Qalbeessaa Dhangi’aan
Adooleessa 27,2018
Finfinnee Oromiyaa
Seensa
Uummanni Kuush/Kuusaan waggoota hedduun duras cunqursaarra tureera. Seenaan isaas hatamaa yoona gaheera. Kaawwan ammoo gubamaa yoona gahan. Waa’ee Kuush barreessitoonni maal jedhu.
Obbo Birruu Tsaggaayee kitaaba isaanii keessatti waa’ee saamicha uummata Kuush irra gahaa ture haala kanaan ibsu “Araboonni yeroo Afrikaa Kaabaa weeraranii babal’ataa turanitti kitaaba Misir saamanii biyyatti fe’ataniin gamatti kan guban ji’a jahaaf (6f) halkanii guyyaa akka boba’e seenaan galmeesseera. Piraamidoota Nuumiibiyaa fi Misir keessa jiran dachaan kan caalan kan mancaa’an warra seenaa sana hinojjeenneeni. Fakkii dubartii (Sphinx) kan yaadannoo Asiisif (Asete-Ateete) tolfame san Naappoliyoon Boonappaartii madfiidhaan jigsiisef inaaffaa jibba sanyiitiin qabamee yoo ta’u siidaa guddaan kun yoo lafarratti hafe ragaa guddaa sagalee hinqabne warra hojjeteef ta’a jedheeti. Aleeksaandar guddichi Giriik barruu waa’ee mootota Misir san duraa barreeffamee kaa’ame barruu waggoota kuma hedduu hanga danda’e saamee fudhatee jira” jechuun ibsa. Continue reading