FDG Barattoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu Keessatti Har’a Ebla 28 Qabsiifame,

Aside

Ebla 28,2014 Madda Walaabuu

Fincila-Diddaa-GabrummaaFDG yuuniversitiilee oromiyaa keessatti finiinaa akka jiru beekamaadha.Har’a Ebla 28 yuuniversitii Mattuu f Bulee Horaa keessatti FDG barattoota sabboontota oromootiin qabsiifame jabaatee oolee jira,mootummaan wayyaanee abdii kutannaa isa dhumaa keessa jira,halkanii guyyaa boqonna dhabuudhaan waraana isaa bakka adda addaatti tamsaasuudhaan kan beekame yoo tahu itti fufuudhaan guyyaama har’a Ebla 28 barattootni sabboototni oromoo yuuniversitii Madda Walaabuu irraa tokkummadhan FDG qabsiisanii oolanii jiru.Goototni barattoonni Oromoo yuunivarsiiti madda walaabuu hiriira nagaa guddaa mooraa yuunivarsiiti madda walaabuu keessatti walitti qabamuun gaaffiin barattootni keenyaa Yuunibarsiitii Jimma, Harammayyaa, Amboo, fi Wallaggaa kaasan gaaffii keenyaa waliigalaa waan ta’eef deebii argachuu qaba jechuun iyyaannoo isaanii bulchiinsa Yuunibarsiitii Madda walaabuutti galchachuun, hiriira guddaa kan barattoota dargaggoota Oromoo 5000 ol kan irratti hirmaachiisee akka ture barattoonni yuunivarsiiti Madda walaabuu ibsaniiru. hiirira isaaniis milkiin akka xumuuran dubataniiru.gaaffiin isaan qabatanii ka’an gaaffii mirgaa yuuniversitiilee biroo adda kan hin taane:-

1.Oromiyaan kan oromooti habashaan nun bittu,
2.Finfinnee fi naannowaan finfinnee kan oromooti,kanaaf kan murteeffatu kan uummata jiraattota oromooti,finfinneen mataan isheenuu bulchiinsa oromiyaa jala galuu qabdi,naannoon Finfinnee federaala jala galuun gonkumaa hin tahu,
3.Siidaan bineensicha minilik magaalaa Finfinnee keessaa buqqa’ee siidaan gootota oromoo nuuf haa ijaaramu,
4.Afaan oromoo afaan federaalaa tahuu qaba,
5.Keeyyanni 39 hojii irra ooluu qaba, fi dhaadannoo wal irraa hin cinne dhageessisuudhaan uummata kakaasanii mootummaa wayyaanees rifaasisani jiru,
Itti fufa FDG mooraa yuuniversiti hundaattiyyuu,ka’a sabni oromoo jedhuun dhaamsa isaanii dabarsaa jiru.

FDG Barattoota Oromoo Yuuniversitii Mattuu fi Yuuniversitii Bulee Horaa,Akkasumas Naqamtee Keessatti Daran Jabaate!

Aside

BREAKING NEWS :-  Gaaffii Deebii Barattoota Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa Ebla 28 2014

Gaaffiin abbaa Biyyummaa jabaatee itti fufuun Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessattis dho’e

Gaaffiin abbaa biyyummaa daran jabaachuun kan itti fufe Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessatti ilmaan Oromoo gaaffii abbaa biyyummaa itti fufan. Gaaffii keenya gaaffii bilisummaati, Kanneen hidhaman nuuf haa hiikaman jechuun kan itti fufan Qeerroon Yuunivarsiitii Bulee Horaa mootummaan wayyaanee dhiphina keessa akka seenu taasisee jira. Oromiyaan bu’aa addaa magaala Finfinnee irraa argachuu qabdi kan jedhu osoo hin mirkanfamiin Lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuuf sochiin eegalame dhaabbachuu qaba jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Madda walaabuu gaaffii abbaa biyyummaa dhiyeessee jira. Mootummaan wayyaanee gaaffiiwwan mirgaa gaafatamaniif deebisa kennuu kan dadhabde Yuunivarsiitiiwwan keessatti waraana kumaatamaan bobbaasuun rasaasaa fi uleen dura dhaabbachuu irratti argamti. Mootummaan wayyaanee bara dhufaa darbaa keessatti Uummata Oromoo saamaa fi hidhaa kan ture hundeen buqqa’uu qaba jechuun Qeerroon bakka maraa ejjennoo tokkoon itti fufuun Uummatni maatiin barattootaa gamtaan akka ka’an Qeerroon Yuunivarsiitii Bulee Horaa dhaamsa Oromummaa dabarfatanii jiran.

 

Har’a Ebla 28,2014 Gootonni Barattooti Oromoo Yuuniversitii Bulee Horaa FDG Qabsiisan.

Aside

Ebla 28,2014 Bulee Horaa

DiddaaFDG Qeerroo Bilisummaa Oromoon eegale Yuuniversitii Bulee Horaa keessatti guyyaa har’aa ganama sa’aa 8:00 WD irraa eegalee hanga ammaa dhadhatnoo jajjabaa qabatee itti fufee jira.
Gootonni barattooti Oromoo gaaffiilee mirgaa kanneen akka:-

  1. Oromiyaan kan Oromooti!
  2. Finfinnee Handhuura Oromiyaati.
  3. Mirgi Hiree Murteeffannaa Uummata Oromoof haa kennamu.
  4. Mootummaan Gabroomfataa biyya keenya haa gadhiisu.
  5. Siidaan Minilik Finfinnee keessaa haa buqa’uu fi kkf qabatanii salgaee jabaan dhadachaa jiru.

Haala kanatti kan baarage waraanni Mootummaa Wayyaanee barattoota hedduu seeraa ala tohannoo isaa jala kan galche yeroo ta’u diddaan ammoo ittuma fufee jira.
Hub:- Rakkoo Net workii irraan guutuu sagalee diddaa dabarsuun ammatti nu rakkisee jiraachuu gabaafna.

FDG Qeerroo Bilisummaa Yuunversitii Mattuu Ebla 28 2014

Aside

Barattooni Mana Barumsaa Qophaayina Namaqamtee Har’a Ebla 28,2014 Gaaffii Mirgaa Qabachuudhaan Dhaadannoo Isaanii Dhageessisaa Jiru

Aside

Gabaasa Qeerroo Ebla 28,2014 Naqamte

diddaa-4Madda Gabaasaa Qeerroo Naqamtee har’a Ebla 28 ganama irraa kaasanii barattootni oromoo mana barumsaa qophaayina Naqamtee dhaadannoo dhageessisuudhaan hiriira osoo poolisoonni wayyanee dura dhaabatanii bahanii akka jiran gabaasi addeessa.Kaayyoon barattoota kanaas akkuma barattoota yuuniversitiilee irraan wal qabatee kan master pilaanii naannowaa finfinnee federaaala jala galchuu fi kan biroos ilaalchisee mormii isaanii dhageessisaa jiru.Dhaadannoo isaanii:-

  1. -oromiyaan kan keenyaa
  2. -oromiyaan haa bilisomtuu
  3. -master-plan magalaa finfinnee haa kahu
  4. -sidaan minilik finfinnee keessaa haa kahu
  5. -siidaan Eebisaa Addunyaa nuuf haa dhabbatu
  6. -afaan oromoo afaan federal haa tahu
  7. -cunqursaan ummataa oromoo irraa haa kahu
  8. -nutii oromoon magaalaa keenyaa hin lakisnuu jechuun dhadhannoo isaani ummatatti himaacha utuu jiraani poolisonni naannoo sana baratota reebu fi mana hidhatti dhaqa jiruu magalaan Naqaamtee abjuu baratoota argaa jira magaalaa Naqaamtee halaa ho’adhan poolisonni ummataa (baratoota) reeba akka jiranis gabaasni Qeerroo magaala Naqamtee addeessee jira.Itti Fufa! Injifannoon U/Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Har’a Iluu Abbaa Booraa,Yuuniversitii Mattuu FDG Gootota Barattoota Oromoon dhofame.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDG

Har’a Ebla 28/2014 Goototni Barattootn Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu FDG haalaan qindaa’aa ta’e dhoosuun hiriiraa nagaa guddaa mooraa Yuunibarsiitii Maattu irraa eegaluun dhaadannoowwaan hedduu qabachuu fi dhageesisuun yeroo amma kanatti gara Magaalaa Mattuutti deemaa jiru Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Maattuu har’a ganama sa:aatii 1:30 irraa eegaluun walitti qabamuun gaaffiin barattootni keenyaa Yuunibarsiitii Jimma, Harammayyaa, Amboo, fi Wallaggaa kaasan gaaffii keenyaa waliigalaa waan ta’eef deebii argachuu qaba jechuun iyyaannoo isaanii bulchiinsa Yuunibarsiitii Mattuutti galchachuun, hiriira guddaa kan barattoota dargaggoota Oromoo 5000 ol hirmaachiisee Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu Yuunibarsiitii Mattuu keessatti gaggeeffachaa jiru gaaffiin barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu;

1Mirgii Uummata Oromoo haa kabajamuu.

2.Hidhamtootni Siyaasaa Oromoo haal duree tokko malee haa hiikaman,

3. Mirgii uummaanni Oromoo Magaalaa Finfinnee irraa qabu haa kabajamu

4. Barattootni Engineerotni Oromoo 11 balleessaa malee Yuunibarsiitii Mattuu irraa arii’ataman barnoota isaanitti haa deebifaman, qaamni Oromoo barnoota irraa ittisuu mootummaan abbaa irree nu hin bulchu.

5. Magaalaan Finfinnee bulchiinsa Oromiyaa jalatti galuu qabdi.

6. Barattoota Oromoo hidhuun, barnoota irraa arii’uun, Ajjessun, doorsisuun, nurraa dhaabbachuu qaba.

7. Mirgii hiree murteeffannaa uummata Oromoo kabajamuu qaba.

8. Mirgii Namummaa fi Dimookiraasii uummataa keenyaa irraa sarbamee waan jiruuf uummataa keenyaafi nuuf kabajamuu qaba.

9. Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Naqamtee gaaffii mirgaa fi dimookiraasii waan gaafataniif mootummaan humna waraanaa of harkaa qabu waraana agaazii fi Poolisaa federaalaa itti bobbaasuun tarkaanfiin ukkamsanii hidhuu, reebichii, daraaraan suukanneessa irra gahaa jira, gochaan farraa dimookiraasii fi shororkeessii kun nurraa dhaabbachuu qaba kanneen jedhan dhiyeeffachuun yeroo ammaa kanatti FDG fi hiriiraa nagaa gaggeessa jiru.
Sochii warraaqsaa FDG gaggeeffamaa jiru dhaamsuuf humna waraanaa fi tikaa qabatee akkuma oliif gadii fiiguun magaalaa Naqemtee seenee goototni barattootni Oromoo FDG dura dhaabbattan, Muktaar Kaadir kaleessa galgala Magaalaa Mattuu akkuma seenee Har;a ganama kunoo goototni dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu FDG guddaa irratti dhoosuun, sagalee mormii abbaa irree jabaa dhageesisuun mirga uummataa Oromoo kabachiisuuf hiriira gaggeessa jiru, Mootummaan abbaa irree akkuma amala isa humnaa waraanaa kora bittinneessa jedhamuu fi poolisaa federaalaa gara barattootatti bobbaasaa jira, gabaasaan kun itti fufua..

Injifannoon Ummata Oromoof!

Ebla 28/2014

Mattuu.

FDG Gootota Barattoota Oromoon Qabate Itti Fufuun Har’as Yuuniversitii Wallagga Keessatti Haalaan Jabaate. Barattooti Oromoos Waraana Wayyaanee Agaazii Jedhamun Reebaman

Aside

geeFDG1FDG@

Gabaasaa: Ebla 27/2012 FDG Gootota dargaggoota Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa jabaatee itti fufuun guyyaa har’aa Ebla 27,2014 falmaa jabaa keessa oolan.Goototni barattootni Oromoo gaaffii keenyaaf deebiin nuu kennamuu qaba jechuun guyyaa lammaffaa ganama irraa eegaluun dhaadannoo dhageesisa turanii jiru.

Mootummaan abbaa irree akkuma amala isaa gaaffii barattoota karaa nagaa fi demookiraasii dhiyaateef deebii humna waraanaa fi loltuu of harkaa qabuu fi qawweetti dhimma bahuun barattoota Oromoo dararuu irratti argama. barattootni hedduunis humna waraanaa kanaan qabamanii hidhamaa jiraachuu maddeen keenya gabaasaniru, barattootni Oromoo hedduun humna polisii federaalaatiin rebbichaa cima irra ga’ee yeroo amma hospitala Naqamatee galanii jiraachuun ibsamera. barattoota humnota federaala wayyaaneen midhaan qaama isanii irra ga;ee kunis;

1. Barataa Dawuti Gonfaa

2.Barataa Abdiisaa Nagaasaa

3.Barattuu Geexee Tafarii,

4.Barataa Ababa Kumarraa

5.Barataa Tashoomee Daawuti
6. Barataa Dasitaa kanneen jedhaman kan keessatti argamaan humna poolisii Federaalaa Wayyaaneen reebamani midhaan qaama kan irra ga’ee ta’uun ibsamera.

Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaaggaa akkuma  gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, hidhaan, reebichii, doorsifnii, barnoota irraa arii’atamuun duubatti nu hin deebisu jechuun guyyaa har’aas FDG itti fufanii olaniiru.Maqaa barattoota hidhamanii guutuu fuula duratti dhiheessina.

Gama biraan waraanni Wayyaanee kan Agaazii jedhamee beekamu magaalaa Naqamtee qubachuun uumata goolaa jira. Addatti Yuuniversitii Wallaggaa keessa namoota barattoota basaasan dabballoota OPDO kanneen akka

1.Tafarii Xiyyaaroo bulchaa Godina Wallaggaa Bahaa

2. Tolasaa waggaarii Bulchiinsa magaalaa Neqemtee irraa

3. Eebbaa nama jedhamu itti aanaa President Yuunibarsiitii Wallaggaa kanneen jedhamanii qabachuun barattoota itti roorrisaa jiraachuun beekame.

Muktaar Kadir haala kana dhaamsuuf jecha naannoolee FDG ka’an mara irra naannawuun milishootaan qabatee uumataa fi barattoota akka sodaachisaa jirus odeessi jiru ni addeessa.

SBO Ebla 27 Bara 2014 Oduulee FDG Gootota Barattoota Oromoo – Gabaasa GGO Bakkoota adda addaa fi Qophiilee biroo hammatee jira.

Aside

Aside

BREAKING NEWS – Gaaffii fi Deebii Barattoota Yuuniveritii Wallaggaa Waliin Taasifamee fi Itti Fufiinsa Diddaa

Artistooti Oromoo Tesfayee Dhima, Zerihun Wodajo,Maaramee H/Kaasaa fi Kanneen Kaan Mirga Abbaa Biyyuummaa falmachuu

Aside

Video: FinfinneeTube/Gadaa.com