[SQ,sadaasa,28,2017]
Wayyaaneen uummata Oromootti Waraana bantee jirti. Haalli Oromiyaa ka duriirra ulfaate. Biyya Oromiyaa humnaan weeraranii saamaa jiru.
Saamichi lafaa kallattiin adeemaa jira. Buuqqaatinsi uummataas dabaleera. Uummatni baha Oromiyaa irraa lafaaf qabeenyaasaa dhabe,
bakkee buufatee jireenya karaarraaf kaadhimame. Jireenya uummataa balaaf dararaa hamaaf kaadhimuu keessatti qoodni waraana Wayyaanee ol
aanaadha.
Gochaawwaan daguggaa sanyii adeemaa jiru. Ajjeechaan babal’ataa jiru. Oromiyaa waraana alaa deggaramuun saamuuf qophiin eegaleera.
Odeessi keenya akka ifa godhutti, Tigiroonni Oromiyaa biyyoota ollaasaan qabatanii ciccirachuuf qophiirra jiru. Lafaaf qabeenya
keenya dhabuurra darbee du’aaf kanneen daandii saaqaan uummata Oromootti qoosuurratti argamu.
Lubbuun keenya Wayyaanee biratti hanga Hantuutaa ilaalamaa hinjirtu. Hidhaanis akkasuma nutti ammaatee jira.
Haal gadiitti agartan kanaan humni Waraana Wayyaanee Guddaan Harargee Magaalaa Awwadayi Seensifamee jira. Uummatni keenyaafi Qeerroon
dargaggootni Oromoo magaalaa Awwadayi dammaqinsaafi of eeggannoo guddaa gochuu qabdu.