NAAFKOO SOBBOOQAA *GUBAA BARA BARAA* NEW OROMO MUSIC, 2018

Aside

https://youtu.be/aDcFQa2Ym1E

Continue reading

“VIVA QEERROO” Dawite Mekonen romo/Oromiyaa Music 2018 (Official Music Video)

Aside

Aside

English Summary of Qeerroo Statement on Moyale Massacre, March 11, 2018.

Aside

Qeerroo Bilisummaa Oromoo (aka Qeerroo, the Oromo Youth Organization Leading the Current Oromo Movement) just released a six-point statement following the Moyale Massacre. The Statement is summarized as follows:
1. All necessary measures will be (sould be) taken to halt the distribution of gas and the movement of gas companies giving service to the regime in Oromia.
2. All major roads through which goods and services are provided to the regime will be closed prudently in such a way that the regime will not be able to commit another masssacre.
3. All necessary measures will be 

Continue reading

Oromiyaan Lolaa Dhiigaaf,lolaa Imimmaaniin Haramtee Akka Hinbanneef Oromoon FXG Hanga Bilisummaatti Jabaatee Itti Fufuu Qaba!

Aside

Bitootessa 11,2018, Torbanoota lamaan kana keessa Waraanni TPLF akka malee uummata ajjeesuu, reebuun caccabsuu, jumulaan hidhuurratti fuulleffatte. Waraanni TPLF sababa waraanni ABO ykn WBO’n Oromiyaa raasaa jira jechuun uummata keenyarratti waraana kallattii afuriin banee jira. Waraanni TPLF kunneen manneen uummata Oromoo humnaan caccabsanii seenuun, dargaggeessa Oromoo Oromummaa qofaaf mana hidhaatti guuruu irratti fuulleffannoon hojeetee itti fufee jira. Oromiyaa keessatti manneen Oromoo akkasuma goleewwan Oromoo namni torban lama kana keessaa hindu’in muraasatuudha.

Continue reading

“Gabrummaatti Xumura Haa Goonu”! Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Yakkaa Duguuginsa Sanyii Mootummaan Wayyaanee Sirni EPRDF/TPLF/OPDOn Waraana Labse Uummata Keenya Fixaa Jiru Ilaalchisuun Qabsoo FXG Finiinsuun Fashalessine Gabrummaatti Xummura Haa Goonu!!

Ibsa Qeerroo Billisummaa Oromoo Irraa Darbe.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo kanatti yoomiyyuu caalaatti waraanaa uummata keenyarratti labsee deeggarsa tokko malee dirqamaan labsii waraanaa raggasisee yakka waraanaa gochaa duguuginsa sanyii (genocide) uummata Oromoofi saboota cunqurfamoo biyya keenya keessa jiran irratti gaggeessa jira. Torbee darbee erga Labsiin Waraanaa labse hanga har’atti yakki duguuggaa sanyii ajjeechaan jumlaa Oromiyaa Dhihaa Amboo, Gudar, Giincii, Holootaa,Naqemtee, Gimbii, Dambii Doolloo, Jimmaa, Harargee , Baaleefi Moyyaalee kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti uummata keenyarratti itti fufinsaan gaggeeffama jira. Kan guyyaa kaleessaa Bitootessa 10/2018 Godina Kibba Oromiyaa Booraana Magaalaa Moyyaalee keessatti Uummata keenyaa nagaa irratti waraana banuun hanga guyyaa har’aatti itti fufinsaan yakki duguugga sanyii gaggeeffama jira. Continue reading

Waraanni Agaazii Wayyaanee Dararaa Barattoota Oromoo Irraan Gahaa Ture Ammos Itti Fufe!

Aside

[SQ, Bitootessa 11,2018]

Mootummaan gorboonfattuu Wayyaanee akkuma barattoota Oromoo irratti dararaa jallataa raawwataa turte, barataa Oromoo reebuun hidhuu ajjeesuu akkasuma barnootarraa ari’uu hojii idilee taasifataa turtetti itti fufte. Haaluma kanaan Mooraawwan Yuunibarsiitii keessatti madaallii qorumsaan alatti, tilmaamaan qabxii barattootaa laachuun itti fufuun mooraawwan tokko tokko keessatti barataa Oromoo addaan baasanii qabxii jalaa gadbuusuuf yaadamuun “F” laachuun waan argaaf dhagaa’aa turre jibbiinsa Oromoof qaban mul’ifataa jiru. Haaluma kanaan barattoota Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa damee barnootaa Computera barataa jiran, barattoota Waggaa lammaaffaa daree tokko guutummaatti gosa barnootaa statics “F” laatamuu akka qabaniif Heeddiin murteessee dabarse jechuun nuu gabaasan. Rakkoo barattootni geessisaniif sababaa “F” kennisiisuuf gaafannee turre. Sababi guddaan jedhu, “barsiisonni koorsicha barsiisaan mooraa Guddaa ykn main campus kan turan yoo ta’u, Continue reading

Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Keessaa Ergamtooti Wayyaanee Halluu Alaabaa ABO Qabu Funaanaa Jiru.

Aside

Godina Wallagga magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti Wayyaaneen ergamtoota ishee bobbaasuun suura goototaa konkolaattota irraa buqqaasaa jirti. Istiikeroota Alaabaa ABOn faayyamanii fi Barruulee alaabaa ABOn bara,anii jiranis karaa ergamtoota isheetiin konkolaattota irraa yaasaa jirti.
Ka,umsa dubbichaaf sababni guddaan torbanoora darban keessa konkolaachistoonni magaalichaa walgahii firqiidhaan akka dhiyaataniif gara galma Naqamteetti waamamanii turan.
Akeekni walgahichaas konkolaachistoota kanaan dura hojii dhaabuun diddaa lagannaa gabaa irratti qooda fudhatan irratti akeekkachiisa kennuu fi lamuu itti deebinaan adabbii maallaqaa guddaa tahe adabamtu kan jedhuun doorsisuuf turan.
Continue reading

SBO Bitootessa 11, 2018. Oduu, Tarkaanffii WBOn Loltoota diinaa irratti fudhate ilaalchisuun Itti Gaafatamaa Bul chiinsa Waraana Zoonii Kibbaa kan ta’an Miseensa GS ABO Jaal Jiloo Gadaa Waliin Gaaffii fi Deebii taasifne akkasumas H aala yeroo ammaa Oromiyaa irratti Yaada namootni nuuf laatan.

Aside

ONN: Oduu Idilee Oolmaa Oromiyaa Bito. 9/2018

Aside