SEENAA Y.G(2005)
Qabsoo Ummatootaa, addatti, Ummati Oromoo gama hundaan gaggeessaa jiru, wayyaanee mogolee jalaa laaffisee jira. Baatiilee 5n dabran murni Angoo Biyyattii of harkaa qabuu, akka waloottis ta’uu akka dhuunfaatti wal ga’iilee fi gamaagama gaggeessan yennaa lakkoofnuu, hangam akka raafamaa jiran nu mirkaneessa. Kana jechuun, Qabsoon Ummatootaa addatti Oromoon gaggeessaa jiru haqa qabeessa ta’ullee mirkaneessa. Wayyaaneen Ija ishee Ashaboon dhiqattee, keessa keenya ilaaluu fi of haaromsuuf jennee, wal ga’iilee gadi fageenyaan gaggeessaa jirra haa jedhan malee, wayyaaneen haala hamaa keessa jiraachuu argaa jirra. Wayyaaneen Ummataaf cinqamtee torban sadiif wal ga’ii teessii osoo ta’ee, ummatoonni maaliif mormii hanga kana jabaatu irratti gaggeessu ? wayyaaneen wal ga’iilee fi gamaagama hanga kana baayyisuun dhuguma jabiina isaanii argisiisa moo , mogoleen jalaa laafachuu mirkaneessa ? jaallatamuus jibbamuus, Qabsooni Ummatoonni guyyuu gaggeessaa jiran, wayyaanee qullaa dhaabaa jira. Wayyaaneen garuu Mormii fi gaaffii Ummatootaa kana dantaa siyaasaa ofii isheef ittiin guuttachuuf ykn itti dhimma baatee, akka bofaa biyyee arraabdee lubbuu horachuuf akka tattaafachaa jirtuu beekuun murteessaadhaa. Akkamitti ? waliin ilaalla. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk