Daily Archives: July 26, 2018
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.
Aside
Daldalli Siyaasaa Tokkummaa Uummata Oromoofi Addatti Tokkummaa Qeerroo Dargaggoota Oromoo Cabsuuf Maqaa ‘Qeerroo Oromiyaa’ Jedhuun Gaggeeffama Jiru Atattamaan Dhaabbachu Qaba.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.
Yeroo Uummatni Oromoo akka sabaattifi akka Jarmiyaatti wal hubannoofi tokkummaa isaa jabeeffachuun Qabsoo Bilisummaa Orommoo galii isaa isa dhumaa Bilisummaa isaa gonfachuufi walabummaa Oromiyaa mirkaneeffachuuf Carraaqiin inni mayyii gaggeeffama jiru kanatti farreen qabsoo bilisummaa Oromoofi farreen Uummata Oromoo kan ta’aniifi Addatti immoo dinni humna qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ta’ee Qeerroo cabsuufi dadhabsiisuuf maqaa ‘Qeerroo Oromiyaa’ jedhuun daldala siyaasaafi shira diinummaa butatee gadi bahaa jiraachuun hubatame jira. Gabaabadhumatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroo Qabsoon Bilisummaa Oromoo galii isaa gahaa jiru kanatti shira siyaasaa humna uummata keenyaa cabsuuf aggamamaa jiruufi Oromoon walii isaatiin walitti deebi’ee akka walloluuf , ofii immoo Oromoo wal nyaachisaa bittaa umrii dheereffachuuf karaa dhaaba ergamtuu wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOfi humnoota tikaafi siyaasaa isaanitiin kan gaggeeffama jiru kana fashaleessuuf Ibsa gabaaba itti aanu kana dabarsuun kan akeekaafi kaayyoo diinaa fashaleessuu ta’uu hubachisa!! Continue reading