FDG / FXG Waggaa 11 Guute – Warri Reefuu Hirribaa Ka’an Waggaa 1 Jedhu
Kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan tahe ABOn gama isaatiin duula diinaa kana wareegama akkaan ulfaataa tahe baasuudhaan murannoo fi cichoomina, akkasumas of kenniinsa ol’aanaadhaan dura dhaabbatee fashalsuudhaan bara 1998 Kora Sabaa Hatattamaa gaggeeffachuutti erga milkaawee booda mala ittiin duula cubbuu Wayyaaneen gaggeessu kana guutuutti irra aanuun danda’amu irratti halkanii-guyyaa hojjechuu fi mala baasuu jalqabe.
Tooftaa fi tarsiimoo ABOn kanaaf baafate keessaa guddaan tokko duubbeen QBO Ummaticha Abbaa Qabsoo (Saba Oromoo) fi Oromiyaa bal’oo akka tahuuf hojjechuu dha. Hojii qabsoo bal’aa fi dadhabsiisaa obsaa fi bilchina guddaa, akkasumas wareegama hadhaawaa gaafatu kanaatu bara 2000 irraa eegalee Ummatni Oromoo (keessattuu dargaggootni Oromoo) maadheedhaan ijaaramuudhaan akka QBO irraa bal’inaan hirmaatan taasisuutti milkaawuu jalqabe.
Ganna 11 dura (Sadaasa 09, 2005) hoogganummaa Adda Bilisummaa Oromoo fi hirmaannaa Saba Oromoo (keessattuu dargaggoota Oromoo)tiin Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) dhowee guutuu Oromiyaa waliin gahuudhaan sirna bittaa alagaa hundee irraa raasuu jalqabe itti fufiinsa hojii kanaa ture. Warraaqsi Bilisummaa Oromoo yeroo sana maqaa Finicla Diddaa Gabrummaa jedhuun dhowe hirmaannaa Sabni Oromoo Qabsoo Bilisummaa isaa keessatti qabu boqonnaa haaraatti kan ceesisee fi duubbeen QBO Ummatichuma Abbaa Qabsichaa sana tahuu kan mirkaneesse ture. Osoo Wayyaaneen ABO fi WBO bosona Oromiyaa fi biyyoota ollaa keessatti adamsituu magaalaalee fi baadiyyaalee Oromiyaa guutuu keessatti dargaggootni Oromoo ABOdhaan gurmaawanii Alaabaa Dhaabichaa mirmirsaa WBO fi ABO faarfachaa gaaffii Bilisummaa ifatti dhawwaaquudhaan ABOn Oromoo, Oromoonis ABO tahuu fi duubbeen ABO Ummata Oromoo tahuu ifatti mul’isan. Continue reading