Wayyaaneen meeshaa waraanaa uummata Gumuziif dabarsaa utuu jirtuu Lixa Oromiyaa magaalaa Ukkee keessattu harkatti qabame.

Aside

4/10/2017  Humni gita bittaa Wayyaanee TLF Shira ummatoota walitti buusuu jalqabe cimsee kan itti fufe yoo ta’u, akkuma baha Oromiyaan uummata naannoo sumaalee fakkaatee uummata Oromoo lafarraa buqqaasaa ture Lixa Oromiyaanis hojii isaa itti fufuu qophii xumuruun isaa sabaa himaaleef gaabaasalee garaagaraan ifa ta’aa tureera. Humni waraanaa Wayyaanee noonnoolee Oromiyaa daangessan maraag meeshaa waraanaa hiruu irratti argama. Continue reading

HAMBAA BARDHEENGADDAA

Aside

Waggaa darbe ‘lafti nagaadha’ jedhee mana kiyyaa uffata aadaan faayamee ba’ee ture. Yeroon imala koo xumuree Ardaa Irreechaa gahetti, waantin arge kanan yaade hin turre; kanan tasa argee hin beekne ture. Innis, xiyyaarota  lakkoofsa hinqabne, kan mataarraa nu marsitee oliif gad deeddeebitu argaa turre.  Yeroo sanatti, huursaa xiyyaarotaa hinsodanne; deemsaakoos ittin fufe. Adeemsa  dheeraa  booda  naannoo  hora Harsadii  geenye.

Dhukaasa Imimmaanessaa

Malkaan Harsadii ummata Oromoo guutamee jira; obbolaakoo sadii fi anis ummata Oromoo lakkofsaa hedduutti makamne. Ardaan Ayyaana Irreechaas nutti urgaa’e. Garuu, urgaan ayyaanaa kun hin turre. Nuti achi geenyee turtii  daqiiqaa muraasa booda  dhukaasnii fi boombiin  ija nam  gubu  waltajjii  duubaan nutti  dhuukasamuu  jalqabe; aarrii dhukaasaas nu dhuunfate. Continue reading