Sadaasa 5,2016
Monthly Archives: November 2016
Dhumaatii fi Dhabamuu irra Dandamachuuf
Aside
Damee Boruu Irraa
Waraana Wayaanee amma funyaa isa gahutti meeshaa baraan hidhatee jiru Qeerroon Bilisumaa Oromoo harka qullaa murannoo guutuun dura dhaabbatee sochoosuu dorkuudhaan injifannoo isa duraa uummata Oromoof galmeesse jira. Uummatni Oromoos waamicha ijoollee isaa fudhatee Oromiyaa guututti irree tokkoon ka’e, “lakki nu gahii nu irraa deemaa” jechuudhaan qabsoon bilisummaa akka dagaagu gargaareera. Mootummaan TPLF,” amman bakkatti isaan galsha “jettee dhaadachaa turte waan qabduu fi waan gadi dhiistu walaaltee ofii bakka galtu mala dhachuu eegalte.
Mala argatte keessaa tokko Labsii Hattattamaa labsuudhaan uummata Oromoo caalaatti hiraarsuu fi sodaachisuu yaaluu akka tahe agarree jirra. Innis akka ishee baasuu hin dandeenye bareechitee hubatti. Gochi kun hunda caalaa saaxxila ishee baasee akka qullaa dhaabbatu ishee godhee jira. Kan dura qabeenyi biyya sana baayyee gudachaa fi demookraasiin biyyaa sana keessatti hedduu dagaagaa jira jedhanii warri ishee faarsaa ture hunduu wajjin salphate. Beelli karaa tokkoon uummata fixxaa jira. Ishee aangoo irraa turuuf jechaa humna ishee dura dhaabbatu hundaa fixxuuf abbalaa jirti. Haalli kuun lubbuu ishee gabaabsaa jira malee aangoo irra kan ishee tursiisu miti. Ummatni Impayeera Itoopiyaa sana keessa jiruu hunduu ishee xireefatee irratti ka’aa jira. Continue reading
Lixa Oromiyaa Aanaa Guutoo Giddaa Ukkee Qarsaatti Hidhaaf Dararaan Uummataa Mootummaa Wayyaanee Akkuma Itti Fufetti Jira
Aside
Sadaasa,3,2016
Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti ilmaan Oromoo Ajjeefamaa,Gideedamaa,Hidhamaa,Reebamaa jiraachuu himamaa jira.Haalli kun daran kan hidda gadi fageeffatee jiru yoo ta’u Uummata dararuuf kinaanuun waan aangoo isaarra turu itti fakkaatullee dararaa suukanneessaan kun gadoof haaloo jabaa akka uummatni qabatu taasisaa jira.Godina Wallaggaa Bakkeewwan Hedduu Keessatti Haalli Jiruuf Jireenya Uummataa Daran Yaaddeessa Ta’aa Jira
Aside
Sadaasa 4,2016
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Sadaasa 4, 2016
Aside
Kabajaan Jaallan Qabsoo Nudura Eggalaniif Haata’u. FDG Umurii Waggaa 1 Jechuun Seenaa Jaallan Baroota Dheeraaf Wareegamanii Haaluun Seenaa Saba Ofii Wallaaluu Irraa Eegala.
Aside
FDG / FXG Waggaa 11 Guute – Warri Reefuu Hirribaa Ka’an Waggaa 1 Jedhu
Kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan tahe ABOn gama isaatiin duula diinaa kana wareegama akkaan ulfaataa tahe baasuudhaan murannoo fi cichoomina, akkasumas of kenniinsa ol’aanaadhaan dura dhaabbatee fashalsuudhaan bara 1998 Kora Sabaa Hatattamaa gaggeeffachuutti erga milkaawee booda mala ittiin duula cubbuu Wayyaaneen gaggeessu kana guutuutti irra aanuun danda’amu irratti halkanii-guyyaa hojjechuu fi mala baasuu jalqabe.
Tooftaa fi tarsiimoo ABOn kanaaf baafate keessaa guddaan tokko duubbeen QBO Ummaticha Abbaa Qabsoo (Saba Oromoo) fi Oromiyaa bal’oo akka tahuuf hojjechuu dha. Hojii qabsoo bal’aa fi dadhabsiisaa obsaa fi bilchina guddaa, akkasumas wareegama hadhaawaa gaafatu kanaatu bara 2000 irraa eegalee Ummatni Oromoo (keessattuu dargaggootni Oromoo) maadheedhaan ijaaramuudhaan akka QBO irraa bal’inaan hirmaatan taasisuutti milkaawuu jalqabe.
Ganna 11 dura (Sadaasa 09, 2005) hoogganummaa Adda Bilisummaa Oromoo fi hirmaannaa Saba Oromoo (keessattuu dargaggoota Oromoo)tiin Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) dhowee guutuu Oromiyaa waliin gahuudhaan sirna bittaa alagaa hundee irraa raasuu jalqabe itti fufiinsa hojii kanaa ture. Warraaqsi Bilisummaa Oromoo yeroo sana maqaa Finicla Diddaa Gabrummaa jedhuun dhowe hirmaannaa Sabni Oromoo Qabsoo Bilisummaa isaa keessatti qabu boqonnaa haaraatti kan ceesisee fi duubbeen QBO Ummatichuma Abbaa Qabsichaa sana tahuu kan mirkaneesse ture. Osoo Wayyaaneen ABO fi WBO bosona Oromiyaa fi biyyoota ollaa keessatti adamsituu magaalaalee fi baadiyyaalee Oromiyaa guutuu keessatti dargaggootni Oromoo ABOdhaan gurmaawanii Alaabaa Dhaabichaa mirmirsaa WBO fi ABO faarfachaa gaaffii Bilisummaa ifatti dhawwaaquudhaan ABOn Oromoo, Oromoonis ABO tahuu fi duubbeen ABO Ummata Oromoo tahuu ifatti mul’isan. Continue reading
SBO Sadaasa 04,2016. Oduu, Ijoo Dubbii ABO, Sadaasa 9 Guyyaa Yaadannoo FDG Waggaa 11ffaa ilaalchisuun Ibsa Qeerr oo Bilisummaa Oromoo irraa kennamee fi Gaaffii fi deebii dargaggoo Mu’aaz Zeeynuu kan mana hidhaa Riyaad, Sa’ud Arab iyaa keessatti argamu waliin geggeeffame
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Sadaasa 3,2016
Aside
Suurri Kun bara 1960 keessa kan kaafamedha, Yeroo ayyaana dubartoottaa. Gindabarat, Muka Diimaa
Aside

Godina Arsii Aanaalee Adda Addaa Keessatti Finicilli Xumura Gabrummaa (FXG) Itti Fufe.
Aside
Sadaasa 3,2016
Godina Arsii Magaalaa Ashmiiraa keessatti Wayyaanen konkolaataa nama dhuunfaa maqaan isaa Abdii Muhammad jedhamuu gubuudhaan ummatatuu gube jettee ummata mana hidhaatti erga guurtee booda mana hidhaa keessatti warra miseensa Qeerroo ta’eef warra miseensa ABO ta’e nuuf himaa jettee ummata dararaa jiraachun dhagayameera
Kana malees Godina Arsii Magaalaa Ashmiiraa keessatti wayyaanen konkolaataa nama dhuunfaa maqaan isaa Abdii Muhammad jedhamuu gubuudhaan ummatatuu gube jettee ummata mana hidhaatti erga guurtee booda mana hidhaa keessatti warra miseensa Qeerroo ta’eef warra miseensa ABO ta’e nuuf himaa jettee ummata dararaa jiraachun dhagayameera
Ummata Oromoo Wayyaanen guurtee hiite.wareegamaa jiraachufi miidhaa adda addaatif saaxilamaa jiraachuu hidhamtoonni Godina Arsiitirraa qabdee hiite akka jedhanitti ispoortii humnaa olii dalagaa jechuun ummata dadhabbiin lafatti hafe reebudhaan ajjeesaa jiraachun dhagayamaa jira. Continue reading