Gabaasa Qeerroo Finfinnee Sadaasa 10,2013
Guyyaan yaadannoo FDG sadaasni 9 guutuu Oromiyaa keessatti haala addaan yaadatamee oole. Uummatni Oromoo gamtaan walitti dhufuun ilmaan Oromoo wareegamaniif yaadannoo sammuu erga taasisanii dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun alaabaa qabachuun guyyaa kana yaadatanii oolanii jiran. Guyyaan yaadannoo FDG Yuunivarsiitiilee Oromiyaa keessatti haalaan kan yaadatame yoommuu tahu Yuunivarsiitiiwwan Haramaayaa, Finfinnee, Amboo, Kotobee, Wallaggaa, Jimmaa, Mattuu, Amboo, Arbaminc, Hawaasaa fi kanneen biroo keessatti haala addaan yaadatamee oolee jira. Miseensotni qeerroo fi deeggartootni QBO walitti dhufuun ayyaana kana irratti dhimma QBO irratti marii kan gaggeessan yoommuu tahu gumaata maallaqaa dhimma QBOtiif oolus gumaatanii jiran. Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi gad aanaa keessattis haalaan yaatamuun oolee jira. Qotee bultootni Oromoos guyyaa yaadannoo kana irratti dhimma QBO irratti marii gaggeeffatanii jiran. Koollejjiiwwan dhuunfaa fi mootummaa keessatti barattootni Oromoo baratan, Hojjettootni, daldalaan akkaataa mijateen guyyaa kana yaadatee oolee jira.
Walumaa galatti Oromiyaa Golee Oromiyaa garaa garaa caasaa uummataa keessatti guyyaan yaadannoo FDG haalaan yaadatamee jira.