Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast – January 8, 2018

Aside

Jaarraa Yakka Jallataa Uummata Guddaa Dhiisii Nama Tokko Irratti Hojjetanii Walaba Bahan Keessa Hinjirru.

Aside

Jaarraa Yakka Jallataa Uummata Guddaa Dhiisii Nama Tokko Irratti Hojjetanii Walaba Bahan Keessa Hinjirru.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 8,2017
Finfinnee Oromiyaa 
Mirga keenyaaf falmanii, saamicha qabeenya keenyaa dura dhaabbachuun hattuuf saamtuu kan taate Wayyaanee falmanii dararaa ulfaataan abboota keenya kaleessa lubbuun darban irra Qaama mootummaa Wayyaaneen dhaqaabeera. Har’a ilmaansaanii Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Oromoo guutummaaf saboota cunqurfamoo irras yakkoota suukaneessoo jaarraa 21ffaa keessatti hinraawwatamne dhaqqabaa jira.

Continue reading

ILKAAN SOCHA’EE,  BUQQISUUTU FURMAATA !!!

Aside

SEENAA  Y.G (2005)

Shirri Umurii dheereffannaa wayyaanee itti fufeera. Gamaagamni wayyaanee turban sadiif gaggeeffamee, Ibsa kennameen ka ibsamuu miti. Faallaa ta’uu mala. Waggaa 27 keessatti yeroo jalqabaaf ,gamaagama guyyaa 20 olii gaggeeffatan. Gamaagama kana ka dheeressee ,sagantaa ykn ajandaa durumaan qabatan irraati moo , waan haaraa isaan mudateen dheeratee ? kun ilaalamuu qaba. Ihaadeeg turban tokko caalaaf gamaagama taa’ee hin beeku. Guyyaa 20 ol fudhachuu isaatti isaanuu hin gammannee. Garuu sagantaa durumaan itti yaadan ykn gamaagama gadi fageenyaa gaggeessuu barbaannee jedhanii isaanu dubbatan akka hin taanee,waan nu argisiisuu waa hedduutu jira. Akka kiyyatti, walga’iin guyyaa 21 kun waan nu akeeku qaba . Continue reading

“Kan Walabummaa,Kan Bilisummaa Nuu Haata’u Barri” New Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa 2018

Aside

Tarsiimoo fi Tooftaa Qabsoo Haala Yaroo!

Aside

Damee Boruu Irraa

ABO haala baayyee ulfaataa fi xaxxamaa tahe keessa wagaa kudhan arfan kana itti ciccee qabsoo bilisummaa Sabaa Oromoo abbaa dhuunfaa qabsichaa kan tahe uummta Oromoon gahee jira.Kana jechuun har’a itti gaafatamni guddaan ABO irraa bu’ee jira jechuu miti. Tarsiimoo abbaa biyyummaa ABO qabatee ka’e har’a uummata Oromootu Oromiyaa duuchaa keessatti gaafii uummataa godhatee jira. Kanaafuu tarsiimoon qabsoo bilisummaa Saba Oromoo sadarkaa wal nama gaafachiisu irraa darbee ifa bahee jira. Namootni gatata tahan tokko tokko nu dogongorsuuf jecha  uummatni Oromoo maal barbaada warri jedhan hin dhabaman. Ummatni Oromoo garuu jala muree abbaa biyyummaa isaa irratti eenyu wajjin iyyuu akka jaarsummaa hin teenye murteefatee jira. Continue reading

ONN:Haala Yero irratti Marii Bal’aa Misenssa Sh-Gumii Sabaa ABO Odaa Xasee fi Misenssa Gumii Sabaa ABO Dr Barsiisaa Waliin Goone.Amajjii 6/2018

Aside

SBO Amajjii 7, 2018. Oduu, Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, “Ejjennaa Balleessinu malee hin bannuu TPLF dhugoom e” mata duree jedhu jalatti Barruu maamila keenya Simbirtuu Dhugaa irra nudhaqqabe fi Gaaffii fi Deebii Artistoota Mis eensota Waraana Bilisummaa Oromoo Jaal Jaalataa Lammii, Margaa Wandimmuu fi Samiir Jihaad Waliin taasifne kutaa 4ffaa.

Aside

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Amajjii 5, 2018

Aside

OROMIYAA Keessatti Wayyaaneen OPDO Qabattee Maal Xaxaa Jirtii Maal Xaxaas Turtee?

Aside

Amajji 2018
Qalbeessaa Dhangi’aa
Finfinnee Oromiyaa
Boondiin OPDO alaaf keessatti maal fakkaata? Barruu kana suuta dubbisaa! Waan dhugaa dubbannuuf nu jibbu! jette urunguun ykn jajjuun
Kaleessarraa kaana.
Biyya har’a akka waan ofii qofa ijaaraniitti habaashaan ittiin dhaadatan Xoophiyaan lafee abboota keenyaan ijaaramte. Lafee nama keenyaan haa ijaaramtu malee numaaf ‘Si’ool’ lafarraa taatee nu dararaa jaarrolee lakkoofsisaa jirti. Xoophiyaa ijaaruu keessatti gootonni keenya gootummaa isaaniin lafee cabanii dhiiga dhangalaasaa turan. Ta’ullee akka nama biyyaaf of wareegee dhiisii akka nama maatiif of wareegeellee hanqisanii seenaa gootota keenyaa mara moofaa jibbaaf moofaa hacuuccaan haguugan.

Continue reading

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Amajjii 4 2018 , Raadiyoo Simbirtuu fi ONN-TV

Aside

Continue reading