Daily Archives: October 15, 2013
Ayyaanni Irreecha Godina Jimmaatti Kabajame.Qeerroon Bilisummaa Diddaa Sirna Wayyaanees Jabeesse!
Aside
Onkololessaa 13,2013 Godina Jimmaatti Ayyaannii Irreechaa Malkaa Deeddeetti bakka uummanni kumaataan argametti sirna howwaan kabajame.
Sirna Kabajannaa Ayyaana Irreechaa kana irraatti Onkololessaa 12/2013 galgala Oromoon akkuma aadaa abbaa isaa kaleessaatti Korma Qaluun jalbultii Ayyaanichaa sirna ajaa’ibsisan egan. Qeerroon dargaggoonni Oromoo Yuuniversitii Jimmaa barachaa jiran ayyaanicha irraatti qindomina guddaan argamuun Oromiyaa farsaa, Gototaa Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti Wareegaman kanneen Akka J/ Taddasaa Birruu, Maammoo Mazammir, Elemoo Qilxuu, Abishee Garbaa, Jaagamaa Badhanee, Gaddisaa Hirphasaa, Alamaayyoo Garbaa, Simee Tarrafaa, Laggasaa Wagii , Tasfahuun Camadaa fi Gootota hedduu maqaa dhofnee fixuu hin dandeenyee maqaa isaanii kaasuun Farfatan, maraarsifatan, nuti jjoollee isaniti gumaa isaani baafna jechuun dhaadataa sirboota warraaqsaa kan Eebbisaa Addunyaa, Hayiluu Kitaabaa, Hirphaa Ganfurree, Hacaaluu Hundeessaa, Ilfinesh Qannoo, Adinal Mohaamed, fi kan Artistoota hedduu wal harkaa fuudhuun sirbuun Oromoof jajjabinaa fi barnotaa dabarsuun, jibbinsaa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneef qaban ifatti ittin mul’ifatan.
Qeerroon Gototni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi bakkota garaagaraa irraa walitti dhufaan humnota tikaa Wayyaaneen marfamanii utuu jirani ABO fi WBO’n gaachana uummataa Oromooti, yaa baala tuufoo ABO, WBO fi qeerroo nuf wayyaa nuufoo jechuun diina garaa kutan humnonni basaasaaf warannii wayyaanee tokkummaa ummataa irraan kan ka’ee waan qabee gadhiisu dhabe . Dargaggoon Oromoo itti fufuun Sirboota Ummataan hedduu sirbuun uummata garaa raasan. Ayyaanni irreechaa kun haala kanaan Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa Malkaa Deeddeetti Sirna ho’aa ta’een warraaqsa Qeerroo Gootota Baratootaa Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi Barsiisotaa Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi Kolleejjii barsiisotaa Jimmaan ayyaneffatamee jira.
Aside
Qeerroo Qeeramsa Biyyaa!
Lamiitiin
Sima abdiin bilisummaa Oromiyaa!
Aleelii baasii diina biyyaa!
Har`as ta`e boruus, sima abdiin biyyaa!
Naa jabaadhu! Siin jetti armeen Oromiyaa!
Goota da`een jiraa,kumaa fi kitila biyyaa!
Sirni gabroofataan maaliif na qorqitii lafee kiyyaa?
Naaf iyyaadhaa, naaf dirmadhaa yaa ilmaan kiyyaa!
Qeeroo ,fi qarree, ilmaan qomoo kiyyaa!
Jaarsii fi jaartiin maanguddoon biyyaa,
Adibaarii fi qee keenyarratti salphane kaa biyyaa!
Qaaniin qanii caaluu jiraa kana caalaa?
Jalbultiin Ayyaanaa Irreechaa Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa Malkaa Deeddeetti Sirna Ho’aan Kabajame.
Reply
Onkoloolessa 15,2013 Jimmaa
Gootota Baratootaa Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi Barsiisota Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi Kolleejjii barsiisotaa
Jimmaan ayyaneffatamaan jala bultiin ayyaana irreechaa sirna miidhagaan kabajamuu qeerroon gabaasee jira.
Qeerroon Dargaggoonni Oromoo sagaalee guddaa fi ifatti ABO fi WBO faarsuun, qabsoo bilisummaa Oromoo fi gootota Oromoo faarsuun jalbultiin kabajannaa ayyaanaa irreechaa jimmaa sirna aja’ibsiisaan egalee jira. Ayyaannii kun gaafa Onkololessaa 13/2013 Sirna ho’aa ta’een Malkaa Booyyee irraatti kabajama.