
Yakkaa Duguuginsa Sanyii Mootummaan Wayyaanee Sirni EPRDF/TPLF/OPDOn Waraana Labse Uummata Keenya Fixaa Jiru Ilaalchisuun Qabsoo FXG Finiinsuun Fashalessine Gabrummaatti Xummura Haa Goonu!!
Ibsa Qeerroo Billisummaa Oromoo Irraa Darbe.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo kanatti yoomiyyuu caalaatti waraanaa uummata keenyarratti labsee deeggarsa tokko malee dirqamaan labsii waraanaa raggasisee yakka waraanaa gochaa duguuginsa sanyii (genocide) uummata Oromoofi saboota cunqurfamoo biyya keenya keessa jiran irratti gaggeessa jira. Torbee darbee erga Labsiin Waraanaa labse hanga har’atti yakki duguuggaa sanyii ajjeechaan jumlaa Oromiyaa Dhihaa Amboo, Gudar, Giincii, Holootaa,Naqemtee, Gimbii, Dambii Doolloo, Jimmaa, Harargee , Baaleefi Moyyaalee kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti uummata keenyarratti itti fufinsaan gaggeeffama jira. Kan guyyaa kaleessaa Bitootessa 10/2018 Godina Kibba Oromiyaa Booraana Magaalaa Moyyaalee keessatti Uummata keenyaa nagaa irratti waraana banuun hanga guyyaa har’aatti itti fufinsaan yakki duguugga sanyii gaggeeffama jira. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk