Magaala Dirree Dawaa keessatti Guyyaan G ootota Oromoo Ebla 1 6, 2014 maadheelee A fur walitti dhufanii n haala hoaan ayyaa neffatamee oole.

Aside

Guyyaan Gootota Oromoo Ebla 15, 2014 magaala Dirree Dawaa keessatti maadheelee ABO afur walitti dhufaniin Ebla 16, 2014 haala hoaan kabajamee jira. Magaala Dirree Dawaa keessatti maadheeleen Guutamaa Hawaas lakkoofsa 1,2 fi 3 akkasumas maadhee Gumaabaastuu Eebbisaa Addunyaa walitti dhufuun Guyyaa Gootota Oromoo kabajatanii jiran. Kabaja ayyaana kanaas Eebbaan kan eegalan yoommuu tahu dungoo diimaa magariisa diimaa qabsiisuun alaabaa ABO fuuldura kaawwachuun ayyaana haala yeroo kamuu ol miidhagaa tahe ayyaanessanii jiran. Bara darbe maadheeleen kunneen hordoffii diinaa hedduu jabaataa tahe jalaa bahuuf Ebla 17 kan kabajan yoommuu tahu baranas Ebla 16 kabajuudhaan hordoffii diinaa jalaa miliquu dandaanii jiran. Ayyaana kana irratti sababa Guyyaan Goototaa itti kabajamuu fi akkaataa itti kabajatan kan walii ibsa yoo tahu qophiileen adda addaa kanneen akka walaloo fi Seenaa wal yaadachiisuu akkasumas karoora baasuu hojjetamee jira. Dhuma irrattis maadheeleen kunneen ibsa ejjennoo qabxii 6 baafachuun milkiin xumuranii jiran. Kunneenis

1. Oromiyaa irraa hanga dhumaa diina ni tiksina
2. Dargaggootaa fi Uummata hiriirsuun QBO tarkaanfachiisuuf gahee keenya ni baana
3. Llafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu wareegama eegamu mara kaffallee dura dhaabbanna
4. Shamarran Oromoo Gamtaan dhaabbatan hirmaannaa isaanii kaasuuf ni hojjenna
5. WBO cinaa ni dhaabbanna. Waan nu irraa eegamus ni raawwanna
6. Mootummaan wayyaanee fi leellistootni nafxanyaa hanga hundaan buqqaanitti qabsoo itti fufna

Kanneen jedhan baafachuun gumaata QBOf kan tahus maallaqa qarshii 780.00( Dhibba toorbaa fi saddeettama) gumaatanii jiran.

Oromo Voice Radio broadcast on April 16, 2014

Aside