Yakkaa Duguuginsa Sanyii Mootummaan Wayyaanee Sirni EPRDF/TPLF/OPDOn Waraana Labse Uummata Keenya Fixaa Jiru Ilaalchisuun Qabsoo FXG Finiinsuun Fashalessine Gabrummaatti Xummura Haa Goonu!!
Ibsa Qeerroo Billisummaa Oromoo Irraa Darbe.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo kanatti yoomiyyuu caalaatti waraanaa uummata keenyarratti labsee deeggarsa tokko malee dirqamaan labsii waraanaa raggasisee yakka waraanaa gochaa duguuginsa sanyii (genocide) uummata Oromoofi saboota cunqurfamoo biyya keenya keessa jiran irratti gaggeessa jira. Torbee darbee erga Labsiin Waraanaa labse hanga har’atti yakki duguuggaa sanyii ajjeechaan jumlaa Oromiyaa Dhihaa Amboo, Gudar, Giincii, Holootaa,Naqemtee, Gimbii, Dambii Doolloo, Jimmaa, Harargee , Baaleefi Moyyaalee kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti uummata keenyarratti itti fufinsaan gaggeeffama jira. Kan guyyaa kaleessaa Bitootessa 10/2018 Godina Kibba Oromiyaa Booraana Magaalaa Moyyaalee keessatti Uummata keenyaa nagaa irratti waraana banuun hanga guyyaa har’aatti itti fufinsaan yakki duguugga sanyii gaggeeffama jira.
Kanaafuu Uummaatni Oromoo, Qeerroon dargaggoonni Oromoo, Hojjetaan, Barsiisaan, Barataan, daldalaafi Qoteebulaan, Poolisootni Oromiyaa, Korri Bittineessaan Oromiyaa, Milishoonni Oromiyaa, Ilmaan Oromoo waraana wayyaanee Keessa jirtan waraana waloon nurratti labsamee yakka duguuggaa sanyii nurratti gaggeeffama jiru of irraa kaasuun waanjoo garbummaatti xummura gochuuf waloon harka walqabatnee adeemsaa armaan gadii hordofuun Sochii warraaqsa FXGn abbaa irree dirqisiisuun Oromiyaa gadhiisisuuf haa gaggeessinu!! Adeemsii kun Kibxata dhufuu 13/2018 irraa eegaluun guutummaa biyyatti keessatti hojiitti kan hiikkamuuf Qeerroon Bilisummaa Waamicha qabsoo haala yeroo dhiyeessa!!
1. Dhiyeessii boba’aa biyyaa keessaafi biyya alaa galu lamsheessuu; maddeen boba’aa dhiyeessaniifi deddeebisaan irratti qiyyaafannoo jabeessuun tajaajjilli mootummaa wayyaaneef roga kanaan dhiyaatuuf taarkaanfii barbaachiisuu fudhachuun guutummaatti ugguruu!!
2. Daandiin Konkolaataa gurguddaan maddeen dhiyeessii boba’aafi tajaajila daldalaa wayyaaneefi sochii waraana wayyaaneef mijataa ta’an guutummaatti of eeggannaafi bilchina guddaadhan ni cufamu!!
3. Sochii daldala gurguddaa kambaanota aangawoota abbootii irree wayyaaneetiin sochoofaman hundarratti tarkaanfii fudhachuun guutummaatti ugguruufi Sochii dhaabsisuu!!
4. Warshaalee guurguddaa biyya keenya keessa jiran addatti immoo Oromiyaa keessatti argaman hanga waraanni wayyaanee Oromiyaa gadhiisee bahutti guutummaatti akka hojii dhaabaan dirqisiisuu!!
5. Ilmaan Oromoo hojjetaan siivil Servisii sadarkaa Federaalaafi naannootti argamtan hanga waraanni Komaandi Poostii Oromiyaa gadhiisee bahuutti utuu uummaatni Oromoo jumlaan dhumaa jiruu waajjira kamuu seentanii tajajila hojii mootummaa yakka daangaa hin qabne ummaata keenya nagaa irratti gaggeessa jiru waliin akka hin hojjenne. Kanneen hojjettanii argamtan gaafatama jala kan seentaniifi tarkaanfii isin mudatuuf qaamni gaafatama fudhatu akka hin jirre akeekkachiisuun waamicha qabsoo isiniif dhiyeessina!!
6. Ilmaan Oromoo Sadarkaa milishaa gandaa hanga waraanaatti hidhannoo of harkaa qabdan hidhannoo keessan haala fedhe kamiin iyyuu akka hin hiikkanneefi uummata keessan cina dhaabbachuun ittisa uummataaf akka taatan irraa deddeebi’uun waamicha lammummaa dabarsina!!
Hubachiisa: Adeemsi kun of eeggannoo, walhubannoo, bilchinaa, tokkummaa fi gootummaa guddaadhan hojiitti kan hiikkamu ta’uu Qeerroon Bilisummaa irra deebi’uun hubachiisera!!
Injifannoon Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Xummura Garbummaati!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo!!
Bitootessa 11/2018