanaa Anfilloo dhiyaatuu qabeenyaa uummataa mancaasuu, qabiyyee mootummaa jedhuun lafa waggaa dheeraa qote bulaan irra qote kan dhuunfaa isaa godhachuun abbaa qabeenyaatti gurgarachuu irratti kan argameedha.

Gabaasa Qeerroo Ebla 11 A/Anfilloo ganda Shebel jedhamu irraa addeessuun lafa qonnaa uummanni Oromoo irra qotatu lafa qonnaa walii galatti kan namoota 50 olii tahu abbaa qabeenyaa lammiidhaan tigree naannoo Gambeelaa irraa kan maqaan isaa Takilahaymaanot Alleny jedhamu lafa uummataa kan naannoo gaara Essi Essii jedhamuu nama kanatti ka gurgurame yoo tahu namootni qabeenyaa isaanii kanaaf falmatan, walakkaan isaanii mana hidhaa jiru,kaan ammoo waan hojjetee maatii isaa jiraachisu dhabuun hojii humnaa guyyaatti hojjetee ooluudhaan rakkinatti galee jira,abbaan qabeenyaa tigree lafa qote bulaa kana bite tikoota wayyaaneetin guyyaa guutuu kan tikfamee ooluudha, itti fufee kaayyoon mootummaa lafa uummataa naannoo kana jiru hunduu kan mootummaati jedhee labsachaa kan jiruu fi abbootii qabeenyaa bakka birootii fidee gurgurataa kan jiru tahuu isaa Qeerroon gabaasa.Gabaasa itti fufuun walitti deeebina!

Raadiyoo Sagalee Oromoo Ebla 12 ,Seife fi Simbiruu Ebla 10,2014

Aside

Aside

FDG Qeerroo Yuuniversitii Jimmaan Ebla 11,2014 Qabsiifame Bifa Qindaawaa Ta’een Itti Fufe! Waraanni Wayyaanees Mooraa Marsee Doorsisaa Jiraachuun Beekkame.

Yuniversitii Jimmaa keessatti qaanqeen FDG bifa qindawaan haaratti qabate! Barruun Habashooti ittiin Oromoo arrabsan guutummaatti gubate!

Aside

Gabaasa:Guyyaa har’aa Ebla 11/2014 Goototni Qeerroon Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma FDG dhoowosan. Goottootni barattootni Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa haala qindaaaa fi bifa haarawaan qaanqee FDG qabsiisuun gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa Oromoo,Gaaffii Magaalaan Finfinnee bulchiinsa Oromiyaa jala galuu qaba jedhuu fi Adeemsii Magaalaawan Oromiyaa Finfinnee fi Federala jala galchuuf mootummaan EPRDF hojjechaa jiru dhaabbachuu qaba kan jedhuu fi gocha sanyuummaa irratti hundaaeen barruu maxxansa ilmaan nafxanyaa maxxansuun Oromoo maqaa xureessa, xiqqeessa fi haamilee tuqaa jiran seeratti dhiyaachuu qabu, manni maxxansaa nafxanyootaa kun cufamuu qaba kan jedhuu fi haala siyaasa biyyatti ilaalchisuun barreeffaman qindeessuun bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmatti kennuun deebiin gaaffii keenyaa yeroo gabaaba keessatti nuuf deebiuu qaba jechuun ; garagalcha Iyyannoo isanii bulchiinsa mootummaa nannoo Oromiyaaf, Koomishinii Poolisii Oromiyaa fi dhimmoota nageenyaa Oromiyaaf, bulchiinsa godina Jimmaaf, koomishinii Pooliisii Godina Jimmaaf, Uummata Oromoo hundaaf, Dhaabbilee mirgoota namummaa Idil addunyaaf, Afrikaa fi biyyatti hundaaf jechuun garagalcha gochuun warraaqsaa FDG haalan qindaaaa taee gaggeessan.

Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa yeroodhuma FDG seenaa qabeessa kana dhoowosanitti barruulee nafxanyaan diinummaa uummata Oromoo irra qabuuf arrabsoo fi dhaadhessa maqaa balleessii irratti rawwachuun maxxansa hinquun lakk.113 bitootessa 2014 baase library Yuunibarsiitii Jimma fi Magaalaa Jimmaa keessa walitti qabuun mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa kessatti ibiddan gubuun bulchiinsi yuunibarsiitii Jimmaa gochaa seeraan alaa fi yakka nurratti dalagamee kana library gachuun caalmatti dhiigni keenya akka danfuu godheef itti nuf haa gaafatamu jechuun dhaadannoowwaan garaagaraa dhageesisuun seenaa qabsoo FDG dargaggoota Oromoo keessatti boqonnaa haaraawaa banuun qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsan.

Mootummaan EPRDF, TPLFn hogganamu tahe jedhee walitti bu’iinsa saba Amaaraa fi saba Oromoo Gidduutti taasisaa jiraachuun beekame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Sulultaa Ebla 11,2014

Gabaasaa Qeerroo godina Addaa Naannoo Finfinnee magaalaa Sulultaa irraa uummanni oromoo Ebla gaafa 10 .2014 walitti bu’iinsi uummata Oromoo fi Amaara jidduutti ta’een miidhaan namootaa fi qabeenya irra gahuu gabaasi nu gahe addeessa. Gabaasan maadhee iftuu Barii Sulultaa irraa akka addeessuun sababaan walitti bu’iinsa kanaa wal dorgommii magaalaa Bahardar irratti ta’en uummanni Amaaraa sanyii balfattummaa irraan ka’uun dargaggoota Oromoo wal dorgommii kubaaf jecha naannoo Amaaraa Bahirdar deeman arrabsuu fi reebicha Oromoota irraan gahan kan sababeeffate ta’uu beekama.

Kanumaan wal qabatee enyummaa ofii hubachiisuuf biyya isaa keessatti saba Amaaraa hammmeenya Oromoo yaadan kun gochaa jibbiinsa Oromoo fi lammummaa Oromoo irraa akka of qusatan bakka adda addaatti yeroo himamee raawatamu illee rakkoon kun wal qabatee bifa addaan ka’aa jira. Magaalaa Sulultaa irratti qabeenyaan lammii kamuu akka manca’ee balleessaa jiran,ibiddaan gubbuudhaanis magaalicha keessa kan jriaatnilee ariyuudhaan uummanni oromoo magaalichaa bobbaa jira reebicha yeroo darbe gaggeeffame irratti namootni muraasni lubbuudhaan kan darban,namootni 17 ammoo hedduu mada’anii kan jiran tahuu isaanii gabaasaan haala kanaan namoota mada’an keessaa namoota sadii man maqaan nu gahe:-

1.Caalaa Guutamaa-Qote bulaa magaalaa kanaa yoo tahu saba oromoo keessaati
2.Ayinaalem Taaddesee-Naggaadee saba Amaaraa keessaatii
3.Warqinee Daamxee-barataa saba Amaaraa keessaatii
Kanneen kun sadan kan hedduu mada’aniidha.Haala kana qabaneessina sababaa jedhuun naannichatti kan bobba’e humni waraana Wayyaanee guyyaadhaan dabalaa kan dhufe magaalaa kanatti ammallee humna keenyaan oli jechuudhaan waraanni Wayyaanee himachaa akka jiran ifaa dha.

Walumaa gala waldhabbii kanaan dhimma bahuun ykn sababeeffachuun mootummaan Wayyaanee EPRDF goosota jidduun nageenyi dhibee ofii akka araarsituu ta’ee yeroo bulchiisa isaa dheereffachuuf jecha tooftaa siyaasaa haarawaa baafate ta’uu namoonni keessa wayyaanee beekan ni dubbatu. Rakkoo bu’uuraa fi gaaffii saba Oromoo kan hundee ta’e hiikuu hanqachuu irraan goosota Oromoo Gujii fi Borana,gara biraan uummata Beeneshanguli Gumuzii fi Oromoo,Ogaadenii fi Oromoo amma ammoo Amaaraa fi Oromoos jidduutti rakkoo uumame hafarsuu irratti kan argamu irra caalaan mootummaa Wayyaanee dha.

Sabboonaa Artist Jaafar Yesuuf Wallee Haaraa dhimma Finfinnee irratti baase,Ebla 2014

Aside