Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Keessaa Ergamtooti Wayyaanee Halluu Alaabaa ABO Qabu Funaanaa Jiru.

Godina Wallagga magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti Wayyaaneen ergamtoota ishee bobbaasuun suura goototaa konkolaattota irraa buqqaasaa jirti. Istiikeroota Alaabaa ABOn faayyamanii fi Barruulee alaabaa ABOn bara,anii jiranis karaa ergamtoota isheetiin konkolaattota irraa yaasaa jirti.
Ka,umsa dubbichaaf sababni guddaan torbanoora darban keessa konkolaachistoonni magaalichaa walgahii firqiidhaan akka dhiyaataniif gara galma Naqamteetti waamamanii turan.
Akeekni walgahichaas konkolaachistoota kanaan dura hojii dhaabuun diddaa lagannaa gabaa irratti qooda fudhatan irratti akeekkachiisa kennuu fi lamuu itti deebinaan adabbii maallaqaa guddaa tahe adabamtu kan jedhuun doorsisuuf turan.
Konkolaachistoonni magaalattii garuu tokkummaan walii galuun wal gahii sirna wayyaanee lagatan.
Kanumaan wal qabatees yeroo ammaa gochi gara jabeenyaa konkolaattota kanneen irratti raawwatamaa jira.
Kanneen keessaa adabbii dabarsaadhaan uummata fe,uu jedhuun adabbii maallaqaa humnaan oliin adabuu,baruulee garaa garaa konkolaachistoota irraa buqqisuu,fi konkolaachistoota qabanii ukkaamsuu faatu mul,ataa jira.
Gochoonni akkasii kufaatii mootummaa wayyaanee caalmaatti kan daffisiisaniidha malee qabsoo keenya dhaabuu kan hin dandeenyeedha jechuun konkolaatonni magaalichaas tokkummaan jibba mootummaa wayyaaneef qaban agarsiisaa jiru.

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s