Uummanni Oromoo naannoo Beenishaangul Gumus bakkoota Matakkal, Wambaraa, Gaalessaa fi Asoosaa jiraatu Waggoota Dheeraaf saboota biro naannichaa wajjin wal dandauun, wal kabajuun akkasumas Aadaafi Duudhaa Uummata Oromoo naannicha waliin qooddachuun nagayaan jiraachaa ture.
Nageenyii fi walitti dhufeenyi kun Karoora saamichaa mootummaan nama nyaataa wayyaanee Naannicharratti baafatteef danqaa guddaa waan itti ta’eef, Waggootii Kurnan darban keessattii shira a fi daba garaa garaa xaxaa turteetti. Kunis akkuma Oromoota naannoo Sumaalee, Raayyaa fi Walloo saboota naannichaa wajjin walitti buusuun Oromoota ajjeesuu fi Buqqisuu ture.
Haa ta’uyyuu malee Qabsoo Hadhaawaa Qeerroo fi Hawaasni Oromoo Naannichaa godheen harkatti fashalee jira. Kanaan kan Gubatte Mootumman Murna Bucuu TPLF sabboontota Oromoo Qaqqaalii naannichaa waggaa darbe qabdee mana hidhaatti waxalaa jirti.
Gaafa 28/03/2018 Uummanni Oromoo Matakkal, Wambaraa Filannoo Muummicha Ministeeraa wajjin wal qabatee akkuma Oromoota kaanii gammachuu isaa ibsataa utuu jiruu walitti bu’insa karoorfattee karaa dhabdee rakkachaa jirtu uumuun, waan Qeerroon naannichaa saba biraa irratti balaa uume fakkeessuu kunoo ammas dhalattoota Oromoo hidhaatti Guuraa jirti.
Utuu Eelaan keenya bara darbee hin irraanfatamiin, Qabsaa’onniifi Gootonni keenya Mana Hidhaatii hin bahiin Qeerroo Matakkalii fi Wambaraa har’as mana hidhaatti guurtee tumaa jirti.
Maqaan namoota Gammachuu ibsannaa wajjin wal qabatee mana hidhaatti Guuramanii:
1. Fikaadu Abarraa
2. Tolasaa Waaqshumaa
3. Kifilee Baay’isa
4. jireenya Balaay
5. Yaadata Disaasa
6. Getahun Dhinsaa
7. Abbabaa Taaddaga
8. Caalii Getaacho
9. Oliyaad Tasgaraa
10. Lalisaa Gammachu
11. Eyyaasu Malaakuu
12. Tolosaa Dassuu
13. Biqilaa Disaasa
14. Gammachuu Baabe
15. Temesgeen Deebis
16. Magarsa Galataa
17. Biraanuu Balaayi
18. Fayyisaa Tammiruu
19. Amsaaluu Abdisaa
20. Galataa Amsaaluu
21. Taakkalee Aberraa
22. Rooba Tamasgeen
23. Malaakuu
24. Jirraa
25. Abarraa Abdiisaa
26. Dirriba Bashuu
27. Gurmeessaa
Nutis Qeerroon Matakkal- Asoosaa Ibsa Ejjennoo Kanaa gadii baafnee jirra:
1. Qeerroofi Uummanni Oromoo mana hidhaatti guuramaa jiran hatattamaan haal duree tokko malee haa hiikaman;
2. Gootonni Dhalattoonni Oromoo Matakkal Yakka tokko malee Mana Hidhaa Qiliinxoo Keessatti Hiraarfamaa jiran hatattamaan haal duree tokko malee nuuf haa hiikaman;
a. Obbo Habtaamuu Bayyanaa
b. Obbo Kaffaaloo Nigaatuu
c. Obbo Gonfaa makuraa
d. Obbo Caalii Yaadataa
e. Obbo Bilisummaa Fiqaaduu
f. Obbo Shaanqoo Akkushoo
g. Obbo Olaanaa Baay’isaa
h. Obbo Tasfaayee Abbabaa
i. Obbo Waaqtolee Haayiluu
3. Uummanni Oromoo naannoo Beenishaangul gumuz jibbaafi tuffii uummata kamiifuu akka hin qabneefi shira walitti bu’insaa mootummaan wayyaanee xaxxe hubatee Sabni naannichaa hundi qabsoo Uummata Oromoo Cinaa akka dhaabbatu waamicha Goona;
4. Uummanni Oromoo Biyya keessaa fi Alaa marti Hacuuccaa, Tuffii, Duguuggaa sanyii fi Sarbaa mirgoota nammummaa Uummata Oromoo Naannoo Beenishaangul irratti ta’aa jiru Hubatee akka Nuuf Dirmatu waamicha Goona;
5. Hidhaa fi Ajjeechaan Guutummaa Oromiyaa fi Oromoo akkasumas Nurratti ta’aa jiru hanga gaaffileen keenya deebi’anitti Qabsoo keenya irraa duubatti nu hin deebisu
Oromiyaan Kan Oromooti!
Bitootessa 30, 2018
Qeerroo Matakkal-Asoosaa irraa.