Gooticha Oromoo Dachaasaa Wiirtuu beektuu?

Aside

Hundeeffama sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessatti koree qindeessaa jalqabaa ta’ee Jaallan isaa waliin sochii jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa keessatti eegala bara 2011 keessa hogganummaa siyaasaan sochii Qeerroo gama hundaan taasisaa osoo jiruu University Harmayaa irraa qabamee waggaa 7 fi walakkaa hidhaan dararamaa turee amma bilisaan bahe.Imala gara Horroo Guduruutti Jaallan isaa hidhaa irraa bilisa gadhiifan waliin godhan irratti simannaaQeerroo magaalaa Harattoon isaanii taasiameen irratti haasaa gabaabaa gootichi Dachaaasaa Wiirruun taasise kunooti.Dachaasaan haasaa isaa irratti ummanni Horroo Guduruu fi Qeerroon goota Oromoo osoo weerara Habashaa falmuu wareegamee reeffi isaa biyya Habashaatti fudhatame Abishee Garbaan akka biyya dhaloota isaatti deebi’uu fi siidaan isaas magaalota keessatti akka dhaabbatuuf dhaamsa qaama mootummaa fi ummata Oromoof dabarsee jira.

Continue reading

Sirna Yaadannoo Waggaa 9ffaa Gootichi Oromoo Wandimmu_Daammanaa Kumsaa:

Aside

 

Wandimmuu Daammanaa waxabajjii 1978 A.L.H tti ,Godina Shawaa Lixaa,Aanaa Midaa Qanyii ganda Boquu Nissootti dhalate. Akkuma ilmaan Oromoo kamiyyuu umuriin isaa wayita barnootaaf gahu,baratee kutaa 11ffaa wayita gahutti,Guraandhala 21 bara 2001 A.L.H tti Sochii Warraaqsa FDG barattoota Oromoo Mana Barumsaa Geedoo sadarkaa lammaaffaafi Qophaa’inaan taasifameen rasaasaa Poolisoota ergamtuu diinaa irraa itti dhukaafameen Lubbuun isaa wareegame. Gootichi Oromoo Wandimmuu Daammanaa wareegamus kaayyoofi akeekni inni irratti Wareegamee hin wareegamne irratti kufa kuffisaa Oromoon diina hudhee qabee jira!!  Continue reading