SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa MUDDE 01, 2017

Aside

HUBANNAA: Sagantaa haaraa HUBANNAA jedhu guyyaa muraasa booda ONN irratti isiniif darbaa, nu hordofaa!

Aside

ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa Muddee 1/2017

Aside

Cuunfaa Gabaasa Guutuu Torbee kanaa. 

Aside

[01/12/2017]

Kaayyoon Qeerroo mirga ofii karaa Nagaa gaafachuudha!

Magaalaa Harar keessa diddaa shira wayyaaneetiin lafa Oromoo naannoo Harariitti muranii jalatti buluu fi saamicha lafaa maqaa naannichaatiin wal qabatee mormii guddaatu ture.
Dhimma uummanni Oromoo qe’eetii buqqaafamuufi ajjeefamuu balaaleffachuudhaan uummanni Harar sagalee isaanii dhageessifataniiru. Maqaa Liyyuu hayilii somaaleetiin uummanni guyyuu ajjeefamuun akka dhaabbatuufi hidhamtoonni siyaasaa mana dabaa wayyaanee keessaa akka lakkifamaniif sagalee mormii isaanii dhageessisaniiru.
=====
Barattootni Yuunivarsiitii Haramaayaa mooraa gadi dhiisanii ba’uurraa kan ka’e waraanni wayyaanee naannoo magaalaa Baatee fi Magaalaa Haramaayaa keessa marsee barattoota adamsaa jira.
Sirna mootummaa wayyaanee mormuufi qajeelfama mootummicharraa ba’u mormuudhaan barattoonni mooraa lakkisanii kan ba’an yommuu ta’u, waraanni mootummaa wayyaanee magaalaa keessa deemuudhaan barattoota dararaa akka jiru dhaga’ame. Barattoonni kun uummata magaalattiidhaan simatamanii kan tajaajila barbaachisu kan argatan ta’uyyu haalli jireenya isaanii magaalaa keessatti yaaddessaa ta’uu odeeffannoon arganne ifa godha. Poolisoonni Oromiyaafi korri bittinneessaa magaalaa keessa socho’uudhaan akka barattoonni humna waraanaa wayyaaneen hin qabamne tumsaa akka jiranis maddeen gabaasan.  Continue reading

SBO Muddee 1,2017. Oduu fi Guutummaa Qophii Keenya Har’aa kan ta’e Gaaffii fi Deebii HD ABO Jaal Daawud Ibsa a Waliin taasifne kutaa 3ffaa.

Aside