Tarsiimoo fi Tooftaa Qabsoo Haala Yaroo!

Damee Boruu Irraa

ABO haala baayyee ulfaataa fi xaxxamaa tahe keessa wagaa kudhan arfan kana itti ciccee qabsoo bilisummaa Sabaa Oromoo abbaa dhuunfaa qabsichaa kan tahe uummta Oromoon gahee jira.Kana jechuun har’a itti gaafatamni guddaan ABO irraa bu’ee jira jechuu miti. Tarsiimoo abbaa biyyummaa ABO qabatee ka’e har’a uummata Oromootu Oromiyaa duuchaa keessatti gaafii uummataa godhatee jira. Kanaafuu tarsiimoon qabsoo bilisummaa Saba Oromoo sadarkaa wal nama gaafachiisu irraa darbee ifa bahee jira. Namootni gatata tahan tokko tokko nu dogongorsuuf jecha  uummatni Oromoo maal barbaada warri jedhan hin dhabaman. Ummatni Oromoo garuu jala muree abbaa biyyummaa isaa irratti eenyu wajjin iyyuu akka jaarsummaa hin teenye murteefatee jira.

Tooftaan qabsoo ABO gochaa ture tooftaa qabsoo uummatni bal’aan  Oromoo gochaa jiruu irraa adda. ABO hojii isaa iciccitii lafa jalaaan hojii siyaasaa geggeessaa fi miseensota horachaa uummata keessa galuuf qbsoo hadhaawwaa bara dheeraaf godhaa ture. Akka Bakkaa fi yaroon isaaf mijjawwe itti humna waraanaas ijaarachaa ture. Diinas amma isaaf danda’e rukkutuu irraa booda hin jenne. Wareega qaqqalii booda kaayyoo fi akeekni ABO bu’ureefate uummta Oromoo guutuu qaqqabee jira. Qaqqabuu duwwaa utuu hin taane uummatni keenya  kumaatamaa hedduun ka’ee faajii bilisummaa qabatee irratti of kitimaa jira.

Har’a qabsoon dhoksaan lafa jala gochaa baane hojii kaleessaa tahee jira.  Har’a uummatni Oromoo Bahaa amma Dhihaa, Kabaa amma Kibbaa kumatamaan waltajii itti bahee karaa nagaa abbaa biyyummaa isaa gaafachuu jira. Deebiin argachaa jiru garuu xinaa fi guddaan, jaarsaa fi jaartiin rasaasa waraana Wayyeenen dhumuu akka tahe dhoksaa hin qabu. Uleen tumamuun, mana hidhaa keessatti kolaasamuu fi dararmuun, hir’inni qaamaa fi ajjeefamuun gara duubaa isaa deebisaa hin jiru. Har’a karaa nagaa wwan gaafachaa jiruu gaaga’amni amma kana hin jedhamne irraa gahu malee abba biyyummaa isaa irree tokkumman humnaan akka gonfatu bareechee hubata.

Kanaafuu tooftaan qabsoo uummata bal’aa maal fakkaachuu qaba? gaaffii jedhu deebisuu haa yaallu. Sababa itti ilmaan Oromoo harka isaanii qullaa waraana Wayyaannee dura dhaabbatanii dhiiga isaanii dhangalaasaniif hin jiru. Amma humni keenya wal gitu waraanni TPLF karaa irra bakka barbaade deemee beenzila gubaa oolee haa bulu. Yaroo gabaaba booda waan nyaatuu fi beenzila itti bitatu dhabee qawwee isaa buusee bada ykn TPLF itti galagalshuuf dirqama.  Bakka bakka itti rakkina itti  uumanii jalaa milquudhaan boqonnaa dhowwachuun ni barbaachisa.  Bakka laafashee yoo arganne xaaxxesuu irraa booda hin jennu.

Ijii fi gurri waraana Wayyaanee OPDO dha. Caasan OPDO waraana TPLF tajaajila kennu bu’uraa kaase amma gulantaa olii diigamuu qaba. Kana irratti yaada lamaffaa qabaachuu hin qabnu. Kan ijoollee keenya ficcisiisaa jiru OPDO dha. Kan warra mana hidhaa jiran irratti dhaqee raga bahaa jiru warra dhalootaan Tigrayi tahe miti.  Basaastotaa fi dabballoota OPDO warra dhalootan Oromoo tahee garaa isaanii gutachuuf qofa biyya lafaa kana irraa jiraatan. Warri kun nu wajjin ooluu nu wajjin bulu. Gurra nu qeensaa olanii bulanii Wayaanneef geessu . Garaa laafna tokko malee obbolaa keenyaa akka hoolaa faasikaa qalmaaf dabarsanii kennu. Nuyi garuu isaaniif gaddinee utuu beeknuu teenyee isaan ilaalla. Yoo diina keenya irratti garaa hin jabaannu tahe injifannaan fagoo jira.

Jaala Afaan Amaaraa qabaadhee miti. Jachaa afaan Amaaraa  akkasi jedhu tokkotu namarare. “Diinni silaas diina, kan dura dabarsanii ajjeessan asaasituu dha”, jedha. TPLF diina keenya  duraa akka taate hundi keenya  bareechine beekne. Waan meeshaa waraana nu caalaa qabduuf fuulaaf fuulatti yoo walitti buune ummata keenyatu miidhama. Yoo ijaa fi gurra TPLF kan taate OPDOn hin jiraane TPLF jaamaa ulee jalaa butani. Uummtni Oromoo TPLF injifachuu duraan dursee OPDO injifachuu qaba. OPDO injifachuuf humnaa fi meeshaa waraanaa guddaa nu hin barbaachisu. Shimalaa fi haaduun ni gaha.

OPDO keessa ilmaan Oromoo haqa saba isaaniif dhaabbatanii fi qabsoo bilisummaa uummata keenya deegaran ofitti ammachuu qabna. Tajaajilaa fi kununsisa barbaachisu illee gochuun barbaachisaa dha. Waan TPLF afaan isaan keessu dhiisaan waan gara uummata isaanii dhufanii waan itti jiraatanii fi mataa isaanii ittiin gargaaran illee isaan barbaachisa. Caasan OPDO  meeshaa TPLF tahee hojjetu yaroo diigamu caasa uummataan bakka bu’amuu qaba. Birookiraasiin OPDO ijaaratee qabdu kun bu’uraa Mootumaa Oromiyaa Walaboomtee akka tahuuf qalbiin ijaarsa bulchiinsa uummataa taheen bakka buufataa deemuu qabna.

Yoo caluma jennee waan jiru hundaa digaa fi balleessaa deemne sadarkaa tokko irra yaroo geenyu deebifnee sirna bulmaataa ijaaruun salphaa hin tahu. Sirna dhablummaan yoo jraatee jireenya uummataa irratti jeequmsaa guddaa fida. Kanaafu basaastotaa fi dabbalootaa OPDO warra TPLFiif hojjetan erga keessaa haxxoofnee booda birookraasii OPDO dhaalee kan uummataa gochuu qabna. Afaan Oromoon waan hojjechaa jiraniif akka uummata Oromoo bilisoomeef tahutti qajeelchinee ijaarachuu ni dandeenya. Diigamuun OPDO waraanni TPLF Oromiyaa keessatti injifatamuu mirkaneesa.

Mootumaan EPRDF raayaa ittisaa biyyaa daangaa biyyaa tiksuu qabu uummata keenya nagaa irratii bobbaasee dhiiga qulqulluu dhangalaasee ka’ee waraana isaa kanaaf galata galchu wajjin wal quunamtiin keenya cituu qaba.  Seeraa isaa fi bulchinsaa isaa fudhachuu hin qabnu. Gibiraa baasaaf hin jirru. Waan nu irraa barbaadu tokko illee kan waliif gallee waliin hojjenne dhaabbachuu qaba. Karaa seera biyya lafaa gumaa lammii keenya dhumanii haa iyyanu. Amma humnaa fi dandeetti isaa qabannu Waaqaa fi lafa irratti akka dhiigni isaan tasa dhangala’ee hin hafne kan nuuf danda’amu goona. Gumaan isaanis tahee kan obbolaa keenya harka diina kanatti guyyaa guyyaan wareegamanii kan deebi’uu yoo Uummatni Oromoo abbaa biyyummaa isaa ragasisfate qofa. Abshaaluumaa fi haxxuummaa diina keenyaaf gurraa kennuu dhiifnee  kaayyoo keenya kana bakkaan gahuuf irree tokkummaan Fincila Xumura Garbummaa itti jabeessu qabna.

TPLF yaroo dhiphatu akkuma warra sarootaa fi ergamtoota ishee warra OPDOf waan xiqqoo itti darbatee gowwomstu, nutis waan xixxiqqoo nutti darbtee nu gowwomsuuf yaaluun ishee hin hafu. Garuu nuyi dhiigaa goota meeqaa sorree jirra. Dhiiga gootota keenya akka lolaa gannaa dhagalaa’aa turee fi jiruu irra tarkaafannee TPLF wajjin yoo araaramne dhiigni isaanii akka beenzilaa boba’ee nu guba. Lafeen isaanii qoraatii tahee nu waraana. TPLFiin dhiitamuu fi saamamuun nu gahee jennee murteefannee jirra. Ammaa kaase waraanni Agaazii mana burumsaa keenya keessa, universitii keenya keessaa, magaalota keenya keessa walii gala Oromiyaa keessaa karaa nagaa akka bahu waamicha goonaaf. Yoo didee ijoollee keenyaa fi uummata keenya gooluu itti fufee Oromiyaan akka bakka owwaalaa isaa taatu hubatee fudhachuu qaba.

Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!

Injifannoo Uummata Oromoof!

 

 

 

Leave a comment