Adoolessa 09, 2018- Oduu Simbirtuu/Breaking News
Hayyuu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Hoogganootni ol’aanoon Dhaabichaa kanneen biroo guyyaa har’aa (Adoolessa 09, 2018) biyya Ertiraa magaalaa Asmaraatti Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed walii
n wal arguun marii araaraa kan marraa duraa tasisanii jiru.
Jilli karaa lachuu magaalaa Asmaraa irratti wal arge ABO fi Mootummaa Itoophiyaa gidduutti haasaan/negotiation jalqabamuu bifa itti danda’u irratti kan wal dubbatame dha. Mariin araaraa kunis yeroo gabaabaa keessatti mariin akka xumuramu dubbatanii jiru.
Akkanaanis Jilli qaamotni lamaan bakka buufatan yeroo gabaabaa booda wal arganii haasaan/negotiation jalqabamuu akka malu oduun Waajjira Hayyu-Duree ABO irraa bahe mirkaneessee jira.
ሓምሌ 09 ቀን 2018ዓም) የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ሊቀ-መንበር ኣቶ ዳውድ ኢብሳና ሌሎች የድርጅቱ ከፍተኛ ኣመራሮች፡ ዛሬ (ሓምሌ 9 ቀን 2018ዓም) በኤርትራ ኣስመራ ከተማ ከኢትዮጵያ ጠቅላይ ሚኒስትር ዶር. ኣብይ ኣህመድ ጋር ለኣጭር ጊዜ ተገናኝተዋል።
ይህ ኣጭር ቆይታም ለወደፊቱ በኦነግና በኢትዮጵያ መንግስት መካከል ድርድር/Negotiation መጀመር በሚቻልበት ሁኔታ ላይ ያተኮረ ነው።
በዚህም መሰረት ሁለቱም ኣካላት የወከሏቸው ልዑካን ቡድኖች ከኣጭር ጊዜ በኋላ ተገናኝተው ድርድር/Negotiation ሊጀመር እንደሚችል ከኦነግ ሊቀ-መንበር ጽ/ቤት የወጣ ዜና ኣረጋግጧል።