Daily Archives: July 31, 2018
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Adoolessa 31,2018.
Aside
Nutis Biyya Qabna!! Oromoon MN Eenyummaa fi Kaayyoo Isaanii Akkasitti Ibsatan.
Aside
Kora Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa Adoolessa 24 – 27, 2018.
Aside
Kora Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa Adoolessa 24 – 27, 2018.
Murti ejjannoo fi kutannoolee
Nuti miseensonni Adda Bilisummaa Oromoo biyya USA fi Kanada keessatti argamnu Kora Gamtaa ABO kan bara 2018 irratti hirmaatne dhimmoota siyaasa, jarmiya dinagdee fi haala waligalaa yero ammaa belbeltuu taate irratti maree ballaa fi dheera erga godhanneen booda milkaa’ina Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfammu shaffisiisuuf murtii ejjennoo fi kutannoolee asiin gaditti tarreeffaman dabarfanne.
- Bilisummaa Ummata Oromoo dhugoomsuuf karaa siyaasaa, diplomasi fi waranaa ABOn geggeeffama as ga’e hanga xumuratti itti fufsiisuuf deggersa barbaachisu hunda dacha dachaan gummaachuuf murteeffanne.
- Addi Bilisummaa Oromoo rakkoo siyaasaa motummaa Itophiya waliin qabu karaa nagaa furuuf tattaaffi inni itti jiru akka milkaa’uuf deggersa guutu kennuufiif murteeffanne.
- Warraanni Bilisummaa Oromoo, WBOn, wabii qabsoo bilisummaa Oromoo ta’uun yeroo kamuu caala yeroo dhugooma jirutti deggersa bifa hundaan barbaachisu shaffissaan dhiheessuuf murteeffanne. Continue reading