SBO Ebla 06 Bara 2014 – Oduulee fi qophiilee adda addaa qabnaa nu caqasaa

Aside

Aside

Seife Nebelbal Radio Ebla 4

OMN: Qophiilee Ebla 3, 2014

Simbirtuu Ebla 03, 2014

SBO Ebla 02 Bara 2014 — Ibsa ABO

Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Irraa Kenname

Aside

Qeerroo

Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Irraa kenname

(Qeerroo Bilisummaa)

Ebla 2,2014 Jimmaa

Bakka bu’oonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo godinoota adda addaa irraa walitti dhufuun Ebla 1 fi Ebla 2,2014 walgahii guyyaa lamaaf gaggeefatan irratti haala yeroo uummata Oromoo fi Qabsoo FDG bilisummaa Oromoo daran jabeessuu fi haala waliigala raafama siyaasa Impayeera biyyattii irratti marii bal’a gochuun ibsa armaan gadii dabarsee jira.

1.Dugugginsa Sanyii (Genocide), moototni Habashaa erga Oromoo afaan qawween cabsanii bulchuu eegalanii hanga har’a jarraa 21ffatti dabaree angootti dhufan rawwatanif Oromoon tolee jedhee jilbeeffatee bitamee, hin bule. Utuu falmatuu diina kufaa kiffisaa har’a as ga’ee; qabsoo bilisummaa Oromoos bu’awwaan dagatamuu fi eenyu iyyuu haalu hin dandeenye dhiigaa fi lafee isaa itti cabsee fidee har’a dhaloota haara nu Qeerroo Oromoo qaqqabsise jira. Haata’uu malee ilmaan mootota habashaa kaleessaa har’a illee qabsoo Oromoo dhaamsuuf Oromiyaa deebisanii qabachuufi sirnota abbooti isani sirna nafxanyaa kaleessa deebisuuf nurraa hin dhaabbanee hojii idilee isanii godhachuun hanga sadarkaa mana maxxansaa banachuun Oromoo arrabsuu, xiqqeessuu, tuffachuu fi Oromoon biyya hin qabu jechuu irra gahani jiru.Nafxanyaa har’a qawwee fi golgaa dimookiraasiin biyya lafa gowwomsaa jiru of jabeessuun umrii bittaa isaa dheereffachuuf yeroo kallatti hundaan tattafatan ifatti ba’een mu’acha jirra, sochii farrummaa Oromoo nafxanyota kaleessa fi har’a kana dhaabamsisuuf Oromoon bakka jiru hundaa dammaqee qalbiin qabsoo FDG keessatti qooda guddaa ba’uu qaba.

Guutummaa Ibsa Kanaa Dubbisuuf:- Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname. Ebla 3 2014

Hardha Illee Waayee Keenya Akkas Jedhu.

Aside

Ebla 3,2014  Yuuniversitii Jimmaa Irraa

Amma illee akkuma kaleessaa jechoota dadhabaa fi jibbiinsa sanyii balfattummaa irraa kan ka’een ilmaan Habashaa xiqqeenyaa fi balfattummaa uumata Oromoo irratti olola daangaa hin qabne gaggeessaa jiru. Dabtarooti Habashaa bara doofummaan kan barreessanii olitti har’as beektota warri jedhaman ummata Oromoo xiqqeessuu fi akka saba seenaa hin qabneetti jechoota arrabaafii balfii qabuun waa hedduu jechaa jiru.

Yeroo ammaa kanattis barruun “ Hinquu” jedhamu biyya Itoopiyaa keessatti dhaabbiilee barnoota ol-aanoo biyyattii hunda irra raabsamuun Library Yuuniversitootaa fi manneen barnootaa keessatti tamsaasamaa jira.Barruun kun kan chaappaan irratti rukutame yeroo ta’u kan guutummaatti saba Oromoo akka sabaattis ta’e akka biyyaatti mirgaa fi eenyummaa isaa xiqqeessuun maxxanfame.

Yuuniversitii Jimmaa Social Library keessaa hogganis Qeerroo godina dhihaa waan argee fi dubbise akka dhaametti barruu kanatti maxxanee jiru qalbiin dubbisuun ilmaan Oromoo irraa eegama.

 

Oromo Voice Radio Broadcast on April 2, 2014

Aside

ቄሮ -የኦሮሞ ወጣቶች ለነፃነት ንቅናቄ ድምጵ/ Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Ebla 1,2014 Afaan Amaariffaa

Aside

TOKKUMMAAN DHAADANNOO FI HAWWIIN HIN DHUGOOMU ! kutaa 2ffaa

Aside

SEENAA Y.G(2005) kutaa 2ffaa.

barruuYaada koo har’aa , yk kutaa 2ffaa, qabxiilee lama, kan kutaa 1ffaa keessatti itti fayyadameenin eegala. “Tokkummaan nu barbaachisu maal irratti ? Tokkummaa nuuti barbaannu,tokkummaa maaliitii ? Tokkummaa Bara Abbaa Biyyaa turreeti ? Tokkummaa Bara Gadaan tureetii ? Tokkummaa Dhiigaatii ? Tokkummaa Siyaasaatii ? Tokkummaa Ummataati ? Tokkummaa Dhaabbilee Siyaasaatii ? Tokkummaa Sabummaatii ? Tokkummaa yaadaatii ? Tokkummaa ejjannoo Siyaasaatii ? Tokkummaa Qabsootii ? Tokkummaa Ilaalchaatii? ? Tokkummaa jireenya hawaasummaatii ? Tokkummaa Amantii fi Gandummaa dhiifnee waliin jiraannudhaa ? Tokkummaa maalii barbaanna ? Tokkummaa Bilisummaa dura Qabsoo keenyaaf barbaachisu moo, kan Bilisummaan boodaati ?,,,,,,,,,,,”(kutaa 1ffaa keessaa ka fudhatame)

Egaa tokkummaan nuuti barbaannu kana hundaa kan hammatu ykn garii isaa fudhatee isa kaan dhiisu, ykn amma kan nu barbaachisu tokkummaa isa kanadha ! jennee yaada mataa keenyaa tarrisuu dandeenya ta’a. mee tokkummaa nuuti hawwinu kana waliin, Lammiilee keenya addunyaa kana keessa hanga jiraatanitti, Amallis, beekumsis, qalbiinis, jabinnis , laafinnis kkf horachuun isaanii waan hin hafne. Kan Umamaa amala gara garaa badhaafamees akkasuma. Namoota armaan gadii (kutaa 1ffaa keessaa kan fudhe) yaada, ilaalcha, fedhii fi amala adda addaa qaban kunniin, akka hawaasaatti Tokko taasifna yoo jenne ni ta’aa ? bara falmaa diddaa gabrummaa gaggeessinu kana keessa kana hundaa Ummta keessatti tasgabbeessuu dandeenyaa ? yoo ni yaalla jennee ni milkoofnaa ? namoota amala adda addaa qaban kana ammoo, gara Qabsootti galchaatii xiinxalaa . Mooraa qabsoo keessatti maal uumu?? Tokkummaa hawwiinun ala, kakuu lafeen gootawwanii naa haa waraanuu san ni dhugeessuu ? Tokummaa wareegama barbaadu nu goonfachiisuu ? haalli kun nu hin mudannee ? miidhaa maalii nu irraan ga’e ? irra deebi’ukootti hin nuffinaati irra deebi’aa dubbisaa xiinxalaa.

TOKKUMMAAN DHAADANNOO FI HAWWIIN HIN DHUGOOMU !!!! kutaa 2ffaa.docx

Walaloo “Dhaamsa koo”

Aside

Firehiwot Guluma Tezera irraa

Firehiywot GulummaaLammikoo gurra naaf ergisi

Obsaan callisaan na caqasi

Sumaaf jedheetani dhagahi

Dirqama lamummaa kee bahi

Ani kunoo bahuuf kutadhee

Ka’e zinnarakoo hidhadhee

Na hin qabinaa

Na hin dhoowwinaa

Hidhadhe ani qawweekoo

Deebisuuf lafa abba koo

Hin dhiisu ani waan koo

Har’aa kaasee soda maaliiti

Kan bitamnu hanga yoomiiti

Dacheen tun kan eenyuuti

Kan irrati wal bitu sanyii ormaati

Gumaa jaallanii eenyu kan baase

Mee naaf himaa hunduu ni callisee

Nutiif jedhanii wareegamanii

Lafee isaanii danqarsanii

Har’aa tanaan nu gahanii

Nu hundinuu ni callisnee

Hanga duriituu hanqannee

Dubbachuudhaa dadhabnee, burjoojofnee, dhamaanee,

Guutummaa Walaloon Kanaaf:-  walalo.docx

SBO Ebla 02 Bara 2014 – Ibsa ABO Oduulee fi qophii biroo qabnu faana bu’aa

Aside