Yaadannoo Ayyaanna FDG Gaafa 9.11.2013 Magaalaa Oslotti Ta’e Irratti Haasaa H/D ABO Obbo Dawud Ibsaa Godhan

Aside

Aside

logo-qeerroo-oromiyaa33.jpg

Sadaasa 9, Guyyaa FDG Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee,Oromiyaa

Gabaasaa Galmee Sabboontota Oromoo Kanneen Bara Tokko Keessatti Hidhaman,Ajjeefamanii fi Bakka Buuteen Isaanii Dhabamee.

( Sadaasa 2012 Irraa Hanga Sadaasa 2013)

Uummatni Oromoo sirna bittaa Wayyaaneef tole jedhee guyyaatti gabrummaa of irratti ilaale hin qabu. Uummanni Oromoo diddaa sirna cunqursaa kanaaf wareegama baroota 21 keessatti baase kan lakkaawamee dhumu miti. Oromiyaa keessatti sabboontota gaaffii mirgaa kaasan yeroo irraa yerootti mootummaa Wayyaaneen adamfamanii mana hidhaa adda addaa keessatti ugguramuun aadaa bulchiinsa EPRDF ta’uun beekama.

Bara tokkoo as Sadaasa9,2012 irraa eegalee hamma Sadaasa 9,2013 waggaa tokko keessatti sabboontotiin Oromoo FDG gaggeessaa jirtu jechuun mana hidhaatti ukkaamfaman lakkoofsaan hedduu ta’anis, gariis ajjeefamanii,gariin ammoo bakka buuteen isaanii dhabame. Walumaa gala Sadaasa 9/2012 irraa hanga sadaasa 9/2013tti FDG hedduun guutuu biyyaatti gaggeeffamaa bahe. Wayyaaneenis darara hidhaa fi ajjeechaa gaggeessaa ture. Bara kana keessa qabsoo bilisummaa Oromoof jechaa kanneen hidhaman, ajjeefaman yaadachuu fi sabni keenya adduunyaa irra jiru mirga qabsaawota kanaa bakka hundatti akka falmuuf jecha Sochiin Dargaggoota Oromoo Biyyoolessaa(Qeerroo Bilisummaa) galmee qabsaawota hidhamanii,ajjeefamanii fi bakka buuteen isaanii dhabamanii yeroo fi bakka irraa hidhaman waliin akka armaa gadiitti gabaasa.

Ilmaan Oromoo Godina shawaa lixaa aanaa Ejeree keessatti gaaffiilee abbaa biyyummaa gaafattan jedhamuun hojii irraa dhorkaman ( sadaasa 11-2012)

1.Obbo Girmaa Araarsaa Gargaaraa Hakiima beeyladaa aanaa Ejeree

2.Obbo Abbabaa Giddiiraa gargaaraa Hakiima beeyladaa aanaa Ejeree

3.Obbo Dhaqqabaa Tafarraa Gargaaraa Hakiima Beeylaa

Godina Iluu abbaa Booraa aanaa aanaa Cooraa keessatti gaaffiilee mirgaa gaafataman ABO waliin tahuun kan qindeessu sidha jechuun Barsiisaa Abbabaa Takkaa mana hidhaatti wayyaaneen ukkaamsitee turte. (Sadaasa 14-2012)

Gaaffiiwwan mirgaa itti fufinsaan Yuunivarsiitii keessatti gaafatamaa tureen wal qabatee ilmaan Oromoo Yuunivarsiitii Madda walaabuu isin jibbinsa mootummaa wayyaanee qabdu jechuun Yuunivarsiitii irraa arii’amanii jiran. (Sadaasa 15-2012)

Gutummaan Ibsaa fi Galmeen Sabboontota Hidhamanii :– Sadaasa 9 Ilaalchisuun Ibsa Qeerroo Bilisummaa fi Galmee Sabboontota Hidhamanii

Sadaasi 9, Yaadatnoon FDG Yuuniversitii Finfinnee fi Ambo Keessatti Bifa Addaan Kabajame.

Aside

Sadaasa 10,2013 Gabaasa QB Finfinnee 

DSC01251Sadaasa 9 Guyyaa Yaadannoo FDG hundeeffamma yeroo 8ffa Oromiyaa bakka adda addaatti kabajame oolera. Madda gabaasaa adda addaa Yuuniversitiiwwan irraa nugahan walitti qabaadhaan kan dhiyaatu yuuniversitii Finfinnee fi Yuuniversitii Amboo irratti guyyaan haraa guyyaa itti barataan Oromoo qabsoodhaaf waamicha waliif godhee jiruudha. Kunis yaadannoo yeroo 8ffaa FDG gaggeeffame mootummaa abbaa irree umurii isaa guutuu uummata biyyattii addatti uummata Oromoo garboomsee jiraachuuf akeekkatee jiru dura dhaabbachuuf buuureffame yoo tahu,kana yaadachuudhaan gabaasota guyyaa haraa Sadaasa 9 kabajamee oole irraa dhiyaatu wal duraa duubaan:

1. Yuuniversitii Finfinnee irratti-yuuniversitii kiiloo4, 5 fi 6 bakka tokkotti walitti dhufuudhaan guyyaa guutuu kabajaa kana irratti kan hirmaataniidha. Hirmaattootni Sadaasa 9 ilaalchisee guyyaa yaadannoo FDG kana irratti argaman barataa,barsiisaa fi hojjetoota garagaraa yuuniversitii keessaa hojjetan nuufis yaadannoodha jedhanii yeroo jalqabaaf kan irratti hirmaatanis kan jiraniidha. Walii galatti guyyaa yaadannoo kana irratti kan argaman namoota hanga 242 kan taaniidha. Guyyaa kana ibsoota.waadaa qabsootti hiriiruu fi mootummaa abba ahirree dura dhaabbachuuf yeroo itti murteeffannaadhaan kanneen irratti argamaniidha.

Gutummaan Gabaasa Yuuniversitii Finfinnee fi Aboo kanatti hidhatee jira:- FDG Sadaasa 9.docx

Oromiyaa Bakkoota hedduu keessatti Guyyaan Yaadannoo FDG sadaasni 9 haala ho’aan yaadatamee oole. QBOtiifs gumaatni maallaqaa bakkeewwan adda addaatti taasifame

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Sadaasa 10,2013

Guyyaan yaadannoo FDG sadaasni 9 guutuu Oromiyaa keessatti haala addaan yaadatamee oole. Uummatni Oromoo gamtaan walitti dhufuun ilmaan Oromoo wareegamaniif yaadannoo sammuu erga taasisanii dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun alaabaa qabachuun guyyaa kana yaadatanii oolanii jiran. Guyyaan yaadannoo FDG Yuunivarsiitiilee Oromiyaa keessatti haalaan kan yaadatame yoommuu tahu Yuunivarsiitiiwwan Haramaayaa, Finfinnee, Amboo, Kotobee, Wallaggaa, Jimmaa, Mattuu, Amboo, Arbaminc, Hawaasaa fi kanneen biroo keessatti haala addaan yaadatamee oolee jira. Miseensotni qeerroo fi deeggartootni QBO walitti dhufuun ayyaana kana irratti dhimma QBO irratti marii kan gaggeessan yoommuu tahu gumaata maallaqaa dhimma QBOtiif oolus gumaatanii jiran. Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi gad aanaa keessattis haalaan yaatamuun oolee jira. Qotee bultootni Oromoos guyyaa yaadannoo kana irratti dhimma QBO irratti marii gaggeeffatanii jiran. Koollejjiiwwan dhuunfaa fi mootummaa keessatti barattootni Oromoo baratan, Hojjettootni, daldalaan akkaataa mijateen guyyaa kana yaadatee oolee jira.

Walumaa galatti Oromiyaa Golee Oromiyaa garaa garaa caasaa uummataa keessatti guyyaan yaadannoo FDG haalaan yaadatamee jira.

Radiyo Simbirtuu: Qophii addaa FDG 2013 sababeffachun dhimmota adda-addaa irratti haasawaa HD-ABO Oslotti taasisan.

Aside

SBO Sadaasa 10 Bara 2013

Aside

Ilkaan Socho’e Buqa’uun Hin Oolu!!!

Aside

barruuNama Mammaaksa Abbootii keenyaa qofaa dubbatu odoo hin taane, Nama Mammaaksa bara kana keessaa uumu nu haa taasisu yoon jedhe eebba hin ta’u laata ? “ILKAAN SOCHA’EE, BUQQA’UUN HIN OOLU” Mammaaksi jedhu , carraa Ilkaan socha’ee kana buqqisuuf qabnu lama ta’uu nu akeeka jedheen yaada.(hiikkaa miti) Inni tokko , dhukkubbii ilkaan socha’u uruursaa hanga buqqa’utti eeggachuu, ykn ega socha’ee buqqa’uun isaa hin ooluu maaliifan dhukkubaan rakkadha ? jedhanii of irraa calaasuudha. Filannoon kun Abbaa dhukkuba Ilkaaniin hiraaraa jiru irrati hundaa’a. hiraaraa jiraachuu irra jedhee yoo murate, dhukkubbii yeroo buqqifamu sana dandamatanii of irraa buqqisu, yk hiraara yeroo gabaabduu sana sodaatanii uruursaa jiraatanii , ofis maatiis yaaddeessaa jiraachuudha.

Guutuu barruu kanaa argachuuf:- ILKAAN SOCHA’EE BUQQA’UUN HIN OOLU !!!!!.docx

Brutal dictatorship of Weyane regime.

Aside

Firehiywot GulummaaFirehiwot Guluma 05, Nov, 2013

Brutal dictatorship of Weyane regime.

Since the EPRDF government came to power, neither the Ethiopian people, nor the Oromos in particular, have lived in peace and tranquillity. The last 22 years on power, the regime has boosted itself as a guarantor of the right of nations and nationalities while it brutally imprisoned, tortured and killed those who have demanded for their legitimate right.

TPLF regime is known as Marxist Leninist League of Tigray (MLLT) in early 1970s and as Ethiopian People Revolutionary Democratic Front (EPRDF) since late 1980s. EPRDF is a pseudo multi-ethnic political party under strict control of the regime. It is in reality the TPLF because it is neither a unitary nor a coalition of political parties. It is an instrument of ethnic political organization that totally adopted political program of the TPLF (Berhe, 2005). It is guided by principles of divide and rule system of colonial governance. The regime is known by its fake names like Amhara National Democratic Movement (ANDM), Oromo People Democratic Organization (OPDO), South Ethiopian People`s Democratic Front (SEPDF), and etc in Amhara, Oromia, Southern Ethiopia, and other administrations, respectively. These surrogate ethnic political organizations are nothing but they are simply representatives of the regime in other parts of Ethiopia. These fake organizations are unconstitutionally imposed on peoples of Ethiopia through the rule of gun in violation of sovereign rights of civil people, the rights to organize and elect their own political organizations freely. Thus the regime has institutionalized its brutal governance system with insignificant challenges of opposition political forces to its authority. Absolute dictatorship of the regime is demonstrated by human rights violation and provoking ethnic conflicts.

Read More:-  article.docx

Aside

Godina Lixa Shawaa A anaa Midaa Qanyiitti  Jiraataa Magaalaa B aallammii kan taan   Sabboonaa fi tumsaa n qabsoo Oromoo Obbo Olaansaa Galataa d hibee xiqqoo irraa b ubuleen dhukkubsatani Addunyaa kana irra a boqotan.

Gabaasaa Oduu Gaddaa: Sadaasaa 7/2013 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti Jiraataa Magaalaa Baallammii kan taan Sabboonaan Oromoo Obboo Olaansaa Galataa dhibee xiqqoo irraa bubuleen dhukkubsatani Addunyaa kana irraa boqochuu yeroo dhageenyu gaddi guddaa nutti dhagaamuu maatii isanii fi Firottan obbo Olaansaa Galataaf gaddaa nutti dhagaame ibsina.

Gabaasaa Oduu Gaddaa.docx

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Qophii Sadaasa 07,2013

Aside