SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Adoolessa 10,2018

Aside

Hararge Baabbiille Boorana fi Dambi Doolloo akkasumas bakkoota hedduutti yeroo ammaa Oromoo ajjeefamaa jiru akka dhaabbatu jechuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo magaalaa Shaambuu FXG itti fufee jira!

Aside

Continue reading

Godina Harargee fi Bakkoota adda addaa keessatti dhumaatiin ummata Oromoo itti fufee jira.

Aside

Image may contain: 1 personHararge Lixaa aanaa Mi’eessootti Liyyuu Hyilii Sumaaleen uummataarraan miidhaa geessiste. Haaluma kanaan ilmaan Oromoo lama madaa’aanii Hospitaala Cirootti yaalamaa jiru

BBC- Dr. Abiy Ahimad: Hayyu duree ABO Obbo Daawud Ibsaa waliin mari’tan

Aside

Hayyuu duree Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Daawud Ibsaa

Hayyu dureen ABO obbo Daawud Ibsaa jila isaanii qabachuun ministira muummee Dr. Abiy Ahimad waliin Eertiraatti mari’ataniiru.

Gareen lamaan wal arguun dhimmota gurguddoo irratti mari’achuun wal hubannoo gaariirra gahameera jechuun dubbii himaan ABO Obbo Toleeraa Adabaa BBC’tti himan.

Fuula duratti haala akkamiin waliin hojjechuun danda’ama kan jedhu irratti mari’atameera.

Gareen lameen jilasaanii qopheessuun biyya biraatti waliin mari’achuuf walii galaniiru.

Yoomii fi eessatti marichi gaggeefama kan jedhuuf, obbo Toleeraan yeroo gabaabaa keessatti raawwachuuf bellamni qabameera jechuun alatti waan dabalataa hin himne.

Continue reading

HD ABO fi MM Dr,Abiyi Ahimad Magaalaa Asmaraa Keessatti Wal Arganii Marii Araaraa Taasisan.

Aside

Adoolessa 09, 2018- Oduu Simbirtuu/Breaking News

Hayyuu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Hoogganootni ol’aanoon Dhaabichaa kanneen biroo guyyaa har’aa (Adoolessa 09, 2018) biyya Ertiraa magaalaa Asmaraatti Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed walii

n wal arguun marii araaraa kan marraa duraa tasisanii jiru.

Jilli karaa lachuu magaalaa Asmaraa irratti wal arge   ABO fi Mootummaa Itoophiyaa gidduutti haasaan/negotiation jalqabamuu bifa itti danda’u irratti kan wal dubbatame dha. Mariin araaraa kunis yeroo gabaabaa keessatti mariin akka xumuramu dubbatanii jiru.

Akkanaanis Jilli qaamotni lamaan bakka buufatan yeroo gabaabaa booda wal arganii haasaan/negotiation jalqabamuu akka malu oduun Waajjira Hayyu-Duree ABO irraa bahe mirkaneessee jira.

Continue reading

Madaan Anoolee fi Calanqoo Qooruu Diddee?

Aside

BBC News Afaan Oromoo Ado 6’2018

Aside

https://youtu.be/dyk55rNXEYw

Agartuu Qeerroo Tibbanaa (Hunkuroo)

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aa
Adooleessa 5,2018
Finfinnee Oromiyaa

Ariirrata
Adeemsa qabsoo Oromoo darbe, kan dhageenyerraas kan agareerraas waan addaa dhalachuu baatus akka waan addaa dhalachuu qabutti sochiin Wayyaanee fandaluusaa agarra. Adeemsa qabsoo Oromoo maseensanii, ilmaan Oromoo impaayera gaddaaf gadadoo taateef Xoophiyaa keessatti cafaquuf shorri diinni qabsoo taphataa jiru hedduudha. Sochii diina qabsoo Oromoo kana jabinaan dura dhabbachuuf tattaaffiin baratoota Oromoo fi kanneen hojjetaa ta’anii jiranii murteessaa ta’uu himuun barbaachisaadha.

Gufuun qabsoo Oromoo kaleessaa har’as gufuu ta’uu itti fufuun, miira xiiqii hamaatiin bobbaan OPDO’n gooftaashee Wayyaanee waliin taatee qabsoo irratti gaggeessaa jirtu kan mararfannoo dhala namaaf hinlaanneen shirri karaa OPDO ajjeechaa garmaleen raawwatamaa jiru balaaleffatamaa ta’uu himna. “Sagal elmamus sagaltamni elmamus kankoo Qiraacuma jette Adurreen” akksuma “roobus caamus ijji misiraa lama” jedhama. OPDO jijjiiramtee, akka uummatatti makamtuuf qabsoo Oromootti dabalamtee tokkummaa uummataa haalaan jabeessuun diina irratti akka fuulleffanno tattaaffii ABO taasisaa ture fudhatama dhorkachuun bobaa jala TPLF keessee adeemuu cinatti waraana Kora Bittinneessaa uummatti bobbaasuun uummata akka malee rukutuuf ajjeesuu jabeessite. Kana yeroon uummanni akka itti dammaqu abdii qabna. Continue reading

“Namni Bishaanni Isa Nyaate Homacha Qaqabata” Yakkamtoota Seenaatu ABO Yakka!!

Aside

ABO tokkummaa Oromoof aarsaa akkamii baasaa ture, aarsaa akkamii baasaa jira? Tokkummaan OPDO’n baantuuf Oromoon fedhu tokkoo? Tokkummaa Oromoon fedhu tokkummaa akkamiitii? Akeekni ABO qophxeessuu irratti fuulleffannoon hojjetamaa jiru Oromoof galmamoo gufaata?

Qalbeessaa Dhangi’aa

Finfinnee Oromiyaa

Xiyyoo dubbii/Areerrata

Seenduuba(seenaa duuba)  kaleessaa akka hayyoonni barreessaa turanittis ta’ee akka dhagaa’aa guddanneetti rakkoon Oromoo garbummaa keessatti hanbise tokkummaa dhabuudha ka jedhu dhagaa’aa turre dhagaa’aas jirra. Tooruma kaleessaa gaafa faana dhoofnee ilaallu, Gendaa Buushan habashoota karaa lolaa cabsuuf lola jabaa labseera, akkasuma gootonni hedduun lixa Oromiyaa irraan Jootee Tulluun durfanii habshaa karaa lolaa cabse karaa waraanaa of keessaa baasuuf muratanii qabsoorra turan. Qabsoon Buushaan Mijuu irraa dhaalee, Gendaa Buushaan ilmi Buushan Mijuu Gootichi Sibuu karaa waraanaa gaggeessaa ture, ilma Morodaa Bakaree Kumsaa Morodaa sanyii warra Leeqaa Shanii warra waayyuu keessaa dhalateef liqimfamaa hinturre. Kumsaan habshoonni waraana hedduun nutti bobbaa’aa waan jiraniif nuti karaa waraanaa biyya keenya kabachiisuun nutti ulfaata karaa siyyaasaa injifannaa kan jedhu irratti amana. Gendaan mormakoo kutu malee utuun ilaaluu Qarree biyya koo ashakarii minilik hingodhu jechuun falma afaan qawwee kalattiin karaa gootummaa deebisuuf muratee, Waamaa irraa qabee hanga Baakkoo darbee ijaajjii gahutti loltoota habshaa lolaa ture. Continue reading

SQ- Adoolessa 6/2018

Aside