Jimmaa Yuunibarsiitii Mooraa Kitoo Furdisaa Barattonni Oromoo FXG Finiinsaanii Jiran

Aside

Nov 20,2016

Itti fufaHumni hidhannoo guutuun mooraa barattootaaf hawwaasa biyyaatti keessa socho’u yeroo dararaa uummata Oromoorraa dhaqqabsiisaa jirutti sodaa tokko malee gootummaa guddaan hawwaasi Oromoo akkasuma barattonni bakkeewwan hedduutti diddaa garbummaa jabeessanii jiran
Haluma kanaa guyyaa kaleessaa barattoota sabboontota Ilmaan Oromoo sababa tokko malee Jimmaa Yuunibarsiitiirraa humna Command Post n qabamanii mana hiraarsaa galanii kan jiran yoo ta’u barattoonni karaa nagaa akka hiikamaniif gaafatan illee deebiin argame akka hiikamu hin dandeenye yoo ta’u,hanga barattoota qabdaniif ilmaan Oromoo hiraarsaa jirtan gadi lakkiftanitti jechuun dhaadannoof sagalee gurguddaan
Mooraa kitoo Furdisaa keessaa barattoonni sagalee dhageessisaa jiran  Qeerroon barattoota Oromoo barruulee duula lagannaa barnotaa walii
keennaa jira.

SBO: Sadaasa 20 bara 2016. Oduu, Hiriira Hawaasni Oromoo Afrikaa-Kibbaa magaalaa Keeptaawunitti gaggeesse ilaalchisee gabaasa qindaa’e fi Gaaffii fi deebii Dr. Gadaa Oljirraa waliin taasifame -Kutaa xumuraa.

Aside

Fanxoo Dhoksuun Dhukkuba Hin Fayyisu

Aside

Damee Buruu Irraa

Saadasa 11-13, 2016 dramaa ODF fi OPDO Oromoon hin dhageenye ykn hin agarre yoo jiraate warra wal quunnamtii biyya lafaa irraa cite uummata Oromoo bal’aa qofa tahuu qaba .Seenaa qabsoon uummata Oromoo keessa godaannee as gahee warri beeknu dhaloota qubee hara’a qabsoo uummata Oromoo gatittii isaatti ol fudhate wareegama madaalii hin qabne baasaa jiruuf ibsuu yoo dhagannee dhiigni gootota Oromoo nu gaafata. Nuyi seenaa beeknu ibsuu malee  murtii fi hubannaa barbaadu kan fudhachuu qabu warra seenaa Qabsoo uummata Oromoo hordofuu taha. Waan tokko kana booda kan ifa tahuu qabu jira. “Fanxoo dhoksuun dhukkuba hin fayyisu “,jedhan.  Qabsoon uummata Oromoo akka hin miidhamne  sodaachuu irraa kan ka’ee warra qabsoo uummata  booressaa fi doomsaa jiran afaan qabanii ilaaluun dogongora guddaa dha. Hundi keenya iyyuu seenaa durati itti gaafatamuuf tenya. Hojiin keenya inni duraa seenaa agarree fi hubanne uummataa ibsuu dha. Ummatni  bal’aan Oromoo akka barbaadetti  seenaa keessa dabarree fi  itti jirru kana dhugeefachuu  ykn tasa baasee  gatuuf mirga qaba. Continue reading