Waxabajjii 08,2013 Moyalee
Duulli hidhaa mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gaggeessaa jiru jabaachaa dhufuun dargaggootni Oromoo Godina Booranaa aanaa Moyaalee keessatti mana hidhaatti ukkaamsamaa jiru.Dargaggoota oromoo hojii barbaaddannaa naannoo sanatti bobbaanii fi jiraaattotni aanaa kanaa Jumlaan mana hidhaatti guuramaa jiru.Dargaggootni
1. Dargaggoo Kumsaa Tafarii
2. Damee Raggaasaa
3. Ibraahim Waariyoo
4. Daanyee Geetaachoo
Jedhaman mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsamuun isin miseensota ABOti,ABOtu, naannoo kanatti isin bobbaase jedhamuun reebamaa fi qoratamaa jiru.Mootummaan wayyaanee wayita keessi isaa bututee fi namoota isaa bara dheeraa irraa amantamummaa dhabe gaaffii mirgaa daran jabeessinee itti fufna jechuun qeerroon Moyaalee addeessee jira.

