HAMBAA BARDHEENGADDAA

HAMBAA BARDHEENGADDAA

Waggaa darbe ‘lafti nagaadha’ jedhee mana kiyyaa uffata aadaan faayamee ba’ee ture. Yeroon imala koo xumuree Ardaa Irreechaa gahetti, waantin arge kanan yaade hin turre; kanan tasa argee hin beekne ture. Innis, xiyyaarota  lakkoofsa hinqabne, kan mataarraa nu marsitee oliif gad deeddeebitu argaa turre.  Yeroo sanatti, huursaa xiyyaarotaa hinsodanne; deemsaakoos ittin fufe. Adeemsa  dheeraa  booda  naannoo  hora Harsadii  geenye.

Dhukaasa Imimmaanessaa

Malkaan Harsadii ummata Oromoo guutamee jira; obbolaakoo sadii fi anis ummata Oromoo lakkofsaa hedduutti makamne. Ardaan Ayyaana Irreechaas nutti urgaa’e. Garuu, urgaan ayyaanaa kun hin turre. Nuti achi geenyee turtii  daqiiqaa muraasa booda  dhukaasnii fi boombiin  ija nam  gubu  waltajjii  duubaan nutti  dhuukasamuu  jalqabe; aarrii dhukaasaas nu dhuunfate.

Dhukaasti sun ummata bakka ijjatu hin qabnetti, ijaa-gurra gube; ilaa fi argaa dhorke. Daqiiqaa muraasa keessatti ardaan Irreechaa ardaa iyyaa boohichaa ta’e. Sana booda  ummatni  dhibbaatamaan lakkaa’amu   bowwaa fi  bishaanitti nam’ee dhume.

Eegumsa Bowwaa

Dhumaatiin Irreechaa bara kamiyyuu hin dagatamu; godaannisti isaas nu keessaa hin bahu. Hunda caalaa waan na gaddisiise, kanan hin dagannen qaba.

Baroota kaan, yeroo Irreechaan kabajamu, poolisiin karaa bowwaa goree ummata eegaa ture.    Waanta  guyyaa sana na gaddisisee keessaa inni guddaan, eegumsi bara kaanii sun dhabamuu dha. Poolisiin  naannoo  bowwaa sanaa dhibamee hinbeekne,  bara san hin turre. Baroota biro, yoo xiqqaate, poolisiin kumaataman lakka’aman tartiiba galanii  ummanni akka bowwaa hinseenne eegu turan. Sun yaadannoo bara lafti nagaa turee ti.

Bardheengaddaa garuu  poolisiin  tokkollee naannoo san hinturre. Sanumaa, nama bowwaa keessatti nam’e lubbuun wixxifatutti  boombii  imimmaanessu gadi lakkisaa turan. Kun kanan bakak biraa irraa dhagayee miti; kanan biratti argamee, ijjikoo argeedha. San yaadachuun miira addaan nama guuta.Namuu akka addaatti yaadachuu mala ta’a. Akka sabaatti garuu, barri sun bara gaddaa ti; bara boo’ichaa ti;  bara imimmaanii ti. Barri sun ummata Oromoof bara aarsaa ta’e darbe. Ammoo, hin dagatamu; wareegama Oromootaatiin seenaan Oromoo deebi’ee ni haaroma; ni qajeela.

Jalbultii Irreechaa

Bara kana waan addaa keessa turre. Ummanni Oromoo bakka jiru hundaa, waan tokko waggaa guutuu Waaqaa kadhachaa turan. Kunis, “Irreechaa baranaa  nagaa nuuf godhi;  isaan wareegaman  lubbuu  nuuf maari,” jedhanii Waaqatti boohaa fi dhaammataa turan. Kadhaa kanaan duubas, ummanni  Oromoo miliyoonaan lakkaayaman, barana  kutannoodhaan kara Bishooftuttii imaluu eegalan.

Maarree, anis akkuma saba koo kaanii, kutannoon gara Irreechaa kanan imale jalbultii  irraa eegaleen ture. Ayyaanichi gammachuun akak xumuramu abdiin koos guddaa ture. Kanaaf, kan wareegame otuma yaadannuu, ayyaana baranaa immoo sirbaan dabaaluun duudhaa hin hafne ta’e. Akkanaan, ayyaana Irreechaa kabajuuf  uffata aadaa koon faayameen  manaa ba’e.   Imala koo booda bakka ummanni Oromoo  jalbultii  kabajuttan bahe.  Daandiin hin muldhatu;  baayyina ummataarraa kan ka’e.  Namuu akkuma isaaf mijajtetti, jalbultiitti seene; kaan ni sirba; kaan ni dhiichisa; kaan ni daawwata. Akkanaan jalbultii keenyaa haala bareedaan kabajnee, kan gales galee, kaaniis achuma bule.

Galata Waaqaa

Namuu bakak jiru irraa obboroo  kara  hora Harsadetti qajeele. Ummati Oromoo kaabaa kibbaa, bahaa dhiyaa walwaamee Ardaa Irreechaatti yaa’e. Anis  barii barraaqa  uffatakoo ufffadheen  mana kootii  ba’e. Kanneen itti dhiyaatan immoo Abba Gadaan  dursamanii gara Harsadii imalan. Foolleen nagaaf bobbaafamnis mallattoo nageenyaa kan ta’e, huccuu adii uffatanii bitaa mirga toáchuu itti fufan.

“Galata Waaqaa!” barana ardaan waan biraa urgaa’e; naannoonis  alaabaa Oromoofi  Qeerroo Oromoon dhuunfatame. Bara kana saroonni  karaarra hinturre; bakak iyyuutti, Qeerroo-  dargageessaa fi shamarran, maanguddoo fi jaarsa otuu hin jedheen dhiichisaa fi dhaadachaa gara Ardaa Harsadii qajeelle; alaabaa keenyas qabannee, kara hora Harsadetti  imalle!! Karaan Hora Harsadii, Karaa Bilisummaa, Karaa Nagaa, Karaa Araaraa fi Karaa Damboobinaa ta’uu firaafis diinaafis mul’ifne.

Galata Qeerroo

Barana yeroon ardaa Irreechaa gahe, waan addaan arge. Kunis, ardaan Irreechaa kun ardaa Bilisoommaa ta’e. Alaabaan keenya, bakka addaddaatti deebi’ee hanga’ee mul’ate. Qeerroon kutannoon alaabaa Oromoo  ol baasanii mirmirsaman. Dhugumatti, Qeerroon nu boonsan; abdii Oromoo ta’uus nuuf mirkaneessan.

Hunda caalaa, ardaa bara darbe Qeerroon itti wareegaman, deebisanii ardaa mirga Oromoo itti falmatan taasisan. Dhaadannoon Qeerroo, “Down Down Woyyaanee!  Chawo Chawo  Wayyaanee!”   jedhu soda fi bir’uu tokko malee dhageessifame.

Dhaadannoon kun Qeerroof yaadannoo addaa ti. Bara kaan, Qeerroon hedduun dhaadannoo kana dhageessisuu isaaniif gara jabinaan ajjeefaman; kaan akak biyya irraa baqatan taasifaman. Amma illee, sababa kanana manneen hidhaa keessatti kanneen duraraa fi hiraarsaan irra gahaa jiru hedduuu dha. Kanaaf, dhaadannoo kun, dhaadannoo qofaa miti; kaayyoo gootota Oromoo kan haaromsu, Booree dha; waadaa dha; irbuudha! Gumaan wareegamtotaas bilisummaan akka deebi’u kan dhaamu, Nagaroo Dhugaa ti.

Namuu, xiiqiin sirba; dhaadata; ragadas. Kun gochaa dhaloota gabrummaaf hinsarminee ti. Ani, gama kiyyaan, yeroon waan kana argetti, keessattuu, alaabaa Oromoo deebitee hangaatee mul’atte,  yeroon arge, gammachuun boohe;  imimmaankoon qabachuu dadhabe. Kanneen haqa kana fiduuf lubbuu isaanii balaaf dabarsanii kennan maran mil’adhe; tokko tokkoonis ija dura na dhufan; Ahaaa!!

Ammatti, waantoti hin deebine hedduu dha. Ammoo, waantoti ammatti argaman kan tuffataman miti. Amni nu hafu dheeraa dha; galiin keenya garuu fagoo miti.

Anis akkuma Qeerroo gara Ardaa Irreechaattin imale.Garuu, otuun bakka Irreechaa hin geenye, dhaadannoottin seene; dhaadannoo bira darbuu waanan dadhabeef Qeerroo waliinan dhaadannookoo dhaadadhe;  amman quufuttis dhiichisee, WBO koo faarse.

Eehee, osoon hin irreeffatiin sa’atin natti deemee ture. Egaa, deeemee irreeffachuun immoo dirqama koo ture. Akkanaan deemee irreeffadhe. Sana booda  sirbaa fi dhaadachaa,  poolisii Oromiyaas ofduukaa buusnee, dhichisaa  kara magaalaatti deebine.

Akkanaan, nuti, Hambaan Bardeengaddaa, akkuma bakka addaddaa irra walitti dhufnetti, nagaan addadda baanee, gara qe’ee keenyaatti deebine. Kan jennes, “Waaqa imimmaan keenya bara darbee nurraa qorsee barana gammachuutti  nuuf jijjiire galateeffanne; Waaqa baranaan nu ga’e, bara egereen akka nu ga’u kadhane; Waaqni  nagaa fi jaalala akka nuuf baay’isu kadhanne; kan arganneefis galatoomi,” jenne.

Siifan Bariituu,

Onkoloolessa 4 bara 2017.

Yaadannoonsaa:

 Ummata keenyaa magaalaa Bishooftuutti mootummaa abbaa Irreen dhumaniif haa ta’u!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: