Godina Gujii keessatti diddaan barattootaa dho’e uummata dabalachuun itti fufe!

Aside

Gabaasi Qeerroo  Onkoloolessa 27,2013 akka addeessutti,Barattootni Oromoo Godina Gujii gaaffiiwwan mirgaa finiinsuun diddaa dhageessisuu itti fufan. Barattootni Oromoo kunneen qabeenyi Oromoo Oromoof malee alagaaf tahuu hin qabu, tajaajilawwan hawaasaa guutummaa guutuutti Oromoof guutamuu qaban, hidhaa fi ajjeechaan doorsisni dhaabbachuu qaba jechuun gaaffii mirgaa finiinsuu kan eegalan ejjennoo tokkichaan itti fufanii jiran. Rakkoowwan tajaajilawwan hawaasaa aanaa Bulee Horaa keessatti mudachaa dhufee fi rakkoowwan hedduu Nagallee keessatti uumamaniifis Wayyaaneen itti gaafatama haa fudhatu jechuun mana barnootaa keessatti dhaadannoo gamtaan dhageessisaa jiran.

Mootummaan wayyaanee barattoota Oromoo Galgaloo Waariyoo jedhamuu fi kanneen biroo mana hidhaatti ukkaamses guutummaan akka hiiku gamtaan gaafachuun sagalee isaan ii dhageessisaa jiran. Uummatni Oromoos gaaffiin mirgaa barattootni keenya gaafatan gaaffii sirriidha, saaminsi qabeenya lafa Oromoo investeroota halagaan gaggeefamu nurraa haa dhaabbatu jechuun barattoota isaanii waliin hiriiruun diddaa dhageessisaa jiru.

Gama biraan oduun keessa Wayyaanee jiru ,Waraana ittisa biyyaa mootummaa wayyaanee keessatti ilmaan Oromoo hoogganummaan gosummaa irratti hundaa’e haa dhaabbatu jechuun mormii dhageessisan. Mootummaan Wayyaanee keessa isaa bututaa dhufe dura dhaabbachuuf amanamtoota isaa yeroo dheeraa waraana Ittisa biyyaa keessa turaniif muudama kennuun isaa ni yaadatama. Muudamni kun amanamtoota wayyaanee yeroo dheeraa fi lammummaan Tigiree tahan irratti xiyyeeffannoon maaliif kenname jechuun waraanni Ittisa biyyaa Iizii bahaa fi Kaabaa gaaffii mirgaa gaafachaa jira. Waraana keessatti waraanni ijaaramu sabaa fi sablammiin osoo haasa’muu ajajootni maaliif dhaloota Tigiree duwwaa tahu jechuun gaaffii dhiyeessanii jiran. Ajajootni kaabaa fi bahaas gaaffii kanaaf deebii kennuu waan dadhabaniif caasaan ijaarsa ittisa biyyaa kallattii kanneen irraa laamsha’uun sirni bulchinsa waraana ittisa biyyaa rakkoof saaxilamee jira. Adda durummaan ilmaan Oromoo waraana ittisa biyyaa keesaa hojjetan gaaffii kana adda durummaan gaafachaa kan jiran yoommuu tahu sabawwan cunqurfamoo sidaamaa fi Beenishaangulis cinaa dhaabbachaa jiran. Mootummaan wayyaanees gaaffii mirgaa kanaan dhiphina keessa seenuun wal gahii hatattamaa hooggantoota olaanaan finfinnee keessatti gaggeessaa jiran. Wal gahii isaanii kana irrattis gaaffiileen wal fakkaataan mudachuu irraa milkiin itti hin jiran..

Barattooti Yuunivarsitii Mattuu FDG Eegalan. Gaaffii Mirgaa Qabanis Bulchitoota Mooraatti Dhihefatan.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDG

Onkololessaa 24/2013 Godina Iluu Abbaa Booraa Yuunivarsiitii Mattuu keessaatti FDG barattoota Oromoon eegale jabaatee itti fufuu qeerroon Yuniversitii Mattuu gabaase.

Akka gabaasaan Qeerroo ibsutti,barattotni Oromoo biyyaa olaantummaan seeraa hin kabajamne, kan mirgi namummaa fi dimookiraasiin keessatti sarbamaa jiru keessaatti barachuun hafee, wabii jireenyaa iyyuu dhabnee jireenya yaaddeessaa ta’ee keessa jiraachaa waan jirruuf mirga keenya kabachiifachuuf, harka walqabannee haa kaanu jechuun dallaa Yuuniversitichaa keessatti walitti qabamuun sirna bulchiina Wayyaanee balaaleffaachaa turuun isaanii beekame.

Haala kanaan gaaffiin barattoota Oromoo kun bulchiinsa Yuunivarsiitii Mattuuttin dhihaate.Gaaffii barattooti kaasan keessatti gadi jabeenyaan kan ka’ee bulchiinsatti himame keessaa mirgi baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu sarbamuun baratootni Oromoo Yuunivarsiitiicha irraa barachaa jiran mooraa Yuunivarsiitichaan alatti magaalaa Mattuu keessaatti Poolisotaa, Milishotaa fi dabbalota Wayyaaneetiin qabeenyaan akka moobayila, qarshii fi kkf irraa samamuu fi reebichi seeraan alaa irratti gaggeefamaa jiraachuu irraan baratootni Oromoo barnoota dhaabanii mirgaa isanii fi saba isaanii kabachiisuuf akka FDG gaggeessanif kan isaan kakaase ta’uu ifa gochuun, Qeerroon Yuunivarsiitii Mattuu FDG jabeessuun akka itti fufan dhaamsa dabarfatan.

Ummaanni fi barsiisonni Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu fi nannoo magaalaa mattuu jiraatan dabbalonnii Wayyaanee malaamaltummaan qabeenyaa keenya nu saamaa jiru, lafa keenya gurgurachaa jiru, mirga keenya sarbaa jiru, mirgii baratoota keenyaa sarbamaa jira, gaaffiin qeerroo baratootaa keenyaa gaaffii keenya, qooda irraa fudhachuu qabna jechuun FDG qeerroo gootota baratoota dargaggoota abdii egreen eegalame cina ni dhaabbanna jechuun deggersa isaanii garee barattootaaf ibsaa jiraachuu gabaasi kanuma waliin jiru addeessa.

 

Ba’aa Wal Irraa Qoodachuun ,Humna Ta’aa Jiraachuu Keenya Mirkaneessa.

Aside

Barreessaa dhugaa baasa!Y.G(2005),kutaa 2ffaa

Har’a diinni keenya Biyyaa keessaa fi alatti adda qoodamee kan nu irratti roorrisaa jiru ta’u hubachuun nama hin rakkisu.diinni keenya bifa lamaan nu dura dhaabbatuuf hojjachaa jiru kun, caba keenya ijaan arguuf hanga dadna’an hojjachaa jiraachuu dhala Oromoo eessallee jiruufu dhokataa miti. rakkoon jiru waan jarri kun barbaadanii fi hojjatanis wallaalu irraa miti. Diina bifa lamaa kana dura dhaabbachuu, qaamuma tokkotti dhiifnee teenye haa ilaallu moo, diina irratti walii haa gallu yk ba’a mataa baayyifachaa jiru kana wal irraa qooddannee dura haa dhaabbannu ? isa jedhu qindeeffachuu yk qooda ofii ba’achuuf murteeffachuu dhabuudha.

Rakkoon kun haa jiraatu malee, kaka’umsi har’a argaa jirru kan kaleessa keessa keenya hin turreedha. Kana jabeefatanii waan nuuf hin hafnetti tarkaafachuun ala furmaati biro akka hin jirre irra jireessi walii galuu qofaatu hafa. Har’a Oromoo ykn nama Afaan Oromoo dubbatu kan qabsoo Oromoo keessa Oromoo fakkaate kan socha’u yoo hin ta’iin, dhalli Oromoo wal gawwamsuu yaalu jira natti hin fakkaatu. Hojii fakkeessaa uumee Ummata kana qalbii hatuu kan barbaaduus hagas maraa natti hin fakkaatu. Yoo ka’een deebi’ee taa’a jedhee yaade Yk kan kaleessaa irraa baratus, xiiqii eessaanu nama hin geenyen hiraaraa jiru yoo ta’e malee.

Wayyaanoonni waan wareegamaniif odoo hin taane, har’a jumulaan saba keenyaa kan fixaa jiran, qabeenyaa saaman jiraachisuuf jedhaniiti. Dhugaa jiru odoo beekanii Oromoon Angotti dhufnaan nu dhumate jedhanii yakka dhala namaa irrattii hin raawwatamne nu irratti raawwataa jiru.  Gutuu barruu kanaa dubbisuuf:-  BA’AA WAL IRRAA QOODDACHUUN,,,,,,,kutaa 2ffaa.docx