“Namni Bishaanni Isa Nyaate Homacha Qaqabata” Yakkamtoota Seenaatu ABO Yakka!!

ABO tokkummaa Oromoof aarsaa akkamii baasaa ture, aarsaa akkamii baasaa jira? Tokkummaan OPDO’n baantuuf Oromoon fedhu tokkoo? Tokkummaa Oromoon fedhu tokkummaa akkamiitii? Akeekni ABO qophxeessuu irratti fuulleffannoon hojjetamaa jiru Oromoof galmamoo gufaata?

Qalbeessaa Dhangi’aa

Finfinnee Oromiyaa

Xiyyoo dubbii/Areerrata

Seenduuba(seenaa duuba)  kaleessaa akka hayyoonni barreessaa turanittis ta’ee akka dhagaa’aa guddanneetti rakkoon Oromoo garbummaa keessatti hanbise tokkummaa dhabuudha ka jedhu dhagaa’aa turre dhagaa’aas jirra. Tooruma kaleessaa gaafa faana dhoofnee ilaallu, Gendaa Buushan habashoota karaa lolaa cabsuuf lola jabaa labseera, akkasuma gootonni hedduun lixa Oromiyaa irraan Jootee Tulluun durfanii habshaa karaa lolaa cabse karaa waraanaa of keessaa baasuuf muratanii qabsoorra turan. Qabsoon Buushaan Mijuu irraa dhaalee, Gendaa Buushaan ilmi Buushan Mijuu Gootichi Sibuu karaa waraanaa gaggeessaa ture, ilma Morodaa Bakaree Kumsaa Morodaa sanyii warra Leeqaa Shanii warra waayyuu keessaa dhalateef liqimfamaa hinturre. Kumsaan habshoonni waraana hedduun nutti bobbaa’aa waan jiraniif nuti karaa waraanaa biyya keenya kabachiisuun nutti ulfaata karaa siyyaasaa injifannaa kan jedhu irratti amana. Gendaan mormakoo kutu malee utuun ilaaluu Qarree biyya koo ashakarii minilik hingodhu jechuun falma afaan qawwee kalattiin karaa gootummaa deebisuuf muratee, Waamaa irraa qabee hanga Baakkoo darbee ijaajjii gahutti loltoota habshaa lolaa ture.

 

Moggaasni maqaa magaalaa Lixa shaggara IJAAJJII jedhus akka Gendaa Buushan moggaasise seenaatu lafa kaha. Bara sanatti Kumsaa Morodaa hololaa garaagaraaf duula waraanaa Gendaa Ilma sibuu irratti banuun akka Leeqaaf Sibuun cabu taasiseera. Bara kanas hololli diina qabsoo Oromoo waraanni nu hinbarbaachisu holola jedhuun qabsoo Oromoo sigiksuuf rafaa hinjiran. Har’a holola Tokkumaa jedhuun gantuuf galtuun Oromoo irraa cooqaa utuu ooluu agarra. Qaamni Tokkummaa Oromoo diiguu barbaadus utuunni TOKKUMMAA jechuun ajandaa barbaadu ammo bo’ii dhumaa irratti lafa kahaatuu argaa jirra. Hundarra duulli ABO irratti adeemaa jiru duula Oromoo balleessuuf adeemaa jiru ta’uu ilmi Oromoo akka beeku asumaan himuu feena. Tokkuummaan Oromoon fedhu uummata Oromoo bahaaf dhihaa,kaabaa kibbaa amantaan utuu wal hinqoodiin waliin qabsaa’ee Bilisoomuun Faajjii Bilisummaa Oromoo dhaabbachuudha. Yoo barbaachise ammo saboota Kuush cunqurfamaa jiran ofitti dabalee qabsoo abbaa biyyuummaa galmaan gahuudha malee, tokkummaa gantuuf galtuu waliiniif Oromoon aarsaa kaffalaa hinturre kaffalaas hinjiru. Mee barruu har’aatti haa dabarru.

 

ABO tokkummaa Oromoof aarsaa akkamii baasaa ture, aarsaa akkamii baasaa jira?

Addi Bilisummaa Oromoo aarsaawwan gurguddaa kaffalee qabsoo isaa yoonaan gahate. Aaarsaawwan wareegama lubbuu qaqqaalii dhabiinsa hoggantoota ABO gameeyyii hedduun gaaga’ama hamaaf saaxilamaa turuu seenaa ABO kaleessaa irraa baranne. Seenaan ABO’n keessa darbeef keessa jiru gahaatti dhala Oromoo mara bira gahuu hanqatuun akka dhaloonni dagatee burjaaja’uuf daandii saaquu isaa asuumaan himnus akeekni dhugaan yeroof qaamolee ofittoon gufatuuf hojjetamu galma hanqatuun akka dhaloonni seenaa ABO haqaa baru cimsinee waan hubannuuf yaaddoo irraa hinqabnu. ABO qaama aantummaa Oromoo haalaan qabum.kan egeree Oromoof aarsaa Lubbuu kaffaluuf murteeffate malee qaama dantaa bubuutuuf dantaa dhuunfaaf qabssoo irra jiru miti. Diinni qabsoo Oromoos ABO dhabamsiisuuf atattaaffii guddaa gootulleen daandiin ABO haqa uummataa shororsuun haqa jallatte deebisee Oromoo bilisa baasuuf kan socho’u malee qaama Badii uummataaf ijaaramee badii uummataa barbaadu, ykn qaama ani jiraadhee Oromoon duubaan dhalatu ha badu jedhu miti. Kanaaf Oromoo balleessuuf akeekkatan balleessuun waan Habshootatti ulfaatee maqaalee garaagaraa ABO tti moggaasuu cinatti qabsaa’aa fakkeessanii Mooraa qabsoo Oromootti oofuun Oromoof qabsaa’ota Oromoo dhabamsiisanii lafa Oromiyaa jedhamtu balleessuuf amuummataa bulanii amuummataa oolu. Har’a qabsoon keenya roga Bilisummaa haqaa qabatee wayiita jirutti, qaamonni kaleessa nu fakkaatanii waan Bilisummaa Oromootti amana of fakkeessan dirqiin hojiin isaani akka saaxilamaa jiru argaa jira. Hundarra qabsoon ABO qabsoo Oromoo irratti utuu hintaane qabsoo diina qabsoo irratti taasisu kan Agaaziif ilmaan Manzee irratti fuullefatu ta’uu uummatichi cimsee beeka. Tokkuummaa oromoof aarsaa gurguddaa baasuu keessatti qoodni ABO bahataa tureef jiru olaanaadha.Ilma Oromoo haqaa dhaaba ABO keessatti miseensa ta’ee qabsaa’urraas kan eegamu ofii jiruu bareedaa jiraatee Oromoo balleessuuf utuu hintaane Ofii badus kaayyoo Oromoo tarkaanfachiisee darbuu kan jedhudha. Kanarraa ka’uun Tokkummaa itichuu keessatti qabsaaa’onni gameeyyii shiftaa Sumaaleen ajjeefaman kanneen akka Magarsaa Bariif waayiillansaa bakka Shinniigaa jedhamutti lubbuun taran isa hangaafaaati. Shiftoonni wayiita amantaan qoodanii ajjeesuuf jedhanitti amantaa isaaniirra eenyummaa waliin uumaamanii waliin socho’aa jiran Oromummaa qofaan dubbatanii aarsaa guddaa kaffaluun wareegamuu caalaa Tokkummaaf aarsaan ABO’n kaffale kan raageessu waan jiru natti hinfaakkatu. Aarsaan ABO’n tokkuummaa Oromoof kaffalu ammallee dabalaa bula malee hir’ataa miti.

 

Tokkummaan OPDO’n baantuuf Oromoon fedhu tokkoo?

 

Maqaa tokkummaa jedhu daldala siyyaasaaf OPDO alaaf keessaa utuu dhimma itti bahanii agarra. Qaamonni tokkummaa sabaaf hindhiigne afaaniin tokkummaa lallabaa uummata amantaaf gandaan ijaaruun matumaa wal hinsimu. Qaamonni Tokkummaa lallabaa uummata Oromoo diiganii jireenya qananii karaa qaxxaamuraa jiraachuuf carraaqaa jiran hedduun dhalataniiru. Qaamonni kunnen waan hundumaa dubbachuu dursanii kaayyoo gooree isaanii boodarra kahatanii jalqaba ykn moxobii dubbii isaaniirratti Tokkuummaan keenya yaada jedhuun jalqabu. Qaamota kanarraa Oromoon cimsee of eeguu qaba. OPDO’n Tokkuummaa uummanni waliisaaf lallabaa ture gara siyyaasa isheetti butachuun gantoota sabaa waliin tokkoomuu akka Oromoon qabuutti, akka ishees qaama ofii tasifattutti lallaabataa jiraachuu agarra. Qaamonni OPDO qabsoo Oromoo amaaraaf laachuu barbaadan Amaaara faana akka waan Oromoon tokkumma’uuf qabsaa’aa tureetti hololu.kun daba seenaati jechuun ilaalla. Bololleen uummataa har’uma jechoota qabsaa’aa hatuun dubbatteef hayyuu uummata Oromoo ta’uufis kaayyoof ejjennoo dabalatee Alaabaa Oromoo jijjiirsisuuf matuumaa hindandeessu. OPDO’n tokkuummaa Wayyaanee faanaaf ilmaan NiooMinilik faanaa baanu, Oromoon garuu waliisaaf tokkummaa’uu akka qabu walii dhaamaa tures ittis jira. Akeekni ejjennoo uummataa jijjiirsisuuf holola dharaan uummata faaluuf sochiitti jiramu kan gabaabbatu ta’uu himuu feena. Asuuman Tokkuummaan OPDOf ilmaanshee alaaf keessaa baantuuf kan Oromoon fedhu tokko akka hintaane hubachiisna.

 

 

Tokkummaa Oromoon fedhu tokkummaa akkamiitii?

 

Oromoon Tokkuummaaf gamtaa’ina ittiin diina lolu dhabee akka cabe cimsee beeka. Kanaaf; waliin ta’ee Bilisummaa isaa mirkaneeffachuun Oromiyaa biyyoota Afrikaa keessaa tokko taasifachuuf biyya mataasaa ijaarrachuuf fedhaaf ejjennoo daddaaqa hinqabne qaba.kanarraa ka’uun qaama qawween isa cabse qawween ofirraa akka kaasu amana, tokkuumma waliisaan akka Bilisoomuutti amana malee gaa’ela seeraaf heerri Oromoo dhorku halagaa waliin walitti eerume wal fuudhuun tokkummaa diina waliin matumaa hawwee hinbeeku. Kanarraa ka’uum tokkuumman Oromoon fedhu tokkummaa ejjennoo Bilisummaaf Walabummaa sana galmaan gahu malee tokkummaa ilma habashaa irratti dhiichisiisuuf habashaa waliin walitti dhufuu matumaa hinqabu.

 

Akeekni ABO qophxeessuu irratti fuulleffannoon hojjetamaa jiru Oromoof galmamoo gufaata?

 

Kanarraa ka’uun qaamoleen OPDO alaaf keessaa addatti qamoonni iskoolaarshiiph Wayyaaneen biyya alaattii bobbaafaman akeeka ABO cabsuu irratti ganamaa galgala hojjechaa jiraachuu agarra. Kanuumaan jechoota ABO fi maqaa ABO hinibsineen moggaasanii utuu abaaranii agarra. Akeekni OPDO’n alaaf keessaa ABO qophxeessuuf imalaa jiran isaanumaan kan galaafatu malee kan ABO matumaa hinsochoofne ta’uu Oromoon hubachuu qaba. Har’a akka waan ABO’n tokkummaa jibbee qabsoorraa jiruutti WBO fi Qeerroo Bilisummaa irratti duuluun akeeka ABO naaffisuuf qabame ta’us kun xiiqiif kutannoo qabsaa’otaa ta’uu asumaan himuu feena. ABO dhamsiisuuf ganamaa galgala duulli karaa aktiivistii warren ofiin jedhanii adeemu matumaa lafa qabataa utuu hintaane, akka Keelloo Gannaa ta’uu asumaan himna. ABO qophxeessuu duuba garbummaa hammaataaf Oromoo saaxiluutu jira, kanaaf akeekni jalqabaa ABO miseensaaf deggaraa dhorkatuun diganii dhabamsiisuu akka ta’etti hojjetamaa jira. Duulli maqaa ABO  WBO xiqqeessuuf Shanee jecha jedhuun dhabamsiisuuf hojjetamaa jiru duula jabaa ta’us essayyuu gahuu hinda’au.

 

Hubadhaa! Qqmotni har’a WBO qeeqaan

Kaleessa; “WBO badeera , utuu jiraatee suuraaf Vidio nutty agarsiisu. WBO’n bade jira kaayyoosaatu jira”

“WBO’n maaliif hindhukaasu maaliif hinajjeesu?”

“WBO’n biyya hinjiru”fi jechoota haamilee uummataa tuqan barreessuun live garaa garaa irratti hojjechuun WBO’n utuu isaan hinwaamiin isaan waamanii arrabsuun irqinfachiisa turan. WBO’n gaafa hojiin uummata keesssatti mul’atu ammo maqaasaa xureessuun itti fufuun “sa’atii kanatti waraanni nu hinbarbaachisuuf…” waan garaagaraa itti moggaasuun xiqqeessuurra jiru. Akeekni akkanaa ABO kophxeessanii kophaatti hanbisuuf hawwuuf abdii kuatannaarraa maddeeti. Kun uummanni dafee itti dammaquu baannaan uummataaf balaadha.

 

Horaa Bulaa

Injifannoon Uummata Oromoof

Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!

Qalbeessaa Dhangi’aa

Finfinnee Oromiyaa

Adooleessa 6,2018

 

1 thought on ““Namni Bishaanni Isa Nyaate Homacha Qaqabata” Yakkamtoota Seenaatu ABO Yakka!!

  1. Uuuuuu ABO yoo dhugaa oromoof kan qabsooftan taatan nu birmadhaa qubattootni nafxanyaa biyyaa nu buqqisaa jirti siidaa goota H/Aadam saaddoo dhaabuu dhoorkudhaan qeerroo keenya yaadannoo goota isaatiif argame rasaasaan nurraa fixaa jiru kaleessa galgala qofa namni 8 yoo du’u 12 madaa’eera shira haguuguuf jecha walitti bu’iinsa amantaati jedhaa jiru ummatni oromoo naannoo san jiraatu musliima waan taheef nuuf birmadhaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s