Konkolaataa Botteen Rasaasi Dhokfamee Fe’ame Gojjam Buree Keessaan Darbee Utuu Gumuzii Beeneshanguliif Deemaa Jiruu Agamsaa Bakka Jedhamu Kiiramuu Gidduutti Qabamee

Aside

Gabaasa Qeerroo 6/10/2017/ Wayyaaneen sardamsa of qajeelchuurratti argamti. kanaanis meeshaa Waraanaa daangaa Otomiiyaa maraaf raabsuurraatti xiyyeeffattee jirti. Icciitiin meeshaa Waraanaa Gumuzootaaf raabsamuu deemuu akkaan babal’ataa jira. Odeessi ajajaa Waraanaa kora bittenneessaa Wayyaanee aantummaa uummataa qaburraa argame akka ifa godhutti. “Meeshaa waraanaa rasaasni dhoksaan bishaan fakkaatee utuu Gumuziif deemaa jiru, Bottee sana faaba Agamsaaf Kiiramuu gidduutti qabame. Rasaasni kun lakkoofsaan hedduu kan ta’e konkolaataa Bottee bishaanii tokkotu qabame. Botteen kun halkan gaafa 21 akka lakkoofsa habashaarri erga Agamsa darbee Kiiramuu gahuuf ka’ee foolisotaa Oromiyaan qabame” jechuub odeessa sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof guyyaa har’aa himanii jiru.

Continue reading