Gootummaan Oromoo kana duraa ammas akka itti fufuu hawaasa keenya jajjabeessuuf gootummaa keenya kaleessaa beekùun barbaachisaadha!

Aside

Gootummaa  kutaa 2ffaa

Noolee Buttaatiin

akkatti-jiruOromoon gaafa lolaaf ba’u “lafee jedhee “nyaata” waliin nyaata namni nyaata sanatti akka tasaa dhaquyyuu dhiisee galuun qaaniidha…….

Kutaa darbe keessatti Gotummaa irratti  gootummaa Oromoon dur qabuu fi har’as gootummaa qabaannee ilaacha warra lixaa fi rakkoolee keessaatiin qabsoon Oromoo keessattuu waggoota 11ffaaf  adeemsifamaa jiru gara fuula duraatti Humna Ittisa Uummataa  kan tooftaa waraana ammayyaa fi waraana riphe lolaa Gadaatti dhimma bahuu qaba ilaalcha jedhurraa ammas kutaa 2ffaa isaa isinii barreessuuf dirqameen jira.

Gootummaa Oromootiif lammiileen alaafi diinni ollaa Oromoo utuu hin hafin barreessaniiru,ragas ba’aniiru. Kan dhiironni barreessanirraa waan dubartoonni Goojjam dhiira isaaniitin jedhan kun qofti ga’aadha!

አመጣለዉ ብሎ ጆሮ ትልትል በረ
ጮማን  ገብቶ ቀረ የጎጃም ገበረ 

Bara 1840oota keessa hattootni Goojjam keessaa ka’anii uummata Oromoo saamuuf naannoo Horroo Guduruutti yeroo nam’an waraanni riphe lolaa Gadaa laaqii keessatti eeggatanii haleelanii achitti isaan fixaa turan keessattuu laaqiin Raaree Coomman lola kanaaf mijataa akka ture loltoonni yeroo sanaa filachuu isaanii barrooleen Seenaa Oromoo galmeessaniiru.

Yeroon kun yerootti Abiisheen weerartoota yeroo lamaa ol of irraa qolateefi humnoota akka Qadiidaa Wannabee isa Jimmaa Raaree,Teessoo Qannoo isaAmuru Jaartee fi Soorii Galaa isa Jimmaa Gannatii warra alagaa wajjin Goojam irratti qunnamtii tolfatuun waraana Oromoo naannoo sanaa irratti geggeessuuf utuu jiranii,tokkummaa dhabuu Oromoota Horroo Guduruu kan hubatte Haati Mootii Gudayyaa Dojaa Arbaas akkas jette jedhama. Continue reading

Yuunibarsiitii Jimmaa Damee Kitoo Furdisaa (Technological science) Keessatti Barattoota  Ambulaansiidhaan Rukutuun  Ajeesanii Jirachuun Beekame

Aside

Sadaasa 5,2016

Mooraa Jimma Yuunibarsiitii damee Kitoo Furdisaa keessatti qaroo hawwaasaa kan ta’an barattoota Oromoo sadii Ambulaansiidhaa beekaa rukutuudhaan lama ajjeesanii tokko du’aaf jireenya gidduu jiraachuu Qeerroon gabaase.Ajjeechaan kun  guyyoota muraasa darban keessa kan fudhatame yoo ta’u,Barataan Ajjefame tokko gaafasuma haara reef kan mooricha seenee guyyuma sana du’aan gale yoo ta’u kanneen hafan sunneen illee haala rifaasisoon ajjeefamuun akkan kan Aarse jiru ta’uu barattoonni dubbatan

Dhumaatii fi Dhabamuu irra Dandamachuuf

Aside

Damee Boruu Irraa

Qeerroo bilisummaaWaraana Wayaanee amma funyaa isa gahutti meeshaa baraan hidhatee jiru Qeerroon Bilisumaa Oromoo harka qullaa murannoo guutuun dura dhaabbatee sochoosuu dorkuudhaan   injifannoo isa duraa uummata Oromoof galmeesse jira.  Uummatni Oromoos waamicha ijoollee isaa fudhatee Oromiyaa guututti  irree tokkoon ka’e, “lakki nu gahii nu irraa deemaa” jechuudhaan qabsoon bilisummaa akka dagaagu gargaareera. Mootummaan TPLF,” amman bakkatti  isaan galsha “jettee dhaadachaa turte waan qabduu fi waan gadi dhiistu walaaltee ofii bakka galtu mala dhachuu eegalte.

Mala argatte keessaa tokko Labsii Hattattamaa labsuudhaan uummata Oromoo caalaatti hiraarsuu fi sodaachisuu yaaluu akka tahe agarree jirra. Innis akka ishee baasuu hin dandeenye bareechitee hubatti. Gochi kun hunda caalaa saaxxila ishee baasee akka qullaa dhaabbatu ishee godhee jira. Kan dura qabeenyi  biyya sana baayyee gudachaa fi demookraasiin biyyaa sana keessatti  hedduu dagaagaa jira jedhanii warri  ishee faarsaa ture hunduu wajjin salphate. Beelli karaa tokkoon uummata fixxaa jira. Ishee aangoo irraa turuuf jechaa humna ishee dura dhaabbatu hundaa fixxuuf abbalaa jirti. Haalli kuun lubbuu ishee gabaabsaa jira malee aangoo irra kan ishee tursiisu miti. Ummatni Impayeera Itoopiyaa sana keessa jiruu hunduu ishee xireefatee irratti ka’aa jira. Continue reading