Godina Harargee Magaalaa Qullubbii Keessatti Gootonni Oromoo Lola Liyyuu Haayilii Dura Dhaabbatan.

Aside

Image may contain: one or more people, people standing and outdoor[SQ,mudde, 6,2017] Meettaa Gootowwan Qeerroo barattoota Qeerroo Magaalaa Qullubbii(baha Harargee) Guyyaa Arraa Maatii Police Oromiyaa Lola Liyyuu fii Agaazii Magaalaa gursumitti aggaammate ittisuu irratti wareegame Aliyyii Ahmed Jajjabeeysuuf hiriiraan Bahanii Dhaadannoo gootummaa fii faaruu warraaqsaa faarfachaa yeroo deeman. Continue reading

Jimma Yuunibarsiitii Keessatti Barattoonni Nagaan 10 Sababa Oromoo Ta’an Qofaaf Ukkanfaman.

Aside

[SQ,Mudde 6,2017] 

Mooraa Jimmaa Yuunibarsiitii keessatti barattoota Oromoo irratti dararaa jajjabaan ga’aa turuu isaa gabaasaa turreerra. Dararaan barattoota ittuu jabaatee itti fufee kan jiru ta’uu gabaasni arganne ifa godha.

Barattoota Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf hidhuun dararuun fuulleffatamee akka jiru barattoonni dubbatan. Haaluma kanaan barattoota seeraa 3 fi barattoota saayinsii komputeraa baratan akkasuma muummeewwan garaagaraa irraa Oromoo waan ta’aniif qofa guyyaa har’aa ukkanfamuun magaalaa Jimmaa mana hidhaa “Mentiinaa” jedhamu keessatti dararamaa jiraachuu gabaafame. Continue reading

TAN FACAASAN HAAMMACHUUN, SEERA UMAMAATI !

Aside

SEENAA  Y.G (2005)

Umamni hundi seera qaba.Seerrii Qabu ka Namaa miti. Kan Waaqaati. Waan Seera Umamaa keessa jiru, Namni waa gochuu hin danda’uu. Yoo yaalellee badiima isaa labsata. Seera Umamaa kanaaf Oromoon bakka ol aanaa qaba. Oromoon kaleessa qilleensumarra Aadaa fi Seenaa kkf qofa jedhee fiigaa turee fi Oromoo Umamasaatti deebi’uuf qabatamaatti sochii taasisaa jiru gidduu garaagarummaa jiru wayita ilaalluu , Seera Umamaa guutuun hangama akka nama  ykn saba tokko tokkummaan jabeessu arguu dandeenya.Seera Umamaa jechuun bu’ura walii galtee waa hundaa jechuudhaa. Nama dhuunfaa kaasee hanga sabaatti ka jiru, Continue reading