Wayyaaneen TPLF Daangaa G.Beeneshangulii fi Oromoo Jidduutti Shira Xaxaa Jiru Itti Fufe.

Aside

8/10/2017 Wayyaanee uummata Oromootti duuluushee ittuma fuftee jirti! Akkuma qeerroon aanichaa sinbeeksisaa ture karaa B/SH/gumuz irraanis mootummaan humna hidhannoo gutuun uumata godina Wallagga  aanaa Haroo irratti tarkaanfii sukkaneessaa fedhachuu eegalee jira.

Guyyaa gaafa 26/1/2010 galgala keessaa sa’a 3:00irratti lammiileen Oromoo ta’an ofjiraachisuuf jecha abbaa qabeenyaa naannoo Beeniishaangul Gumuz keessaa lafa qonnaa qabaniif hojii eegumsaa qabeenyaaratti boba’aani jiran lama irratti doorsisaafi reebichaa cimaa irraan ga’uun dhaga’ame.heeruun kun akka addeessetti namoonni sodaa nageenyasaaniif maqaan isaani akka da’amu hin feene kun karaa daangaa Waallagga aanaa haaroo gandaa sagaroo jedhamurraan utuu gara tikishaa bakka hojii eegumsa saaniitii gara maatii deema jiranii humni hidhannoo guutuudhaan socha’u baayyinaan shan ta’anii nutti dhufan jedhu.sanaan booda afaan haamaaraatiin dhaabadhaa erga nuun jedhanii
booda isiin oromoodha mitii jedhanii nugaafatanii booda erga eyyee jennee isini mitii kan naannoo keenya keessatti waan
ta’u hunda kan naannoo oromiyaaf Qeerroof kan gabasuu.kanaa booda akka hin deebine jedhanii deeman jedhu. Continue reading

Godina Lixa Shaggar Ona Adaa’aa Bargaafi Meettaa Roobii Keessatti Ummanni Ayyaana Irreechaa Har’aa Alaabaa ABO fi Wallee Warraaqsaa Midhagasaa Jiru.

Aside

Image may contain: one or more people, sky, crowd and outdoorOnko…8/2017 #Irreecha_Malkaa_Birrattee Godina Lixa Shaggar Ona Adaa’aa Bargaafi Meettaa Roobii Irraa uummatni Oromoofi Qeerroon Dargaggootni Oromoo walitti dhufuun Mogoor Malkaa Birratteetti Ayyaanni Irreechaa bifa ho’aa ta’een kabajame. Uummatni Oromoofi Qeerroon dargaggootni Oromoo Kumootaan Lakkaawwaman Walitti dhufuun Image may contain: one or more people and people standingAadaa, duudhaa, eenyummaa, Oromummaa, Tokkummaafi Saboonummaa isaanii ibsachuun Nagaa, Bilisummaafi walabummaa isaaf kan falmataa jiru ta’uu ibsuun faajjii qabsoo bilisummaa Oromoo Alaabaa ABO kan lafeefi dhiiga gootota Oromoon sararamte olqabuun mirmisaa jaalaalafi kabaja Alaabaa ABOfi ABOf qabu sodaa tokko malee ifatti calaqisiisee jira.Gabaasaa dabalataan walitti deebina. Ayyaana Milkii!!

Bifuma wal fakkaatuun Ayyaannii Irreechaa Gidduugaleessaa Oromiyaa Magaalaa Sabbataattis Bifa Ho’aafi  Continue reading

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Irreechi Odaa Buluqitti Guyyaa Har’aa Kabajame Alaabaa ABOn Fayamee Walleelee Warraaqsaan Wayyaanee Balaalefataa Akka Jiran Qeerroon Gabaase.

Aside

Image may contain: 1 person, smiling, standing, crowd and outdoorOnkololessa 8/2017 Guyyaa Har’aa Ayyaanni Irreechaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa #Odaa_Bulluqitti bifa ho’aa ta’een kabajame. Uummatni Oromoofi Qeerroon dargaggootni Oromoo Kumootaan Lakkaawwaman Walitti dhufuun Aadaa, duudhaa, eenyummaa, Oromummaa, Tokkummaafi Saboonummaa isaa ibsachuun Nagaa, Image may contain: one or more people, people standing, sky, outdoor and natureBilisummaafi walabummaa isaaf kan falmataa jiru ta’uu ibsuun faajjii qabsoo bilisummaa Oromoo Alaabaa ABO kan lafeefi dhiiga gootota Oromoon sararamte olqabuun mirmisaa jaalaalafi kabaja Alaabaa ABOfi ABOf qabu sodaa tokko malee ifatti calaqisiisee jira.Gabaasaa dabalataan walitti deebina.
Ayyaana Milkii!!

Qeerroon Guyyaa Har’aa Magaalaa Buraayyuu Irreecha Malkaa Ateettee Irraatti ABO fi WBO Faarfataa Oolan.

Aside

#AYYAANA_IRREECHA Onkololessa 8/2017 Guyyaa Har’aa Ayyaanni Irreecha Magaalaa Burraayyuu Malkaa_Ateeteetti Bifa ho’aa ta’een kabajamuu eegalee jira, Uummatni Oromoo Gidugaleessa Oromiyaafi Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa irraa Kan Irratti Argaman yoo ta’uu Akkuma Irreecha Hora Harsadee Bishooftuutti kabajamee Uummatni Oromoofi Qeerroo Bilisummaa Oromoo; Aadaa, duudhaa, eenyummaa, Oromummaa, Tokkummaafi Saboonummaa isaa ibsachuun Nagaa, Bilisummaafi walabummaa isaaf kan falmataa jiru ta’uu ibsuun faajjii qabsoo bilisummaa Oromoo Alaabaa ABO kan lafeefi dhiiga gootota Oromoon sararamte olqabuun mirmisaa jaalaalafi kabaja Alaabaa ABOfi ABOf qabu sodaa tokko malee ifatti calaqisiisee jira. Yeroo ammaa kana Ayyaannii Irreechaa Malkaa Ateetee Burraayyuutti bifa adda ta’een baka ilmaan Oromoo miliyoonotaan argamanitti kabajama jira.Gabaasaa dabalataan walitti deebina.

Continue reading