Bitootessa 11,2018, Torbanoota lamaan kana keessa Waraanni TPLF akka malee uummata ajjeesuu, reebuun caccabsuu, jumulaan hidhuurratti fuulleffatte. Waraanni TPLF sababa waraanni ABO ykn WBO’n Oromiyaa raasaa jira jechuun uummata keenyarratti waraana kallattii afuriin banee jira. Waraanni TPLF kunneen manneen uummata Oromoo humnaan caccabsanii seenuun, dargaggeessa Oromoo Oromummaa qofaaf mana hidhaatti guuruu irratti fuulleffannoon hojeetee itti fufee jira. Oromiyaa keessatti manneen Oromoo akkasuma goleewwan Oromoo namni torban lama kana keessaa hindu’in muraasatuudha.
Yaa ta’uutii kana raawwatanis qabsoon Oromoo ittii hudhee kan jiru xumura sirnichaaf hojii jabaa dalaguun qabsoo innika garboonfattoota kanaaf taasisuu itti fufee jira. Dhiya Oromiyaa keessaa, magaalawwaan Gimbii, Najjoo, Danbidoolloo, Naqamtee, Ukkee Qarsaa keessaa torban lama kana keessa ilmaan Oromoo wareega ulfaatan wareegamaniiru. Dararaa ulfaataa shamarran irra gaheen akka dhiya Oromiyaatti magaalaan xiqqoon Godina wallagga bahaa aanaa Guutoo Giddaa magaalaan Ukkee isa duraati. Magaalaa kana keessatti shamara dararuu, reebuun gidirsuun akka malee dalagamaa tureera. Akkasuma kibba Lixa Oromiyaa magaalaa Jimmaaf naannooshee keessatti ajjeechaan haala suukanneessaan raawwateera. Magaalaa Jimmaa, Limmuu Saqqaa, Shabee, Gachii keessatti dararaan uummataa ulfaataa ture. Lixa Shaggar magaalaa Gudar keessatti abbaaf ilma rasaasaan rukatanii abbaan lubbuun wareegameera. Akkasuma magaalaa Baakkoo tibbee keessattis ilmaan Oromoo nagaa wareegamaniiru. Baha Oromiyaa keessattis dararaan jallataan uummata Oromoorraan gahamaa turee ammas itti jira. Kibba Oromiyaa Boorana Moyyaalee keessatti yakka daguuggaa raawwataniiru. Ammas yakka sana raawwachuuf qophaa’oo ta’uusaanii dubbatamaa jira. Uummata nagaarratti waraana banuun ilmaan Oromoo nagaa kurnootaan lakkaa’aman wareegamaniiru. Kanaaf qabsoon Oromoo akka galma gahuuf, Oromiyaan lolaa dhiigaaf imimmaaniin haramtee akka hindhabamneef qabsoon walitti fufiinsaan godhamu itti fufuu qaba!