Seenaan fottoqee hin badu bar- kudhaama abbaattii….
1
Onkoloolessa 08,2013 Daaroo Labuu
Ololli sirni garboomfaa Wayyaanee daangaa kan hin qabne tahuun hubatamaa dha. Qondaaloti Wayyaaneen Godina Harargee lixaa aanaa Daaroo Labuu keessatti wal gahii uummata waameen uummatni diddaa sirnichaaf qabu muldhisuun walgahicha diduu fi salgalee mormii dhageessisuun fashalsuu gabaasi nu gahe addeessa. Haalli kun kan itti hammaatee fi rifaatuu keessa buuse ergamtooti Wayyaanee uummata aanaa kanaa araddaa rarddaan walitti waamuun ABO shororkeessaa dha wayita jechuu eegalan uummatni gamtaan isintu shororkeessaadha ABOn dhaaba haqaa fi roorroo saba isaaf falmaa godhu malee ummata isaa gurguree dantaa isa jala kan kaatu miti,kijiba aamata 21 nurraa dhaaba ammaan booda mirga barbaadna jechuun dabballoota wayyaanee qaanessee jira.
Wal gahiin ergamtoota Wayyaanee kun araddaalee jiran keessatti diddaa uummataan fashaluu gabaasi addeessa. Haaluma wal fakkaatuun aanaa kana keessatti barsiisotni gamaggama hojii waggaa irratti dabballoota Wayyaaneen isin seelii diinaati wayita jedhaman barsiisotni gamtaan diinni isin lukkee Wayyaaneeti jechuun bakka wal gahiitti dhiisanii akka deeman baramee jira. Walumaa galatti Golee Oromiyaa keessatti waan Oromoof malee Oromoo irratti diinummaa oofuun hidda qabaachuu hin qabu jechuun qeerroon aanaa Daaroo Labuu gabaasee jira.
Yeroo muraasaa asitti gabaasota haala uummata godina Qellem aanaa Anfilloo gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.Ummanni naannoo aanaa Anifilloo qabeenya bunaa heddumminaan qaban irraa mootummaan Wayyaanee humnaan buqisuun lafa akaakiliin irra jiraataa turanii fi qabeenya isaanii dabalatee maqaa mishoomaan Investeroota itti gurguraa ture. Ummanni naannoos mirga qabeenyummaa falmachuu irraan hidhamaa akka tura,namootni qabeenya isaanii irraa hidhamaa turan kanneen hedduun isaanii sammuudhaan darban akkasuma kan lubbuu isaan of ajjeesellee kan jiru yoo tahu Mootummaan Wayyaaneen ummata qabeenyaa fi lafa isaanii falmatan gaaffii tokkoon malee hidhaatti akka geessaa jiru gabaasi addeessa.
Kana malees mootummaan Wayyaanee Oromooti mirga qabeenyummaa falmatan keessaa garii hidhaa waggaa 5nii itti murteessaa akka jiru beekamee jira. Amma akka odeessaan madheelee keenya mootummaa keessaa bahaa jiruutti mootummaan Wayyaanee jiraattota aanaa Anfilloo irra guddaa buqqaasisuun lafa qaban abbaa qabeenyaatti akka gurguruuf deemu murteessuun isaanii himama.
Haala kanaan uummanni guyyoota muraasaa asitti uummanni hunduu gara itti iyyatu dhabee dargaggoota Oromoo jiran hundatti iyyannaa keenya nuuf dhageessisaa jedhaa akka jiraniidha. Mirga qabeenya keenya falmachuu dhabneerra,yoo falmanne hidhaa fi dararaatu nu irra gahaa jira jechuun ummanni aanaa kanaa gadda guddaa keessa akka jiru gabaasaan Qeerroo aanaa kanaa addeessa.
Onkoloolessa 06,2013 gaaffii mirga qabeenyummaa gaafachuu irraan namoota hidhaa waggaa 5n 5nii itti murtaa’e nama 12 dhalootaan Anfilloo ganda Ashii fi Dullii ykn bakkuma tokkotti ganda Ashii kan tahan kanaan gaditti kan argamaniidha.
10. Lammeessaa Qana’aa
11. Bilii Solomon
12. Imaammuu Bal’inaa
Kanneen jadhaman yeroo ta’u. Namootni kun qabeenyuma dhuunfaa isaanii mootummaan weerare falmachuuf hidhaa waggaa 5n 5niin adabamanii jiru.