Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti barattootni waggaa 4ffaa fi 5ffaa shira Wayyaanee dura dhaabbachuun diddaa gaggeessan. Poolisooti federaalaas itti bobba’an

Aside

Onkololeessa 05,2013 Arba Minc

Garboomfataan mootummaa Wayyaanee Impaayera biyyattii keessatti dhiibbaa daangaa hin qabnee fi sarbama mirga dhala namaaf dorgomaa kan hin qabne irratti barattootni Yuunivarsiitii Arbaminc diddaa gaggeessan. Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo mara oduuwwan dharaa foddaa ETVdhaan kan beekamu qulqullina barnootaa jechuun kan lallabaa bahe maaliif fashala jechuun barattootni Yuunivarsiitii Arbaminc waggaa 4ffaa fi 5ffaa hiriira nagaa taasisanii jiran. Barattootni kunneen yeroo nuu kenname keessattii fi akka sagantaa barnootaatti barannee xumurra malee malaammaltummaan baajata hojii fixxaniif nuyi guyyaa lama barannee hin qoramnu jechuun diddaa dhageessisanii jiran. Mootummaan wayyaanee kutannaa fi gaaffii mirgaa kanaan kan dhiphate magaala Bishooftuu keessaa poolisoota federaalaa itti seensisuun doorsisa jabaa irratti gaggeessaa jira. Poolisootni federaalaa magaala Hawaasaa kanaas diddaa kana dhaamsuuf hedduumminaan Yuunivarsiitii Arbaminc seenanii jiran. Humni kamuu dhufu gaaffii mirgaa irraa hin dhaabbannu jechuun qeerroon yuunivarsiitii Arbaminc addeessee jira.

Barsiisonni Oromoo Lixa Shawaa Walgahii Wayyaaneen Yaamte Diddaan Dura Dhaabbachuun Imaamata Wayyaaneen Baarattoota Oromoo irratti Qabu Fashalsan.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGFulbanaa 22/2006 A.L.H tti Godina Lixaa Shawaa Magaalaa Amboottii Walga’iin Barsiisotaa fi Directerotaa Manneen barnotaa Godinicha jala jiranii mooraa mana barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina keeaassaatti dabbalotaa Wayyaaneetiin gaggeefame diddaa barsiisotaan fashala’ee jira.

Kayyoon walga’ii kana maqaa Rayyaa qulqullina barnotaa egsisuuf baratootaa shan shaniin ijaaruu irraatti marii dahoo qulqullinaa barnotaa jedhuun baratoota seelii dhaaba keenyaatti nuu ijaara jechuun dabballooti Wayyaanee OPDO imaammata shira barattoota Oromoo irratti qabanii fi duraan dhoksaan itti hojjechaa ture ifaa baasuun barsiisota godinichaa ijaaruun barattoota irratti bobbaasuu haa kaayyefatan malee barsiisonni Oromoo sabboontota ta’an akeekaa fi imaammata Wayyaanee kana dursanii baruun gutummaati dura dhaabbachuu gabaasi qeerroo Ambo irraa addeessa.

Ergamtoti Wayyaanee diddaa barsiisotaatti kan rafiatanii fi qaanawan yeroo ta’u dhuma irratti barsiisota Oromoo sodaa malee gaaffii kaasanii fi sagalee mormii dhageesisaan hundaan isin ABO dha seelii ABOtu isin keessaa baduu didee jechuun yoo dorsisan illee barsiisotni mormii isaanii itti fufuun walga’iichi milkii malee fashala’uu gabaasaan keenyaa lixa Shawaa addeessee jira.