Ba’aa Wal Irraa Qoodachuun ,Humna Ta’aa Jiraachuu Keenya Mirkaneessa.

Aside

Barreessaa dhugaa baasa!Y.G(2005),kutaa 2ffaa

Har’a diinni keenya Biyyaa keessaa fi alatti adda qoodamee kan nu irratti roorrisaa jiru ta’u hubachuun nama hin rakkisu.diinni keenya bifa lamaan nu dura dhaabbatuuf hojjachaa jiru kun, caba keenya ijaan arguuf hanga dadna’an hojjachaa jiraachuu dhala Oromoo eessallee jiruufu dhokataa miti. rakkoon jiru waan jarri kun barbaadanii fi hojjatanis wallaalu irraa miti. Diina bifa lamaa kana dura dhaabbachuu, qaamuma tokkotti dhiifnee teenye haa ilaallu moo, diina irratti walii haa gallu yk ba’a mataa baayyifachaa jiru kana wal irraa qooddannee dura haa dhaabbannu ? isa jedhu qindeeffachuu yk qooda ofii ba’achuuf murteeffachuu dhabuudha.

Rakkoon kun haa jiraatu malee, kaka’umsi har’a argaa jirru kan kaleessa keessa keenya hin turreedha. Kana jabeefatanii waan nuuf hin hafnetti tarkaafachuun ala furmaati biro akka hin jirre irra jireessi walii galuu qofaatu hafa. Har’a Oromoo ykn nama Afaan Oromoo dubbatu kan qabsoo Oromoo keessa Oromoo fakkaate kan socha’u yoo hin ta’iin, dhalli Oromoo wal gawwamsuu yaalu jira natti hin fakkaatu. Hojii fakkeessaa uumee Ummata kana qalbii hatuu kan barbaaduus hagas maraa natti hin fakkaatu. Yoo ka’een deebi’ee taa’a jedhee yaade Yk kan kaleessaa irraa baratus, xiiqii eessaanu nama hin geenyen hiraaraa jiru yoo ta’e malee.

Wayyaanoonni waan wareegamaniif odoo hin taane, har’a jumulaan saba keenyaa kan fixaa jiran, qabeenyaa saaman jiraachisuuf jedhaniiti. Dhugaa jiru odoo beekanii Oromoon Angotti dhufnaan nu dhumate jedhanii yakka dhala namaa irrattii hin raawwatamne nu irratti raawwataa jiru.  Gutuu barruu kanaa dubbisuuf:-  BA’AA WAL IRRAA QOODDACHUUN,,,,,,,kutaa 2ffaa.docx

Aside

Sirni Awwaalchaa J/ Obsee Kabajaa Olaanaan Raawwate

 

Sirni Awwaalchaa Jaal Obsee Margoo

Sirni Awwaalchaa Jaal Obsee Margoo

(Oromedia, 26 Onkoloolessa 2013) Sirni awwaalchaa, Jaal Obsee Margoo, bakka maatii, firoottanii ishii akksumas miseensootii fi deeggartooti qabsoo bilisummaa Oromoo heddumminaan argamanitt biyya Norwey magaala Berganitti Onkoloolessa 11, 2013 akka aadaa fi sirna amantii ishiitti raawwate.

Waa’elli keenya Dassuu Duulaa akka nuuf ibsetti, sirna awwaalachaa kana irratti Oromooti Hoolandi, Jarman, Ingilizii fi bakkoota aaddaddaa jiraatan Onkoloolessa 24, 2013 Norwey Bergan seenuun akka aadaa biyyaatti reeffatti nagaa dhaammatan.

Akkanaan sirna awwaalchaa Jaal Obsee Onkoloolessa 25, 2013 bakka Oromooti kumaa ol ta’an otuu ilaalchaa fi amantiin adda walii hin qoodiin sirna kana irratti argamuun jaalalaa fi kabajaa Hayyu Duree ABO fi maatii isaaniif qaban agarsiisanii jiru.

Oduun nu gahe akka ibsutti, sirna awwalchaa kana irratti Jaal Daawud Ibsaa fi Oromooti argaman marti gadda dhugaa ibsachuun cinattis, jabinaa fi murannoo Jaal Obseen qabaachaa turte dabaree dabareedhaan ibsaniiru. Read More:-  http://oromedia.net

Godina Shawaa lixaa aanaa Hincinnii keessatti uummatni Oromoo gamtaan gaaffii mirgaa kaasan.

Aside

Onkoloolessa 25,2013 Finfinnee
Godina shawaa lixaa aanaa Hincinnii ganda Abay Waraabessaa keessatti uummatni Oromooo gamtaan gaaffii mirgaa kaasuun jala deemtota wayyaanee irratti tarkaanfii sirreessaa fudhatana. Aanaa kana keessatti gaaffiileen mirgaa kanneen akka dabalinsa himna ibsaa, bishaanii fi karaa gaafatamaa turuu irraan darbee dargaggootni hojii dhabdummaan rakkachuun waan jabaateef uummatni gamtaan bulchinsa aanaa gaafatee jira. Bulchaan aanaas yeroo hedduu waadaa sobaan dura dhaabbachaa turuu irraan darbee hojjettootni humna ibsaa waan malaammaltummaan uummata cinqaniif uummatni gamtaan yaa’uun reebuun tarkaanfii sirreessaa irratti fudhatee jira. Mootummaan wayyaanee milishoota gandaa bobbaasuun uummata reebsisuu fi sakattaasisuuf yaalii taasisus milishootni gaaffiin uummatni gaafate gaaffii kenya, qawween baanu afaan qawwee gara diinaa malee gara uummataa miti jechuun mootummaa wayyaanee afaanfaajjessanii jiran. Wayyaaneenis poolisoota federaalaa naannoo kanatti bobbaasaa jira. Dhiibbaa kamuu wayyaaneen gaggeessus gaaffii mirgaa irraa uummatni akka hin dhaabbanne qeerroon Godina Shawaa lixaa irraa addeessee jira.

Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Shirqoolee keessatti Ergamtooti Wayyaanee fi Ummanni walitti bu’uu irraan miidhaan qabeenya irra gahe.

Aside

Onkoloolessa 24,2013 Asoosaa

Sabaa fi Sablammootni Impaayera Itoophiyaa keessaa mootummaa wayyaaneen bitamne jedhanii guyyaan itti dhiisan hin turre. Hin jiraatus. Mootummaan wayyaanee sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessattis dhiibbaa daangaa hin qabne gaggeessaa as gahe. Haalli kun jabaachuun Godina Beenishaangul Gumuz aanaa Shirqoolee keessatti ergamaan mootummaa wayyaanee lammii Beenishaangul ajjeesuu irraa uummatni gamtaan diddaa gaggeessaa jira. Uummatni aanaa Shirqoollee nuyi yoomuu isiniif hin bitamnu jechuun waraana wayyaanee fi poolisoota akkasumas waajjira poolisii dhagaan tumaa jira. Konkolaattotni poolisii hedduun dhagaan kan tumaman yoommuu tahu mootummaan wayyaaneen dhiphina jabaa keessa seenuun waraana dabalataa 600 gara aanaa kanaa geessuu irratti argamti. Dargaggootni aanaa kanaas diddaa kana itti fufinsaan gumaa ilma isaanii akka baasan addeessanii jiran.

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa keessatti hojjettootni qonnaa Almii sirna Wayyaanee irratti diddaa kaasan.

Aside

Onkoloolessa 23,2013 Jimmaa

Mootummaan Wayyaanee fi jala deemtotni garboomfataa wayyaanee dhiibbaan isaan ilmaan Oromoo irratti gaggeessaa as gahan daangaa hin qabu. Investerootni habashaa fi alagootaas saaminsa gaggeessuu irraan darbee dhiibbaa daran sirna bulchinsa wayyaanee ol gaggeessaa jiran. Godina Jimmaa aanaa Saqqaa keessatti investimentiin qonnaa Almii jedhamu hojjettootaaf miindaan kaffalaa ture hedduu xiqqaa tahuu irraan darbee yeroon kaffaluu dhabuu irraa hojjettootnii fi uummatni gamtaan diddaa dhageessisanii jiran. Hojjettootni qonnaa kanaa guutumman hojii dhaabuun mootummaan wayyaanee garboomfataa dha. miindaan kaffalamu gahaa miti jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiran. Namoota isaan dura dhaabbachuuf yaalanis waardiyoota gorsanis waan didaniif reebuun tarkaanfii sirreessaa irratti fudhatanii jiran. Mootummaan wayyaanees gocha kanaan dhiphachuun waraana hedduumminaan bobbaasee dargaggootaa fi hojjettoota hidhaa jira. Ilmaan Oromoo

  1. Jamaal Nuuree
  2. Caalii Abbaa Gaarree
  3. Sintaayyoo Lammeessaa
  4. Mohaammed Aliyyii
  5. Suraafel Kamaal

Jedhaman mana hidhaatti kanneen ukkaamsaman yoommuu tahu gariin doorsifamaa jiru.

Fincila Diddaa Garbummaa Barattoota Oromoo Godina Gujiin.

Aside

Onkoloolessa 23,2013 Finfinnee

Gaaffiin mirgaa barattoota Oromoon finiinaa ture jabaachuun itti fufee jira. Gaaffiileen mirgaa kan bilisummaa barattoota Oromoo Godina Gujii mana Barumsaa haranfaamaa fi magaala Garjii keessatti finiinuu eegale. Mootummaan wayyaanee duula saamichaa gaggeessaa jiru nurraa haa dhaabu, ilmaan Oromoo bilisummaa barbaadna, Saaminsi warqee gaggeeffamaa jiru haa dhaabbatu jechuun gamtaan fincila diddaa garbummaa gaggeessuu irratti argamu. Gaaffii wal fakkaataan aanaa Bulee Horaa keessatti finiinuun ibsaan, bishaan guutummaatti tajaajilawwan hawaasaa kanneen jedhaman uummataaf guutumuu qabu jechuun gaaffii mirgaa finiinsaa jiran. Biyya Oromiyaa keessaa maddi ibsaa elektrikii alatti osoo gurguramuu nuyi dukkana keessa hin teenyu jechuun gaaffii finiinsaa jiran. Haalli kunis jabaachuun mootummaan wayyaanee dura dhaabbachuuf humna dafee dhaqqabaa geessuun uummata doorsisaa jira. Ilmaan Oromoo fi barattootni hedduunis mana hidhaatti guuramuu irratti argamu.