Wallagga Anfilloo Keessaa Qonnaan Bultooti Oromoo 26 fi Jiraattoti Kaan Waraana Agaaziin Ukkamfaman

Aside

Gabaasa Qeerroo magaala Dambi Dolloo irra Waxabajjii 19,2014

Oromian resistanceKanaan dura yeroodhaa yerootti diddaa uummanni Oromoo Wallagga, Qellem Anfilloon taasisaniin walitti bu’iinsi loltoota Wayyaanee waliin ta’een gaaga’ami hedduun ta’eera. Yeroo ammaa kanas FDG itti fufee qonnaan bultooti Oromoo naannoo Anfilloo Muggii diddaa mirga abbaa biyyummaa fi qabeenyaa itti fufuu irraan gariin torbaa lama dura gariin ammoo Waxabajjii 19,2014 loltooti Agaazii gandoota qonnaan bulaa keessa deemuun namoota 26 mana hidhaa keessatti akka uggure gabaasi Qeerroo D.Doolloo irraa nu gahe addeessa.
Kanneen kunis:  
1.Barsiisaa Laggasee Rufii
2.Kiflee Jigsaa-Ogeessa fayyaati, namni kuni humna waraana wayyaanee mana jireenya isaa cabsanii mana isaa keessatti erga reebanii booda gara manahidhaatti geessan.
3.Mitikuu Ittaana-Qote Bulaa
4.Isaayyas Bulchaa-Qote Bulaa
5.Taammiruu Tarfaa-Qote Bulaa
6.Yoohannis Aseffaa-Qote Bulaa
7.Kumarraa Waaqjiraa-Qote Bulaa
8.Birhaanuu Tarfaaa-Qote Bulaa
9.Malkaanuu Geetachoo-Qote Bulaa
10.Galahuun Leencaa
11.Tasfaayee Fiqaduu-Barsiisaa
12.Abiyoot Ayyaanaa-Qote Bulaa
13.Asheetuu Dhinaa-Qote Bulaa
14.Dabalaa Waaqjiraa-Qote Bulaa
15.Lammaa Dureessaa-Qote Bulaa
16.Charuu Tashoomee-Barataa
17.Addisuu Iddoosaa-Barataa
18.Maaruu Baajisaa-Qote Bulaa
19.Nagaash Gonjjoraa-Qote Bulaa
20.Misgaanuu Wandimmuu
21.Zelaale Dingataa-Qote Bulaa
22.Masfin Ofgaa-Qote Bulaa
23.Nagaasaa Yaadasaa-Qote Bulaa
24.Boshaa Baqqaabil-Qote Bulaa
25.Dawit Mitikkuu-Barataa
26.Ayyanaa Ittafaa-Qote Bulaa
Isaan kana keessaa gariin isaanii  torbeewwan lamaa ol mana hidhaa keessatti humna waraana Wayyaaneetiin dararfmaa akka jiran Qeerroon gabaasee jira, gariin isaanii Waxabajjii 19,2014 akka qabaman addeessa.

Mootummaan Faashistii Wayyaanee FDG itti fufinsaan gaggeeffama jiruun raafamee maqaa walga’ii jedhuun olola afaan faajjeessaa diriirsuun barattoota dhabbilee barnoota olaanoo jeequuf karoorfate.‏

Aside

Waxabajjii 17/2014 Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo ukkamsee bituuf takkaa rafee bulee hin beeku, galgalaa ganama olola afaan faajjii uummun gaaffii mirga uummaatni, dargaggootni, barattootni ,barsiisotni, hojjettootni fi uummaanni Oromoo hundi irraatti kaasaa jiruu fi FDG irratti gaggeessuun qabsoo mirga abba biyyummaa irratti gaggeeffama jiru dura dhaabbachuuf, humna waraanatti fayyadamuun uummata meeshaa waatu of harka hin qabne fixaa jira. Gabaasa guutuuf:- Odeessa Qeerroo Oromiyaa