Bitootessa 30,2018
Warshaa “Automotive Industry” kan makalakayaan konkolaataa oomishu keessaa meeshawwan gurgudaa bafachuun gara naannoo Tigraayitti guuraa jiru.
Gama biraan ammoo magaaluma kana keessatti kana argamu naannoo humna qilleensaatti hora bishooftuu/haroo Magariisaa kan jedhamu ABO tu gale jira jechuun dabareen halkaniifi guyyaa bosona keessa naanna’uun eggaa jiru, jiraattotni garuu sodaa qabna sababa kanaan gaara kana ibiddaan akka isaan hin gubne jechuun sodaa isaanii ibsachaa jiru,Gabaasi biroon humni waraanaa kp magaalaa dukamitti “hoteela Jaju keessa qubachuun hojjettoota warshaa ” eastern industry” keessa hojjetan hiraarsaa waan jiruuf abbaan qabeenyaa hoteela kanaa daddaffiin loltoota kana hoteela isaa irraa akka baasu ummanni naannoo fi dargaggoonni Oromoo akeekachiisaa jiru. Waraana ummata hiraarsu qabeenya isaa keessatti jireessaa daba ummata Oromoo irratti hojechaa jiraachuun yakka ta’uu ummanni dhaamanii jiru.