Hayyu dureen ABO obbo Daawud Ibsaa jila isaanii qabachuun ministira muummee Dr. Abiy Ahimad waliin Eertiraatti mari’ataniiru.
Gareen lamaan wal arguun dhimmota gurguddoo irratti mari’achuun wal hubannoo gaariirra gahameera jechuun dubbii himaan ABO Obbo Toleeraa Adabaa BBC’tti himan.
Fuula duratti haala akkamiin waliin hojjechuun danda’ama kan jedhu irratti mari’atameera.
Gareen lameen jilasaanii qopheessuun biyya biraatti waliin mari’achuuf walii galaniiru.
Yoomii fi eessatti marichi gaggeefama kan jedhuuf, obbo Toleeraan yeroo gabaabaa keessatti raawwachuuf bellamni qabameera jechuun alatti waan dabalataa hin himne.
Akka jaarmiyaa tokkootti qabsoo Oromoo keessatti haala akkamiin waliin hojjenna kan jedhu irratti mari’atameera.
Jilli ABO fi mootummaa yommuu wal argan dhimmoota hunda irratti kan mari’atan ta’a jedhaniiru.
- ABO’n biyya galuuf haal-duree attamii kaa’e?
- ABO: ”Rakkoo nageenyaa Lixa Oromiyaaf harka keessaa hinqabnu”
Kamisa darbe ministirri muummee osoo gara Asmaraatti hin qajeeliin manni maree Itoophiyaa ABO dabalatee gareewwan akka Ginbot 7 fi ABBO galmee shororkeessummaa jalaa baaseera.