Yuunivarsiitiileen Impaayera Itoophiyaa keessaa diddaa barattootaan dhuunfatamuun gabaafame

Aside

Onkoloolessa 22,2013 Finfinnee

Yuunivarsiitiileen Impaayera Itoophiyaa keessaa gaaffii mirgaan mudda keessa seene. Gaaffiileen mirgaa mirgi namummaa fi Dimokiraasii keessatti haa kabajamu jechuun Yuunivarsiitii Dabra Maarqos, Jimmaa fi Walloo keessatti finiinaa jira. Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti bulchinsootni yuunivarsiitii humna waraanaa dabalinsaan barbaaduu isaanii ibsatanii jiran. Yuunivarsiitiilee mara keessatti gaaffiileen wal fakkaataan sirni bulchinsa mootummaa wayyaanee sirrii miti jechuun diddaan dhageessifamaa jira. Yuunivarsiitii Baahirdaar keessattis diddaa wal fakkaataan dhageessifamaa kan jiru yoommuu tahu mootummaan wayyaanee waraanaa fi tika ishee naannessuun doorsisa guddaa gaggeessaa jirti. Mootummaan wayyaanee dura dhaabbannaa kamuu taasisu yuunivarsiitiilee keessatti gaaffiileen mirgaa finiinan dhaabbii akka hin qabne qeerroon Yuunivarsiitiilee kanaa beeksisee jira. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessattis gaaffiin mirgaa barattootaa fi barsiisota hamate sirna bulchinsa wayyaanee mormuun wayyaanee dhiphina keessa buusee jira.

Yuunivarsiitii Diillaa damee Samaaraa keessatti diddaan barattootaa ka’een walitti bu’iinsi loltoota Wayyaanee waliin ta’e

Aside

Onkoloolessa 22,2013 Diillaa

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattootaa Impaayera Itoophiyaa keessaa jabaachaa kan dhufe Yuunivarsiittii Diillaa dame eSamaaraa keessatti haalaan finiine. Qeerroon Yuunivarsiitii Diillaa gaaffiileen mirgaa bara darbe gaafachaa bane tokko illee deebii argatee hin jiru jechuun gamtaan walitti bahuun Bilisummaa jechuun dhaadatanii jiran. Rakkoowwan bulchinsaa fi gaaffiilee mirgaa ukkaamsamaa tureef itti gaafatamummaan mootummaa abbaa irree wayyaanee tahuu uummatni haa baru jechuun soda malee barattoota gamtaan qindeessuun dhaadannoo isaanii dhageessisanii jiran. Mootummaan Wayyaanee barattoota keessumaa ammo barattoota Oromoo hidhuu fi ajjeesuu irraa haa dhaabbatu, baajatni Yuunivarsiitii keessaa dhimma siyaasaaf ooluu hin qabu jechuun diddaa dhageessisanii jiran. Mootummaan wayyaanees akkuma bare gaaffii mirgaa rasaasaan dhaabuu fi dargaggoota hidhuuf yaalii taasisu irratti nuyi wal irratti duuna jechuun barattootni gamtaan waraana wayyaanee dura dhaabbatanii jiran. Yeroo ammaa kanas dame hundumaa keessatti guutuun gaaffiin mirgaa finiinaa jira.