Waraanni Agaazii Wayyaanee Dararaa Barattoota Oromoo Irraan Gahaa Ture Ammos Itti Fufe!

[SQ, Bitootessa 11,2018]

Mootummaan gorboonfattuu Wayyaanee akkuma barattoota Oromoo irratti dararaa jallataa raawwataa turte, barataa Oromoo reebuun hidhuu ajjeesuu akkasuma barnootarraa ari’uu hojii idilee taasifataa turtetti itti fufte. Haaluma kanaan Mooraawwan Yuunibarsiitii keessatti madaallii qorumsaan alatti, tilmaamaan qabxii barattootaa laachuun itti fufuun mooraawwan tokko tokko keessatti barataa Oromoo addaan baasanii qabxii jalaa gadbuusuuf yaadamuun “F” laachuun waan argaaf dhagaa’aa turre jibbiinsa Oromoof qaban mul’ifataa jiru. Haaluma kanaan barattoota Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa damee barnootaa Computera barataa jiran, barattoota Waggaa lammaaffaa daree tokko guutummaatti gosa barnootaa statics “F” laatamuu akka qabaniif Heeddiin murteessee dabarse jechuun nuu gabaasan. Rakkoo barattootni geessisaniif sababaa “F” kennisiisuuf gaafannee turre. Sababi guddaan jedhu, “barsiisonni koorsicha barsiisaan mooraa Guddaa ykn main campus kan turan yoo ta’u, deddeebi’anii qorumsaa kennuuf tibba sana magaalaan diddaaf daandii cufee waan jiruuf kanneen mooricha keessaa akka qoraniif qorumsa itti laatanii galan. Akkuma qorumsaaf seenanii barattootaa waraqaa kennanitti tartiibumaan barattoota Oromoo qofatti mallatteessuu jalqabe. Barsiisaan barattootatti mallatteessuus jibbiinsa saba Oromoo kan qabu ta’uu nuuf himanii, barattootni waanuma micciirraa godhatan qofaaf ilaalee itti mallatteessuun tarree dhumaan nama 7 ergaan takkaa mallatteesse. Sana booda kilaasiin martii ka’ee qabatee barsiisicha rukutee daree keessaa baase. Waraqaa ittiin qoramaa jiranis butatanii bahani. Kilaasichi daree lamatti hiramee qoramaa waan tureef martuu qorumsa addaan kutanii bahan. Sababa kanaan akka barattoota sana hundasaaniitti ” F” kennan barsiisota isaaniif xalayaan barreeffame” jechuun Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof gabaasan. Gochaan akkanaa barattoota Information Technology barataa jiran kanneen barana eebbifamaa jiran irras dhaqqabee jiraachuu gabaasan.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s